Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa

Caamsaa 7, 2006 (Oromiyaa) - Magaalaa Dirree Dawaa fi naannoo keessatti Finicilee Didaa Gamrumma torbaan kana haala Owadhaan demaa jiraa. Taahus kan guyaa  5 tiifi 6 kan akkan diinaa Oromoo nasiise fi firoota qabso Oromoo Gamachisedha

Guyaa 06/04/2006 Gotoonii Barattotaa Oromoo Mana barumaasa sadarka 2ffaa Sabiyaan kana lakofsaan 300 calaan Midhaa yeroo amaan tanaa Baratotaafi Barsisotaa akasumaas Ilmaan Oromoo ratii gahaa jiruu mormudhaan dhadanolee :-

1. Barsiisooni Oromoo fi Baratoonii Hidhamaan Haahikaman;
2. Midhaan Yeroo amma Ilmaan Oromorattii gahaa jirtu hadhabatuu; 
3. Oromoonii siyaas hidhaman hundiinu akka hikaman;
4. Basanooni Ganda kesaa deemudhaan Baratotaa fi Sabontotaa Basassa jiran of hasiresan

Jachudhaan Alabaa Adda Bilisumaa Oromoo qabatanii dhadanolee Garaa garaa dhagesisaa osoo jiraani baka magaalaa Jimaa Mana barumasa kiirestoos jadhamu biratii Polisonii Dhiibotaan lakawaman Baratota marsanii oso jiranuu haawwan magaalaa Jimaa Qabrijoolee baratotatii dirmachudhaan polisotaa iraa midhaa cimaa gesisanii jiraan.

Gamumaa kanaa Baratotataa midhaan irra gaheekesaa:- 1. Baratuu Samiraa Abdalaa   midhaa iraa gaheen Ilkeen Tokko cabee jiraa; 2. Hawaasa keessaa Samara Abrahim akaumas baratotta lakofsaa hin bakamnee hidhamanii jiran.

Haawasafii baratoonii gocha dinaa kanatii arudhaan dhadanno:- Qabsawaan nii kufaa qabsoon itii  fuffaa Nutii Gafiin ilaam kenyaa gaafi tenyaa Isaan cinaa dhabachudhaan nii qabsoynna .

********

Godina Arsii Lixaa Ona shaashamannee keessatti Ayyaana Hundeeffama O.P.D.O irratti uummanni bayuu Diduun dhagahame guyyaa 06-04-2006 Ona 16 irraa waltt qabuuf yaalii godhanis akka isaan yaadanitti osoo hin milkaayin hafan kan walgayii irratti huumnaan argamsiisanis osoo isaan sagantaa isaanii hin jalqabin itti iyyuudhaan Ayyaanicha akka Lukkeewwan Diinaa qofa kabajatan godhanii jiru gama biraatiin Godinuma kana keessatti Midhaan gamtaaa Aworoopaa irraa uummata Godina  Arsii Lixaatiif argame kuntaala kuma shantamii shan 55,000 hanqina Baajataa isaan qunnameen bakka buusuudhaaf akka gara Finfinnee fe`anii gurgurataa jiran irra gahamee jira guyyaa 05-04-2006 ganama keessaa saa`aa sadi.itti konkolaataa laakkofsi isaa 147934 finfinnee ta.eefi 496577,fi tokko laakkofsi isaa hin beekkamneen gara Finfinnee fe`ammee gurguramee jira.

*******

Wallagga Lixaa keessatti FDG  itti fufee jiraachuun dhagahame. Haaluma kanaan, gaafa 05-04-2006 M/Barumsaa Sad.2ffaa Gimbiitti sochiin gaggeeffamaa ture. Bulchiinsi OPDO Godinaa fi Aaanaa walta'uun barsiisota jalee ta'an filatuun 'Mirgaa fi dirqama' barattootaa barsiisna jedhanii barattootatti dhaquun yaada kijibaa lallabuun  erga xumuranii 'nama sin keessaa sin eegu' fi dhaa jedhanii barattoota adda qooduuf yoo ka'an barattootni 'nuyi ofii of eegna, nama nu eegu hin barbaannu' jechuun itti fincilanii didanii barumsa dhiisanii Mooraa mana barumsaa keessatti sirbaa fi dhaadannoo dhageessisaa oolanii galaniiru. "Isin warra gumaati, nu waliin haasahuu  hin dandeessani' jedhanii sirbaa turani!!

Godinuma kana keessaa bakka Magaalaa xiqqaa Hoomaa jedhamu baadiyyaa isheerraa gara nama digdamaa(20) olii guuranii Gimbiitti hidhanii jiru; barattoota gara kudhanii(10) ta'anis hidhanii mana hidhaatti elektirikaan dararaa jiru, kaawuyyaa uffataan ijoollee dararaa(torture) godhaa jiru.

********

Finfinnee keessatti Sochiin FDG QBO ABO hoggantamtu itti cimuun Wayyaanonni waan godhan dhabnaan uummata nagaa jireenya idileerraa ukkaamsaa mana jireenya namaa akka fedhanitti ajaja mana murtii malee halkan sakatta'aa akka jiran dhagahame.

Haala kanaan otoo jaarsa, jaartii,dhiira dhalaa, barataa barsiisaa hin jenne nama argan akka hidhaa jiranidha.Itti dabalees Waldaa Maccaa fi Tuulamaa hoggantootni hidhaman hiikamanii waajjirri isaas akka banamu gaaffiin uummata Oromoo yaroo dheeraaf otoo itti fufee jiruu jaarrolee hafan kan akka Obbo Tsaggayee fi Obbo Mangistuu fi kan ammaf maqaan nu hin geenye mana sakatta'uun ajaja malee hidhaatti fudhatanii jiru Wayyaanonni!!

Keessa beektotni Wayyaaneen gochaa kanaaf kan durqamte sochiin waliigala QBO ABOn gaggeeffamu waan itti cimeef abdii kutataniituu jedhanii ibsu.

********

Fincilli diddaa gabrummaa uummatni Oromoo ifaa fi dhoksaatti gaggeessaa jiruun rifachuudhaan wayyanee fi jaladeemtotni ishee OPDOn waan qabduu fi waan gadhiistu wallaaltee maraachaa jirti. Haaluma kanaan gaafa 26/07/98 ALH Aanaa Adaamii tulluu mana barumsaa olaanaa baatuutti ganama manni barumsichaa osoo hin beekiin  humni waraanaa mana barumsichaa marsee yammuu qabatu barsiisonnii fi barattoonni waan dhaalte yeroo gaafatan hardha jeequmsa kaasuuf akka qophii qabdan oduutu nu qaqqabe jechuudhaan baratootaa fi barsiisota to'achaa olaniiru.

Yaroo ammaa kana sochii fincila diddaa gabrummaa uummata Oromoon jabaachaa dhufeen wayyaaneen waan rifateef amantii hidhattoota gandaa irraa dhabuun ishee beekame. Haaluma kanaan keessumaa hidhattoonni gandaa qotee bulaa keessa jiran ummata wajjiin nuratti ka'u jedhanii guddaa waan sodaataniif hidhattoota gandaa kanaan dura ofii hidhachiisan irraa meeshaa waraanaa sassaabanii waajjira poolisii anichaatti gura jiru. Kana malees aanole kaanittis haluma kanaan raawwachuudhaaf qophiitti akka jiran oduun keessa beektota irraa nu qaqqabe ni addeess

Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net