Bitotessa 27, 2006 (Oromiyaa) - Hardha ganama Magaalaa Finfinnee Naannoo Qeeraa fii Naannoo Masholakiyaa(Riichee) jedhamutti boombin dhowee namootarra hubaatii geessise. Naannoo richee jedhamutti boombin kun kandho`e ganama keessaa naanno sa`aatii 3:30 yoo ta`u taaksii nama feetee jirtu keessatti kan dho`e yoo ta`u namoonni heddu du`anii nHospitaala Minilikitti ambulaasin guuraa akka turte hubatame.Dhoyiinsa boombii kana ABO fii Mormitoota biroo ittin maqaa balleessuf wayyaanen ofumaa akka taasiste ragaa kan ta`u. battaluma boonbin kun dho`tti Poolisoonni fageenya muret`aae irraa fagatanii jiraachuu isaaniti.Boonbin naannoo Qeeratti dho`e hubaatii inni geessise hubachuu hin dandeenye.
Mana hidhaa qaallitii keessatti rakkoon jabaachaa akka jiru hubatame . Barataa unvarsiitii kan ta`e Gaaddisaa Hirphasaa , yeeroo darbe Mana hidhaa keessatti akka malee akka reebame dabarsuun ;keessan niyaadatama. Yeeroo reeban sana Onnee isaa irra kan rukutame yoo ta`u ,amma dhiigni onnee isaa waan keessatti ya`aa ;jiruuf akka malee dhukkubsataa akka jiru . keessa beektonni ;ibsanii jiru. Mana hidhaa keessa gara hospitaalaa geessuu ;kan didan yoo ta`u dafee hospitaala ga`uu yoo baate diigin gadi nammaa jiru kun du`aa akka isa saaxilu dubbatama. kana waan ta`eefrakkoo ;kana dhaabbanni Fannoo diimaa addunyaa akka rakkoo kana hordofuuf gaafatanii jiru.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!
|