Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa


Bitoteessa 24, 2006 (Oromiyaa) - 1. Mootummaan" baajeta hin qabnu" jechuudhaan miindaa hojjettootaa baatii dabree kafaluu didee  Sheek alamuddiin akka kafalu ta'e.  Kan baatii    ammaa kana immoo warraa teeleefi warra ibsaatiin "kaffalaa " jechaa jirti. Ganda keessaa immoo dabballooti wayyaanee "baasii poolisii kanaan booda isintu kaffala" jedhanii  ummata doorsisaa jiru.

Uummann garuu  "poolisa ijjoollee keenyatti dhukaasee ajjeesaa giruuf miindaa kafaluun  hin qabnu. Nuyi iyyuu gumaa lubbuu ijoollee keenyaa fi qabeenya keenya poolisii fi
humni Agaazii jedhamu balleesseef beenyaa isin gaafanna . Yoo nu dirqisiistan immoo fsilas fincilatti jirra  " jedhaanii jiru Haala kana irrattis  ummati balinaan mari'achaa akka jiran oduun gandoota Oromiyaa keessaa maddan ni ibsu.

2. Shira Alaabaa ABOn  sababeeffatamee hojjetamaa jiru irraa ummati keenya akka of eeguuf fi tiksu sab-boontoti Oromoo hubachiisaa jiran.Magaalaa Finfinnee keessaaatti namoonni  sabummaan Oromoo  hin taanee  addatti ammoo miseensa ABO hin taane  waraqaa eenyummaa ABO takka hojjetee fi  fakkeessamee hojjetame  ( forged) ta'etti gargaaramuudhaan  akka waan miseensa A/B/O turanitti  biyya alaa ittiin bahuuf baay'ee barbaadanii bitachaa jiran.  Basaasonni wayyaanees "nuti miseensa A/B/O ti " jedhanii  waraqaa   fakkaataan Uummata waan goyyomsaniif  Uummati keenya akka  irraa of eeggatuu sab-boontoti Oromoo hubachiisaa jiran.,Dhaabi keenya ABO nis  baasaassota
diinaa kanatti karaa cufuuf  tarkaanfii feesisu akka fidhatu dhaamaa jiran.

3. Mootummaan wayyaanee  namoota  kanaan dura naannoo  Innaangoo fi ona  Laaloo-Asaabiitii   Sanqalleetti geessitee  gad-dhiiste  ammas deebistee hidhuun beekamee jira.  Gidduuma kana namoota 20 kan hiite yeroo ta'uu  akka  fakkeenyaaf obbo Margoo   nami
jedhaman  kessatti argamu.

Hawaasi keenya bakkayyuutii  iyyata  armatti aanu dhiheeessataa jira. " Shira wayyaaneen   dhaaba keenya ABO s ta'e sab-bopontota Oromoo irratti raaw'ataa
jirtu kana jaarmoti mirga dhala namaaf falmanii fi hawaasi addunyaa akka balaaleffatuu  iyyata keenya nuu dabarsaa "jedhanii jiru.


