Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa


Bitoteessa 28, 2006 (Oromiyaa) - Gochaan mootummaaf lukkeewwan isaa irratti qaama hin beekamneen haleellaan fudhatamu Oromiyaa akkasumaas, handhuura Finfinnee keessatti guyyaa gara guyyaatti daran cimaa dhufe jira. Haaluma kanaan gaafa 27-03-2006 ganama sa’aa 2:00 irratti magaalaa Finifinee bakka Mashola’kiyyaa jedhamuutti, haleellaan qaama mootummaa ta’aanii konkolaataa taaksiin adeemaan meeshaan FANJII tiin irratti fudhatame jira. Haleellaa kanaan namni tokko battalumatti yoo du’u, kanneen hafan ammoo miidhaan guddaa irra gahee konkolaataan guutummatti barbadahe jira. Kanamalees, G/SH/Lixaa Ona Amboo lukkeewwan ummata basaasuuf mana bunaatti siree qabatanii basaasaa jiran irra gahamee, qaama hin beekamneen haleellaan reebichaa cimaa ta’e irratti fudhatame jira.                        

Godina Arsii Ona Siraaroo magaalaa Ajjee keessatti Fincilli diddaa uummataan gageeffamu jabaatee itti fufee jira. Fincilli sabboontota Oromoo naannoo Siraarootiin jalqabamee hanga ammaatti jabaatee itti fufee jira. Sabboontonni Oromoo Hojjatoonni, Qotee bultoonni ,Daldaltoonnii, barattoonni fi dafqaan bultoonni Oromoo tokkummaa dhan ka`anii mirga isaaniitiif falmataa jiru.

Yeroo ammaatti Hojjattoonni Mootummaa Ona Siraaroo keessatti Waajjiroota adda addaa keessa hojjatan Guyyaa 26-03-2006 irraa eegalanii hojii isaanii dhaabanii jiru. Hanga ajjeechaa fi gaafiin, hidhaan barattoota keenyaa fi uummata keenya irraa dhaabbatutti hin dalagnu jechuudhaan hojii isaanii gootummaadhaan dhaabanii jiru.

Kanumarraa kan ka`e Mootummaan wayyaanee namoota isintuu narratti kakaasa jechuudhaan sabboontopta ona Siraaroo mana hidhaatti guuraa daraaraa hiriyyaa hin qabne irratti raawwataa jira. namoota mana hidhaa keessatti daraaramaa jiran keessaa kan uummata birootiin adda baasanii tumaa jiran

1. Manguddoo biyyaa kan ta`an Saafawoo Sunnitti, 2. barataa Mariim Nuuree , 3. Gabbitaa Tusaa

4. Abdallaa Shagganoo, 5. Abbakkoo Hamdaa, 6. Meeyimunaa Buttaa haadha ijoollee, 7. Sheekoo Oogatoo, 8. Mangashaa Burqaa, 9. Fayyisaa Daggaloo akka tahan barame.

Namoonni sabboontota kana rakkisaa jiran Lukkeewwan diinaa kan ta`an 1.Poolisii Dastaa Beekkatoo kan guyyaa hiriiraa gootonni batattoota Oromoo godhaniin shugguxii isaa gatee baqate 2. Gammachuu nama jedhamu 3. Baatii Saddeeboo 4. Bulchiinsa Aaanaa kan ta.e Amaan Araarsoo gantuu akka uummanni rukutamu mallatteesse fi 5. Waarisoo Hamdee yemmuu ta`an Namoonni uummata basaasaa jiran immoo: 1. Gammachuu Saafawoo, 2. Wayyeessoo Irreessoo fi 3. Shufeerii Gammadoo jedhamu.

Hubachiisa sabboontota ona siraaroo namoonni mana hidhaa keessatti uummata keenya daraaraa jiranii fi basaasaa jiran yoo shaffeessaan Gochaa Farruummaa isaanii kana irraa deebi`anii qabsoo uummanni keenya tokkummaadhaan godhaa jiru kanatti uummaata isaanii dhiifama gaafatanii hin deebine rakkoo isaan irra gayuuf itti gaafatamaan matuma isaanii ta`uu hubachiisanii jiru.

Gama biraatiin immoo bitootessa 25-03-2006 ganama saa`aa tokkotti ona Kofalee keessatti Dargaggoo Qeerroo Waaqoo kan jedhamu Huumna hin beekkamneen ukkaamsanii Guyyaa tokkoon booda Qaama isaa baka torba Saanjaadhaan waraananii Waajjira Poolisii Ona Kofalee keessatti Darbanii maatiin isaa akka hinkaafne dhoogguudhaan hanga lubbuun isaa keessa batutti bakka inni ciisutti Madaa isaa keessa waraana nama dhukkubaa ? jechaa Gochaa ilma namaa irratti hin raawwanne irratti raawwataan.

