Bitotessa 27, 2006 (Oromiyaa) - Barataa Gaddisaa Hirphasaa barataa yuniversity Oromoo baroota barattoonni Oromoo akka handhurri Oromiyaa finfinnee hin jijjiiramne gaaffii mirgaa kaasan keessaa isa jabaaf hangafa, Barataan kun gaaffii mirgaa Oromoon hardhallee gaafachaa jiru kan gaafachaa turee fi goota, gara kuteessa tau`uun bekama. Wayyaanonni gaaffii Oromoo humnaan ukkaamsuuf yaalii godhaniin barattoota kana hiriyyoota isaa kan akka Alamayyoo Garbaa faa waliin mana hidhaatti darbite, isaaniin hitullee gaaffiin Oromoo daran belbelee ka`e.
Barataa gaadisaa Hirphsaa barataa jabaa fi qaroo kan ture yoo ta`u bara 2003/2004 keessa miseensota waldaa maccaa fi tuullammaa ji`a jahaaf ma`aakalaawwiiti, sana boodammoo karchallee kan ture yoo ta`u karchallee keessati yaroo dheeraa dhaaf harkisaa sibiilaan hidhamee yooreebamu kalee fi onnee isaarra balaa gaheen otoo mana yaalaa hin geeffamiin yeroo dheeraa turuun dhiigni keessatti dhangala`ee dhaabbachuu diduun yeroo dargagummaa isaa kanatti waan itti amanee mirga biyya abbaa isaa Oromoo, Finfinnee fi Oromiyaa gaafachaa waan itti amaneef wareegaa lubbuu baase. Yaroo ammaa kana reenfisaa hospitaala miniliik kan jiruu yoo ta`u akuma reenfisaa baheen gara naannoo dhaloota saa (lixa shwaa Gudar) awwaalchaaf waan deemuuf uummanni naannoo sanaa goota seena qabeessa kana simachuun kabajaa fi ulfinni goota ummataa isaaf wareegama kanaaf qabu akka ibsina. Seenaa gootota akkanaa guyyaa goototaa sababeeffachuun gidduu aanutti guutuu isaa isiniif dhiyeessina.
|
Walaloo barataa kanaaf dhamamte
|
|
|
Dhaamsa qaba Gaadduun
Ifaan akka urjii luucceen gudar keessaa
Dhaamsa dhaamateera lammiinsaa caqasaa
Qabxii dhabee hin baane yunvarstii keesaa
Diinat na`ukaamsee nadhorkee barumssa
Tasa hin jilbeenffanne hacuuccaa dinaatii
Hamleen koos hin cabnne mana hidhaaa keessatti
Warri diinakootii kanattuu aaranii
Harka koo sibiilaan duubatti hidhanii
Uleen na reebanii nagalaafatanii
Gonkuma hin gaddiin hin booyiin lammii koo
Aanati du`e malee yoom du`e kaayyon koo
Nacaqasi lammii maaf hiqistee boossaa?
Booyuun bu`aa hin qabu
Gumaa xiiqiitu baasa
Rarra`ee akka hin hafne
Kaayoon koo karaarra
Galiisaan nagahaa
Yaa saba koo adaraa!
Jeechuu dhaan dhaammate
Luucceen gudar keessaa
Sabboontchi haqa
Gaadisaa Hirphasaa |
 |
|
|
|
Qabsahaan ni kufa Qabsoon itti fufa!!
Gadaan gadaa bilisuummaat!!
Injifannoon Ummata Oromoof!!
|