Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa

Ebla 8, 2006 (Oromiyaa) - Godina Jimmaa Ona Saqqaa Coqorsaa Magaalaa Ulaa’ukkee Reedi’oo SBO, Ameerikaa, Eertiraa fi Jaaarmaanii naannoo sanatti dhaggeeffachuun yakka guddaa ta’ee jira. Akkasumas mana cidhaatti kaaseetta Afaan Oromoo dhaggeeffachuun illee yakka guddaa ta’ee eegamaa jira.

Gochaa kanas kan godhee gochisiisaa jiru sabummaan isaa Amaara kanta’e Bulchaa ganda kanaa Garramuu Qees Birahaanuu jedhamuudha. Egaa namni kun yoo gochaa isaa kanarraa of hin qusanne tarkaanfiin akkarratti fudhatamu sab-boontonni naannoo dubbataniiru.

Gara biraan achuma ona Shabee Somboo magaalaa Somboo fi magaalaa Shabee keessatti sab-boontoota basaasanii rakkisaanii rakkisaa jiran Taysiir A/Foggii fi Awwal Shariif nama jedhamaniidha. Namoonni kun lamaan jiraattota magaalaa kanaa fi naannoo kanatti argaman halkanii fi guyyaa mana namaa jala bulanii kan basaasaa jiranu ta’uu jaraa madden naannochaa cimsanii dubbatu. Dabalatas namoonni kun lamaan A B O jibbisiisuuf honti jarri godhaa hin jirre hin jiru waanta’eef akeekkachiifni cimaan itti haa kennamu.   

***********

Magaalaa bishooftuuti dhiitaan mirga sabummaa ammas ittifufeeti jira. Jimaata kaleessaa gaafa bitooteesa 29/1998 ALH baratoonii Oromo mana barumsaa Boollee jadhamu keessati afaan oromootiin sirbiitu jadhamanii poliisii magaalaatiin reebamaniiruu. Baratooni kun I/A/kantiibaafi I/G waajira barootaa kani ta'an Ob.Girma Addunyati kan iyyatan yoo ta'u  I/G kun iyyata baratootaa dhaga'u dhiisee baratoota poliisiin kan reebsisee ta'u isaa odeefanoon magaalicha keessaa arganee nii ibsa.

**********

Godina Jimmaa ona Qarsaa fi naannoo isheetti Alaabaan A B O baayyinni isaa 10n ta’e guyyaa harraa hidhamee oleera. Ganamaa qabee hanga sa’aa 5.00tti bakkuma hidhame ture. Guyyaan harraa guyyaa ayyaana opdo ona Qarsaati. Egaa guyyaan harraa opdof guyyaa dhiphinaa fi guyyaa gaddaa ta’ee ooleeraaf. Gara biraan ammo barruuleen dhaadannoo fi ABO faarsu fuula dhibbi tokko fi shantamni (150 ) baayyifamee mana barumsaa, waajjira fi bakkoolee adda addaatti maxxanfamee oolee jira.

Akkuma walii galaatti magaalattiinii fi naannoon ishee hanga yoonaatti jeequmsa guddaa keessa jirti. Dabalata ammo ummanni magaalatti baayyee gammadee ijoollee eebbisaa oole waanta’eef sbo akka galata nuu galchuuf jedhani jiru.  Gadaan

Gadaa Bilisummaati!!

Injifannoon Ummata Oromoof

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net