******** Paartii mormitootaaf mootummaa gidduutti walitti bu'iins guddaan uumameera. kuniis  waliin dha'uuf addaan diiguu paartiiwwanii irratti raawwatamuuf adeemu akka ta'ees beekameera. haaluma kanaan wal'gii naannoo Oromiyaa caffee galma Adaamaatti 12-07-98 tii jalqabee gaggeeffameen, caalaatti paartii KUO bakka lammatti addaan qooduuf dorgomtoota kudhan irraa mirga isaan haguuggii seeraa qaban hundaa irraa haquudhaan gara mana hidhaatti darbuuf kaayyefate jira. Dorgomtoonni kun KUO isa obboo Tolassaa Tasfaayeen hogganamu ta'aa jedhamanii, waan gaafatamanii didaniif, isiin ABOti, jeequmsa kan kakaasaa jiru isini dha, jechuun caffee irratti mirga himatamu dhiisuu qaban irraa kaasani jiru, dorgomtoonni kun: 1. Obb. Iranaa Itichaa Ona X/Incinii 2. Obb. Dhugaasaa Yabaasaa Ona Amboo Gudar 3.Obb. Taraffaa Badhaanee Ona Amboo 4. Obb. Bashaanaa Dooraa Ona G/Baraat 5. Obb. Mokonniin Wadaajoo Ona X/Incinii 6. Obb. Ijaaraa Bayeessaa Ona Jalduu 7.Obb. Habtaamuu Badhaasoo Wallagga Lixaa Ona Laaloo Asaabi/Inaangoo Biilaa /WFDO/ 8. Obb. Abbabaa Abbabuu Ona Kombolchaa 9. Obb. Silashii Balaayi Ona Guduruu 10. Obb. Gazahanyi, Ona Guduruu yeroo ta'aan warreen hafan hundaaf kana caalaa akka isaan eegatu hubachiisni guddaan kennameefiira. walga'ichiis guutummaatti filatamttoonni haafan dhitani ba’uun isaani beekameera kanamalees filatamaa obb/Gazahanyi yeeroo ammaa biyyatii gadhiisun kara biyya olaatti baqachuun isaani beekame jira. ******* Godina jimmaa Ona Oomoo Naaddaa magaalaa kana keessatti dabballoonni wayyaanee kan ta`an: 1. Tasfayee Ol-jirraa dhimma nageenyaa onichaa2. Biyyaa Hajii Faayinaansii onichaa keessa hojjetan kun sab-boontoota magaalaa kanaa hidhuu, sodaachisuu, itti dhaadachuu fi A B O walgayii irratti afaan badaadhaan arrabsuu baayyinaan irratti hojjetaa jiru.
  • Namoonni kana bifa jaarsummaan illee kadhannu gochaa isaanii irraa of qusachuu hin dandeenye waanta’aniif akeekkachiisni itti kennamee tarkaanfiin barbachisu akka irratti fudhatamu sabbonoonni Oromoo dhaammatu. Akkasuma achuma ona kana keessatti magaalaa Asandaaboo keessatti jala fiigduu wayyaanee Nuuruu Hajii A/Boor jedhamtu sabboontota Oromoo isin miseensa A B Oti jechuun rakkisaa waan jiruuf dininni itti kennamee yo gochaa isaaanii kana irraa deebihuu baatan akka tarkaanfiin irratti fudhatamu sabbontonni Oromoo akkeekachisani jiru.

******

Barattootni M/B Gimbii fi M/B Biiftuu Gimbii walgahanii marii FDG gochuuf jennaan basaasaa ,gama biraan Poolisa ammoo barattoota waliin kan baratu tokko walgahichi akka hin taane marminaan barattootni tarkaanfii irratti fudhataniin kan guddoo miidhame yoo ta'u ,poolisni basaasaa bifa barataan barataa keessa seenee jeequ gama biraan poolisa kanarra goruun barattoota dhaanuun hedduu miidhanii kaan ammoo qabanii hidhani jiru. Kan kanarraa ka'e Manni Barumsaa lameenuu gaafa 23/03/2006 kaasee cufamani jiru.

