Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Odeessa fincila diddaa gabrummaa

Bitotessa 30, 2006 (Oromiyaa) - Fincilli diddaa gabrummaa  aanaa Habrootti jalqabame bal`innaan kan itti fufe yoo ta`u manneen barumsaa Aanicha keessa jiran hundinuu hanga har`aan tanaatti cufamani jiru.

Gaafa 22/03/06 alaabaan OPDO mana b/Araddaa lagageeraa fi mana b/ Araddaa darakuu bu`ee gubatee, alaabaan ABO fannifame jira.

Gaafa 23/03/06 ammoo alaabaan OPDO m/b/Araddaa weennii guddoo bu`ee gubatee kan ABO ammoo fannifame jira..

Gocha basaastummaa kittillayichi woyyaanee mahaammad jamaal jedhamuu fi fakkaattotni isaa godhaniin barattootni - 1. kaliifaa muusaa, 2. Ahmad jamaal, 3. Balaay Darribee, 4.. Aliyyi Umar, 5.Yaahyaa Umar

6. Najiiboo siraaj, 7. ALii Ahmad, 8. Mahaammad Jamaal Nuur, 9. Mahaamad Aammee,

10. Mahammad Muusaa, 11. Caalaa Hashiim, 12. Kuniizaa Yaassin, 13. Abdii, 14. Mulugeetaa

15. Yeshiixlaa 16. Qaasiim (maqaan abbootii yeroof hin beekkamne) Je’aman poolisii federaalaatiin qabamanii tumaatiin garahammeenyaan irratti raawatamaa kan jiru yoo ta`u qoteebultoota naannoo keessaa fi namoota beekkamtoota magaalaa keessaa wolumaagalatti namootni 400 ol ta`an hidhamani jiru. Wanti irra ciisan akka hin seenneef waan dhoorkameef simintoo qorraa irra akka ciisan dirqamanii dhibeef saaxilamani jiru. Sabboontotni Aanichaas qabeenyaa kittillayichaarratti tarkaanfii fudhatani jiru.

**************

Barsisoonif baratoon magaala naqaamteef nannoo heeddun mana hidha naqamteeti dararama jiru.

Isaanis:

1. Barsiisa Warqiina Dhinsaa  fi mucaa isa, 2. Bijigduu Warqiina kutaa 10ffaa mana barumsaa Dargee,

3. Barsiisa Dasaleenyii Ayyeelee fi hadha mana waliin, 4. Barsiistu Sahara, 5. Addunyaa Lameesaa kutaa 12ffaa barataa piripaaraatoori, 6. Dawiiti Mangistuu  kutaa 12ffaa barataa piripaaraatoori, 7. Geetahun Amaanu  kutaa 12ffaa barataa piripaaraatoori 8. Gammaachis Shiimalis kutaa 12ffaa barataa piripaaraatoori, 9. Yisiyaaq Marqoos NGUC 3 rd year, 10.Tayyee Kaffiyaloo  NGUC  1rt year, 11. Galatii Jireenyaa   kutaa 10ffaa mana barumsaa Dargee, 12. Hunduuma Waqesaa kutaa 10ffaa mana barumsaa Dargee, 13. Dassaalenyii Tasfaa kutaa 10ffaa mana barumsaa Dargee, 14.Mootii Boggalee   kutaa  8ffaa, 15. Hambisaa Misgaanuu kutaa 8ffaa, 16.Ebbisaa Olqabaa  kutaa 8ffaa, 17.Barataa Gammachiis Asfa'oo kutaa 10ffaa Biftuu Naqaamtee.

Barattoota mana barumsaa Kombolchaafi Finca’aa sadarkaa 2ffaa Lakk. 130 ta'aan keessa barataa Xilahuun Dhaabaa 1ST Year Runveersitii Gondoor irraa.

Qonnan bultoota, Daldaltootaa fi Hojjettoota Aanaa Guduruu fi Abbay Coomman namoota 263 ta'an mana hidhaa jatoo keessatti gaaffii malee hanga hardhaatti gidiraa argaa jiru.

Barataa Dirbsaa Mukaabasi kan Tekinikaaf Oguumma Barattootu tokkoo yaka tokkoo malee  mana hidha polisi naqaamteetti daramaa turee yeroo ammaas gara mana hidhaa jatootti dabarsaani jiru.

