Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa

Caamsaa 1, 2006 (Oromiyaa) - Godina Arsii Ona Siraaroo maaalaa Ajjee keessatti Fincilli diddaa gabrummaa uummata Oromootiin jabaatee itti fufee jira. Armaan dura UUmmata Ona Siraaroo kara nagayaatiin Hirira bahee mirga isaa gaafataa ture irratti waraana Agaazii itti bobbasee battalumatti Lubbuun namoota afurii Dabruun niyaadatama namoota lubbuun isaanii dabran keessa lama Manguddoo biyyaa ta’uunis niyaadatama.

Haaluma kanaan ammas fincilli uummataa itti fufuudhaan guyyaa 27,03,2006 uummanni ona Siraarootii fi barattoonni mana baruumsa Abburee waliin ta.uudhaan Alaabaa O.P.D.O buusanii gubuudhaan kan A.B. O.yeroo dhaaraadhaaf baasanii jalatti hiriiruudhaan Faaruu Alaabaa farfataa oolaniiru. Sochiin uummata naannoo Siraaroo akka malee kan rifachiise mootummaan Wayyaanee ammas Waraana Agaazii bay.innaan gara san oofuudhaan uummata nagayaa dararaa jira.

Waraanni Agaazii kun yeroo ammaa waraana Bilisummaa Oromoottu dhufee akkana isin kakaasaa jira jechuudhaan uummata akka malee tumaa jira gara biraatiinis Baadiyyaa Ona Siraaroo keessa deemuudhaan Shamarran humnaan Gudeedaa jira jedhama. Namoota Fincila narratti kakaasan jedhe shakku immoo hanga ammaatti mana hidhaa keessatti Dararaa yemmuu jiru Barataa Gabbitaa Tufaa Rasaasa waraana Agaazii irraa itti dhukaafameen mataa keessa dhahamee hanga ammaatti wal.aansi tokko osoo hingodhaminiif mana hidhaa Wayyaanee keessatti Dararamaa jira kanumaan kan walfakkatu Barataa Abdallaa Sangaantaa kan jedhamu akkanuma rasaasaan rukutamee achuma mana hidhaa keessatti Dararamaa jira gama biraatiin Maatii manguddoobiyyaa Imaam Hammii maallaqaan bituudhaaf yaalii godhanis osoo hin milkaayin hafanii jiru.

Lukkeewwan Diinaa O.P.D.O.nmaatii manguddoo Oromoo Imaam Hammii qarshii 6000 kuma jaha fidanii araarfachuudhaaf yaalii godhanis maatii Imaam Hammii fi uummanni naannoo walta.uudhaan nuti kan falmataa jirruuf gumaa Manguddoo Imaam Hammii qofaaf osoo hintaane Gumaa barattootaa fi gumaa uummata Oromoo cufaa mirga isaa gaafatuuf Hiriira nagayaa bahu irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhatuu fi uummata Oromoo mana Hidhaa wayyanee keessatti Dararamaa jiru. Cufaafu waan ta’eef falmii keenna itti fufna jechuudhaan itti yaa’anii Makiinaa isaan ittiin dhufan battalumatti Hujiin ala godhanii jiru.

***********

Godinuma Arsii Ona shaashamannee keessatti barattoota Oromoo kolleejii Paraadayiiz Vaalii keessatti baruumsaan qabxii gaarii fidanii fi barattoota Oromoo Kolleejiwwan adda addaakeessatti qabxii gaarii qaban Ona shaashamannee irratti walitti qabanii Marii Guyyaa Muraasaaf qabna jechuudhaan barattoota 30 kolleejii Paradaayiiz keessaa barattoota 10 (kudhan) immoo kolleejota biroo irraa waliitti qabanii halkan Konkolaataa jalatti dhiyeessuudhaan gara mooraa Leenjii Waraanaa Huursoo naqanii turuun saaxilame.

Kana boodas barattoonni maaf as nufiddan jedhanii yemmuu gaafatan mindaa gaarii isiniif kanfalla kanaaf Baruumsa Poolisii barattanii naannoo irraa dhuftanitti uummata tasgabbeessitu jechuudhaan itti himan barattoonnis kana booda kan barattoota keenya Hirira nagayaa bahan gaafii tokko malee itti dhukaastanii ajjeeftan isin hanqatee nullee akka uummata keenya irratti dhukaasnu as nufiddanii jechuudhaan barattootni Afurtammanuu harkaa didaniii yeroo ammaa baruumsa isaanii irratti deebi’anii baruumsa isaaniiyemmuu barataa jiran yoo ta’u Lukkeewwan Diinaa Ona shaashamannee Gochaan barattootaa kun akka malee kan isaan qaanesse Baasii asii hanga Huursoo isinitti baafne Qarshii dhibba shan shan akka nuu deebiftan jechuudhaan yeroo ammaa kana barattoota kanniin maatii isaanii irraa Loon Gurgurachiisaa jiraachuun isaanii dhagahamee jira.