Gaafa 25/03/2006 magaalaa Gimbiitti qaama hin beekamneen suuqiin tokko qabeenya keessaa waliin barbadaahuun hubatame jira. Garabiraan ammoo namni Taammanaa Raddaa jedhamu uummata diinaaf saaxilaa akka jiru irra qaqqabamee jira;sabboontonni naannoo kanaa namni kun akka gochaa farrummaa QBO irraa akka dhaabbatu akeekkachiisuun ta'uu baannaan akka tarkaanfiin sirreessaa irratti fudhatamu hubachiisanii jiru.

Wayyaanonni siyaasni harkatti bishaahuun uummata qabachuu dadhabnaan uummata qomoon addaan baasuun walitti buusa akka jirtu hubatameera;haala kanaan naannoo Magaalaa Hoomaa jedhamtu Aanaa Gimbii keessatti uummata Oromoo qomoon qoodanii walitti buusuun gaaga'ama hedduu fidanii jiru;namoonni hedduun madaahanii qabeenyis akka barbadaahe ni himama!!

*******

Magaalaa Gidaami keessatti Waraanni wayyaanee tokko mana dhugaatii nama dhuunfaatti boombii darbachuun qabeenyaa fi mana nama nagaan jiraatuu barbadeessun hubatame jira. Haaluma walfakkaatuun magaalaa Dambi Doolloo keessatti guyyaa24/03/2006 balaan manoota hedduu irra qaqqabuunis hubaameera;akka madda naannoorraa nu qaqqabeen qaamni balaa kana uummata nagaa irraan gahaa jiru wayyaanee ta'uunis himameera!

*****

Godina Baalee Kolleejii  Leenjii  barsiisota Roobee keessatti namoonni barattoottaafii barsiisota akkasumas jiraattota naannoo Roobee basaasaa jiran saaxilaman namoonni kunniin ji`a shaniif leenjiin basaasummaa kan kennameef ta`uunis beekkamee jira. yeroo ammaatti sabboonttonni  barattoottaa fi barsiisonni akkasumas uummanni naannoo Roobee sababa basaasota kana Daraaraan guddaan isaan irra gayaa jira. kanaaf jechja namoonni Lukkee diinaa ta`anii saba isaanii diinaaf laata jiran irraa hatantamaan yoo hin deebine taanaan badii isaan irra gayuuf itti gaafatamaan matuma isaanii ta`uu sabboontonni naannoo Roobee hubachiisanii jiru. Maqaan isaanii akka armaan gadii kana ta`a.

1. Taammiruu Laggasaa, 2. Kadiir Dheekkoo, 3. Kadiir Ibraahim, 4. Mi`eessoo Dugayyii, 5. Alzaaraa Ishuneeh, 6. Girmaa Baayyuu, 7. Umar Huseen, 8. Fooziyaa Hasan, 9. Faanosee Yaazaa, 10. Abbiyyoo Takluu, 11. Nageessoo Mi.eessoo, 12. Huseen Jaarsoo, 13. Qaadiir Boonayyaa, 14.  Miiraach Tafarraa

15. Xilahuun Lammeessa, 16. Jamaal Muhaammad jedhamu keessattu Huseen Jaarsoo armaan dura kolleejii Naqqamtee keessatti sabboontota Oromoo osoo basaasu itti waan beekkameef gara kolleejii barsiisota Roobee jijjiramee ammaas gochaa farrummaa isaa kana irratti bobba’ee uummata rakkisaa jira.

********

Guyyaa 24/03/2006) aanaa siraroo magaala Ajjeetti FDG Godhameen namni lamaa ol ajjeefamuun sagal rukutamee hospitaala kuyyaraa fi yirgaalam ciiseera. nama ajjeefaman keessaa jaarsi imaam hammuu jedhamu maqaa isaa aeganee kan hafan qulqulleeffachuurra. namni kun kan rukutamee fi ajjeefame alaabaa ABO fannifamee guyyaa guutuu qilleensi balalisaa ture wayyaanonni galgala haa bu`uu yoo jedhan barattoonnii fi ummanni naannoo marsanii irraa faccisuu isaaniitiin ijoolleen kofalee baayyeen isaanii hidhamanii kaan immoo biyyaa baqataniiru haaluma kanan barattoonni maqaan isaanii Abdallaa Qaabatoo, Midhaagsa Dheekkammo, Barakat Yohaanis, Gabii Hammuu warra mana hidhaa kan miidhaman keessaa isaan muraasa. naannoo shashamannee immoo FDG akka hin kaaneef guyyaa kana mana baruumsaa high school cufanii kolleejota immoo piraaktisii jechuun gargar waan facaaasani.   Injifannoon Ummata Oromoof!! Gadaan Gadaa Bilisummaati!!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net