********

Godina Kibba L.Shawaa Aanaa Alamganaa manni Baruumsa Sadarkaa Lammafaa Sabataa Kaleessa 29,3,2006 ganamaan mana baruumsaa keessatti fincila kaasani jiru. Albaa wayyaanee fii OPDO buusanii gubuun Alaabaa ABO baasanii sa`aatii murtaa`e Mirmirsiisani jiru. Sababuma kanaan baratoota heddu qabanii hidhani jiru.

Baratoonni gabaa keessa naanna`uun dhaadannoo adda addaa kan dhageessisan yoo ta`u  ulee uummata gabaa dhufe irraa fudhachuun poolisoota waliin falmaa oolun barame. Baratoonni kun akka jedhanitti fincilli kun kan addan hincinne ta`uu isaa mirkaneessanii mani baruumsa Godinichaa irratti argaman marti jabaatanii akka itti fufan akeekkachiisaniiru

**********

Ergamtoonni wayyaanee OPDO'n guyyaa hundee ishee kabajachuuf qophii mooraa Kolleejjii Barsiisota jimmaatti  godhachuuf erbee raasaa turtee. Haata'u malee raawwii armaan gadiin jalaa fashalee jiraa.

Innis, isheen ayyaana lukummaa ishee kabajachuuf turte irratti gafaa guyyaa 17/07/98(Dilbataa) yommuu ta'e  qaama hin beekamneen boombiin gafaa 16/07/98(sanbata xiqqaa) halkan keessaa sa'a 4:40ti moraa koolejichaa keessatti dhukaafame, sababa dhukaafa boombii kanaan guyyaa kabajama ishee kana irratti namni argameef tokko illee hin jiru.

Kanaafuu erbee raasuun OPDO gochaa turte lafatti ishaa jalaa hafee jiraa. sababa sana irraan kan ka'es saboontota baratoota Oromoo doorsisaa fi sodachisaa jiti. Haata'u malee Saboontonni Oromoo sodaa tokko malee dirqama dhaaba isaanii jaalatamaan, ABO, irraa dhufe bayaa akka jiranii fi gara fuula duraatis onnee guutuun akka hojjetan dubbatanii jiruu.

Dhuka'ina Boombii kun shira wayyaaneen hojettu ta`uun isaa beekamaa dha. Kanaanis barattoota Oromoo hadamsitee hidhuuf akka ta`e dubbatama kunis ifaaf  ifatti mul'achaa jira, kunis ABO dhuummata biratti fudhachiisa dhowachuu fi Saboontota Baratoota Oromoo fi Saboontota Oromoo magaala jimaa fi naannoo ishee  jiran ittin funaantee mana hidhaati guuruuf  akka ta`e sabboontoti Oromoo dubbatu. Kana kan raawwatuu dandahu wayyaanee mataa isheeti. Miseensonni OPDO illee walitti naquun isaan gidduutti shakkii uumuun isaanumaanu yaada isaanii bakka hedduutti qooddee bituun amala wayyaanotaa akka ta`e beekamaa dha.

******

Godina Iluu Abbaa Booraa Ona Beddelleetti gaafa guyyaa 19/7/98 A LH barattoonni mana barumsaa sadrkaa 2ffaa Beddellee hiriira bahuu yaroo isaan ka’an humni waraanaa fi poolisaan marfamanii akka gadi hin bane godhamanii oolaniiru. Akka kanaan lukkee wayyaanee kan ta’e barsiisaa Gammachuu jedhamu barattoonni reebanii miidhaa cimaa irraan gahanii jiru.

Akkasumas dhaadannoonnoon barattoonni achi keessatti dhageessisaa oolan :- minaaseen nubulchu, opdon ummata oromoo bakka hin bu’u fi A B O dhufee nu haa bulchu jedhuun dhaadataa oolani jiru.

Gara biraanis barattoonni kellaa mana barumsichaa qorqorroo diiganii akka badu godhaniitu jiru. Guyyaa
kaleessaa jechuun gaafa 20/7/98 manni barumsichaa poolisaan marfamee eegamaa oole."

IUOf!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net