Caamsaa 6, 2006 (Oromiyaa) - Guyyaa 4/4/2006) Boordii Macaa fii Tuulamaa kan Ta`an Jaarsa Wagaa 70 ta`an obboo Tsaggaayee Waldayoonis Qabanii Ma`ikalaawwitti hidhuun beekkame Wayyaanen abdii kutaa waan jirtuuf uummata finfinnee keessa jaarsa, dargaggeessa otoo hin jenne hidhaa akka jirtu barame.
**********
Godina Kibba Lixa shawaatti FDG cimee itti fufee jira. haaluma kanaa kaleessa Aanaa bachoo magaalaa Tullu Boolloo keesa manni baruumsaa jiru akka cufame barame .Manni baruumsa sadarkaa 2 ffaa Fitawraarii Abbaa Machaal FDG taasisanii Alaabaa wayyaanee gubuun mormii isaanii kan dhageessisan yoo ta`u "Poolisii Tsaggaayee Dirribaa kan jedhamu bartaa kutaa saddeetii(8) kan ta`e "Mana baruusa kana keessaa baaftan malee hin barannu jechuun mormii isaanii dhageessisaa oolanii jiru. Manni baruumsa sadarkaa 2 ffaa Hibrat Fireesii haaluma kanaan kan oolan yoo ta`u, kaleessaa kaasee manni barnootaa cufamuu isaa beekkame.
Kaleessuma(4/4/2006) poolisoonni Federaalaa konkolaataa 2 fe`amanii magaalaa Tullu Boolloo kan galan yoo ta`u Mana irra deemun baratoota heddu qabanii akka reebaa jiran namoonni ijaan argan himan. Baratoonni akka magaaladhaa ba`anii biyya isaanii hin gallalle magaalaa marsanii akka eegaa; jiranis dabalanii dhaamani. Ijoollee kana qabsiisaa jiranis baratoota miseensa OPDO akka ta`an baramee jira.
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan gadaa bilisummaa ti!!
|