Barattootni kun hundi isaaniituu Baadiyyaa irraa kan dhufan yemmuu ta.u baasiin mana baruumsaaf kanfalamuu kan bay.ee isaanitti ulfaatu yemmuu ta.u barattoonni kanfaluu dadhaban immoo kan mana baruumsaaf kanfaluudhaaf qopheeffatan dirqamaan akka kanfalaa jiran dhagahamee jira kan maallaqa kana kanfaluu Dadhabanis baruumsa isaanii dhiisanii gara naannoo isaaniitti akka deebi.aa jiran dhagamee jira.Gama biraatiin Onuma Shaashamannee kana keessatti Hojjattoota Mootummaa kan rakkisaa jiran yemmuu ta.u keessattuu Abbootii Seeraa Murtii Seeraa n Alaa uummata irratti Dabarsuu didan akka malee akka rakkisaa jiran irra gahamee jira. Ona Arsii Nageellee keessattis Gochaan Abbootii Seeraa hidhuu kun kan itti fufe yemmuu ta.u Pireesidaantii mana murtii Arsii Nageellee kan ta.e Obboo Hirphoo Irroo A.B.O jechuudhaan mana hidhaa keessatti Dararaa jiraachuun dhagahamee jira.

**********

Godina kibba dhiha Oromiyaa zoonii iluu abbaa booraa keessatti hojjetaa w/ra qonnaa beddellee kan ta’an Obbo Caalaa Tashoomee Barattoota Kakaaste jedhanii roobii halkan mana jireenyaasaa ti poolisoonni dhaqanii qabani harkaa fi miilliisaa kaateenan hidhamee W/ra Po/magaala Beddellee keessatti gar-malee reebamaa jira.

Roobii darbe barattoonni 60 hidhamanii ture. Isaan keessaa barattoota kaan gidirsanii gad dhiisuun barattoota shan mana hidhaatti hanbisuun hubatame jira.Barattoonni kunis:

1. Malkaamuu Taammiruu, 2. Yooseef yoonaas, 3. Alamuu Raggaasaa, 4. Saalassib Ayinaalem

5. Jibril kanJedhaman ammatti eessa buuteen isaanii hin baramne.

Barattoota mana hidhaa keessatti kaateenaan hidhanii reebaa kan jiran inspeekter Zalaalam Gazzanyi fi A/100 Addaamuu jedhamu.

¨       Komander Tasfaayee Guddataa ajejaa qajeelcha po/Go/I/A/Booraa fi kan biroo kankolaataa afuriin magaalaa Beddeellee dhaquu dhaan barattoota reebaa ari’aa turaaniru.

¨     21/07/98 ALH Waraanni Oraaliin afur naqamterraa beddelleetti harca’ee manni barumsaa sad. 2ffaa beddellee Jimaata kaleessaa marfamee oole.

¨           waraannii kun garri caalaan guyyaa uffata siiviilii uffatanii magalaa keessa faca’anii jiru.

¨           Har’allee barattoota mana barumsaa tiis bakkeedhaa ari’anii qabanii hidhaa jiru.

¨           Ijoolleen horii tiksitullee hidhamanii jiru.

¨           Kanaafis gurra (basaastoota) Jaraa Tamam A/Giddii fi Baataa kan jedhaman oduu barattootaa fi namoota hidhaman irraa guuruuf itti makanii hidhaniiru.

¨           Dubbii kana kan kaasee barsiisaa Gammachuu Teessoo yuuniit liiderii mana barumsaa sad.2ffaa Beddelleeti.

¨           Jimaata kaleessaa Meegafoonii dhaan magaalaa keessa deemanii nagaan bu’eera mana barumsaa akka deemtan jedhanii lallabaa jiru. Kana malees loltoonni wayyaanee mana maatii barattootaarra deemanii dirqiidhaan barattoota manaa qabanii mana barumsaa geessaa jiru.

 

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!




Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net