Caamsaa 11, 2006 (Oromiyaa) - Gaafa 07/04/06 irraa eegalee naannoo harargee lixaatti finilli diddaa gabrummaa kan ayyaana opdo dura dhaabbatu waan jabaatee itti fufeef, barattootaa fii ummata oromoo naannoo sunii akka jirutti humna waraana wayyaanee guddaa itti fiduun mana hidhaatti guuraa jiran.
Akka kanaan Naannoo Hirnaa Araddoota Rakkataa furaa,Odaa bal'inaa fii magaalaa keessaa hiis barattootaa fii ummata odoo dubartootallee hin hanbisin mana hidhaa fii mooraa waranaatti guuruun gara sa'aatii 24 ol nyaataa fii bishaan malee kaayanii ABO isin keessa jiru himtan jechuun rakkisaa jiran.hanga dhaamsa isinii ergunu kanattillee nama qaqqabaati jiran. namoonni hanga ammaatti qabame Hirna irraa gara 100 olii ni tahan.
Galamso fii Machaaraas haaluma hiraatin kan wal fakkaate tahee garuu qabeenya ummataatiis saamaa dukkaanaa fii diishiin odoo hin hafin gara nama 1000 ol hidhanioi rakkisaa jiran. naannoon kuni lfa hidhaa fii lolaa taateeti jirti. Garuu baadiyaa keessaa bulchiinsa isaanii ummanni ufirraa diigeeti jira. Kanaaf, ummata magaalaa dhaqachuu dhufu hunda gara mooraa waraana wayyaanee Agaasii ja'amutti guuraa jirti.
Ciroo, Badeessaa fii bakkoottan birootiis bifuma kana qaban. Oromoonni harargee lixaa wanni ummata oromootii dhaaman akka fincila jalqabdan irraa uf booda hin deebine, fakkii nuti qabannee jirru kanaarra akka hin dabnee itti fuftan jechaa waamicha dhala oromoo hundaa dabarsaa jiran. akkasumatti waraana wayyaanee keessa warra jiraniif dhala oromoo yoo taatan wayyaanee cinaa dhaabbattanii akka ummata keessan miidhuu irraa if qusattan waamichaa oromummaa isinii goona jedhan.
Dirree dhawaatti barattoota oromoo fii kan dhalootaan Tigraay tahe walitti wayyaaneen dirtee akka barattoonni tigraay tahan nuti lubbuu keenya sodaannee asii deemna ja'an gootee jirti. akka kanaan ganama kana barattoonni tigree mi'a isaanii guurratee nuti ni galla gara qa'ee teenyaa waan asitti sababa wayyaanee tiin reebamnuuf hin qabnuu jedhanii yeroo bahan, wayyaanee waraana duratti baaftee warra isin rakkise amma tarkaanfii itti fudhaanaa hin deemtan jechuun ganda Saabbiyaan bakka riqichaatti wal dura dhaabbachaa jiran.
Wayyaanee dirree dhawaatti manoota mailii hundatti ajaj dabarsitee nama afaan Oromootiin dhaamsa dabarsu tokkoof yoo hayyamtan itti duutan jechuun namni Oromoo akka lafa mailii hin dhayne gooteeti jirti.akkasumatti warra tika isii itti ramaddeeti mailii tohaachaa akka jirtu ibsame.
Injifannoo ummata oromoof!
Gadaan gadaa Bilisummaa ti!!
|