Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila Diddaa Gabrummaa

Bitotessa 31, 2006 (Oromiyaa) - Godina kibba lixa shawaa  keessa FDG bifa  haaraan cimee itti fufeera haaluma kanaan gaafa 29/03/2006 guyyaa sa’aa 6:00  irraa eegalee Ona Alamganaa magaalaa Sabbataa M/B/Sadarkaa 2ffaa Sabbataa keessa gootoonni barattoonni Sabbataa Mootummaa wayyaanee balaaleffachuun fincilaniiru, dhaadannoolee isaan dhaggeessisaa turan keessaa ABOn kalacha qabsoo

Uumaata Oromootii, gumaa barattoota keenyaa osoo olee hin buliin ni baasna, hidhamtoonni siyaasa Oromoo haal dure tokko malee haa gad lakkifaman ka jedhu keessatti argamu akkasumas dalaa mana barumsaa gadhisani ba’uun magaalaa keessa nana’aani Uummatatti makamani  hirrira mormi  gaggeessaniiru, kana malees Alaabaa lukkee buusani  ciruun kan ABO sa’aa dheeraaf  fanisuun sirba sabboontu Oromoo ANGAATU Alaabaa jedhu faarsaa oluun isaani beekameera, gochaa  kanatti kan rifatan wayyaannooni B/gaaffii mirga isaani gaafatan irratti rasaassa hedduu dhukaasaniiru nammootaaf Barattoota baay’ee gara mana hidhaatti darbachuun isaani beekameera, akkasumas bakka Diimaa jedhamutti barataa Taayee Kabbadaa kutaa 10ffaa ka baratu harka isaa dubatti hidhani kara mana hidhaa geessuun beekameera.
************* 

Ona Iluu magaalaa Tajjii M/B/Sadarkaa 2ffaa Tajjii keessatti gaafa 28 /03/ 2006 Barattoonni fincila guddaa gaggeessun isaani beekameera, kana malees OPDOn barattota cimmoo ta’aan qabuuf jecha dalaa M/B/keessa Bonbii harkaa lama/2/ darbachuun isintu godhe jedhani barattoota ukkamsuuf haalus barattoonni garu gootummaan dura dhaabbachuun of irraa deebiisuun dhaadannoole
1. Mirgi hiree murteeffannaa Oromoo hojiitti haa hiikamu!
2. Hidhamtooti siyaasaa Oromoo haa hiikaman!
3. Yakkamtooti Oromoo hidhanii fi ajjeesan murtii seeraaf haa dhiyaatan!
4. Minaaseen nu hin bulchu!
5. ABOn kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo fi ummata Oromooti!
6. Hooggantooti waldaa maccaa fi tuulamaa, barattooti yuniversity Oromoo, gaayexessitooti Oromoo hatattamaan haa hiikaman! Fi kkf dhaadachaa fi dhageessisaa oluun isaani beekame jira.

Akkasumas hanga gaaffiin keenya deebii dhabeetti nutiis barumsa hin baranu jechuun mana barumsaa cuffani galuun isaani beekameera. kana malees FDG cimee gara maneeti barumsaa Godinicha keessa jiraniit babalachaa akka jiru hubatameera.
************* 
FDG Godina lixa shawaa keessatti gaggeeffamu ka duraa caalaa ammas daran cimee itti fufeera, haaluma kanaan gaafa 29 /03/ 2006 ganama sa’aa 4:00 irraa eegalee  reenfa B/GAADDISAA HIRPHASAA Gooticha qabsoo Oromoof jecha kufe gaggeessuuf Barattoonni M/B/Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Buraayyuu tokkummaan dalaa mana barumsaa cabsani ba’uun  karaa konkolaataa Amboo Finfinnee geessuu cufani konkolaataa reenfa Gaaddisaa fe’e irratti Alaabaa ABO fanisani bo’uun eerga gaggeessan boda warraani wayyaanee isaan bitinsuuf jennaan barattoonni gootummaan dura dhaabbachun dhaadannoole ABOn kalacha qabsoo Uummata

Oromooti, gumaa Gaaddisaa osoo olee hin buliin numatu baasaa, hidhamtoonni siyaasa Oromoo hatattamaan haa gad lakkifaman fi Waldaan Macaa fi Tullamaa haal dure tokko malee haa banamu hogantoonnis hatattamaan haa hikaman, Bilisummaan wareegama malee soodaadhaan hin dhuuftu fi k.k.f dhageessisaa  olaniiru, lukkeewwan wayyaanees gochaa barattoota kanaan rifatani  warraana isaani boobasuun Barattoota gaaffii mirgaa gaaffatan irratti gara laafina tokko malee rasaassa hedduu dhukaasun isaani beekame jira.

Kana malees Barattota torba/7/mana hidhaa poliisi Buraayyuutti hidhani jiru.isaanis:-
1.Durbe Warqee
2.Biftuu
3. Sinqee
4. Barataa Diribaa Caalaa
5.Didhaa Birhaanu
6. Salamoon fi
7. Zinaabu yagu ta’aan barattoonni haafan ammo gaafa  30/ 03/ 2006 Barattoonni hidhaman hatattamaan haa hikkaman gaaffiin keenyas haa deebii argatu amma yoomiitti nu gowwoomsitu jechuun fincila guddaa gaggeesuun isaani beekame jira.

Barattoota tasgabesuuf kantibaan magaalaa Buraayyuu Charnat Galmecha jedhamu yaalii godhuus barattoonni garu gootummaan qaaneessani aari’uun M/B/ cufani gara mana isaanitti galuun isaani beekame jira.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Injifannoon Ummata Oromoof!!



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net