********

Godina Walloo ona kamisee magaalaa kamisee keessa gaafa 21-03-2006 Toftaadhaan saboota Onicha keessa jiran Amaaraa,Oromoo fi argoobaa maqaa Amantiin fayyadame waliit buusuun umurii isaa dheerefachu barbaade yaalin godhee walitti bu'uunsa guddaa kaasee Uummatin Onichaa gochaa kana balaaleffatani hirrira sa'aa 6:00 irratti barataa, hojjetaa qonnaan buulaa walumaa gala murna haawaasa hundaa kan hirmaachise gaggeesaniiru, Haaluma kanaan Lukkeen wayyaanee fincila Uummataa kana warraanaaf namoota isaani Koankolaataa baay'ee facaasun kara waliitti bu'insa Amanti gochuun muslimoota Amantaa wara kiristaana irratti akka duulan gote walitti bu'insi guddaan dhalate Lubbun barataa tokkoo yagu darbn namootni saddet /8/ ammoo rasaassa wayyaaneen madaa'aniiru namoota rasaassan rukuutaman keessaa ka du'ee dhalataa Amaaraa maqaan isaa Jamaal jedhamudha. Wara mada'aan keessaa namooni sadii Oromoo, lama Amaaraa, sadii Argobaa tu'uu isaani baakameera gochaa warraana wayyaaneen kan gar malee aaree Uummanni Ona kaamisee Tarkaanfii mana basaastoota irratti ibida qabsisu fi bonbiin mana kudha lamaa /12/ ol gubuun isaani beekameera maneetii gubatan keessaa. Bulchaa Godina Walloo ka ture Mana Tafarraa Fayyisaa Adaa fi Afaan Oromoo ballesuuf ka duulaa Ture, mana barsisaa /Gura/Birhaanu jedhamu dhalataa Amaaraa ka tare fi mana Basaastota Hedduu Gubuun isaani beekameera, warraani wayyaanees Tarkaan fi uummataan rifatee hojii shorerkessuman isaa itti fufuun Waldaa Amanti kiriistaanaa Onicha keessa jiran Fanjiin barbadesuun muslimalu akkas godhe jedhe mormi Uummataa uukkaamsuf Yaaluus, sabboontoni Oromoo kamisee Alaabaa ABO qabachuan dhaadannoole, nuti Oromoodha Godina Amaaraa jala hin buulluu, wayyaaneen toftaadhaan Amantin walitti nubuusu hin dan da'u gochaa isaa ni balaaleffanaa, gooffiin keenya gaaffii mirgaa malee kan Amantii, miti, Jechum hirrira mormii hanga galgalaati gaggeessun isaani beekameera. Wayyaanotni warraana guddaa kara Ona kana galchuun ishees beekameere,akkasumas Uummanni warraana wayyaanee wajjiin waliitti bu'uun namoonni hedduun midhaman, garin ammoo akka mana hidhaatti danbatamaa jiru, ka rasaassaan mada'aaniif ka qotoon goraadeen baay'ee midhaman kara hospitaala Daseetti geeffamani yaalama akka jiran hubatameera, kana malees dubartoonni fi jaarsii waggaa umurii 72 garmalee midhamun isaani oduu arganeerraa hubaneer Onicha keessattis hojii mooyummaa,Barumsaa fi sochiin adda addaa dhaabbateera,Uummanni walga'ii lukkeen waamtu irratti hirmaachu dhisuun moormi isaa kara baay'een ibsaa akka jiru odeefannoo arganee irraa hubaneera. 3. Godina kibba lixa shaawaa keessa FDG bifa haaraan cimee gaggeeffaa jira. Haalima kanaan. Ona Qarsaaf Qondaaltiiti M/B/ sadarkaa 2ffaa Lemman keessa gaafa 22-03-2006 gotoonni Barattoomili Onichaa hirriira mormii mootummaa wayyaanee irratti ba'uun, magaala keessa nanna'uun dhaadannoole ABO kalacha qabsoo Oromootti, wayyaaneen nu hin bulchuu, Minaaseen hatattamaan haa bu'uu, waldaan macaa fi Tuulamaa haa banamu hoggantoonis haal dure tokko malee haa hikaman fi hidhamtoonni siyaasa Oromoo haa gad lakkifaman ka jedhu keessatti argamu hirriri kun sa'aa dheeraaf ka ture yoo ta'u Baratoonni Alaabaa lukkee buusani guubuun kan ABO sa'aa dheeraaf faniisani oluun isaani beekameera. Haala kanaan fincilichi kara maneetti barnootaa kan birootti babalachaa akka jiru oduu nu ga'eerraa hubaneera.

 

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

Guyyaa gaafaa 12/07/98 alh manaa Barumsaa Biftuu Zoonii wallagga lixaa magaalaa Gimbiittii Walitti Bu`iinsii Looltuu Wayyaaneef Baratootaa guduuttii geggeefamee ture irrati Barattoonni Looltuu Poolisii tokko Dhagaa dhaan mataa isaa rukutanii midhaa cimaa iraan gahniiruu.

Sababaa gaaffii Oromoof wayyaanonni fi lukkeen humnaan itti dhimma bahanii dararuu, hidhuu fi reebuu itti fufaniif gaaffiin Oromoo waan hin deebineef diddaan  bifa harayaan akka qabachuu dandahu sabboontonni Oromoo keessa deebihanii dhaamu.

******** 

Harargee keessatti fincilli akkuma itti fufetti jira. wayyaanoonniis ummataa fii barattoota hidhuu ajjeesuun itti fufee jira.

1, Akka kanaan Ona Haramaayaa keessatti kaleessa barataa ilma Mahammad Suufii yeroo maqaa abbaa malee kan isaa hin arganne ajjeesan sun awwaalcha isaa irratti namni gara kuma sadiihii ol tahu argamuun dhaadannoo gara garaa dhageessisuun, diinaa fii jala deemtuu diinaa balaaleeffachaa ABO faarsaa oolan. alaabaa ABO olqabanii itti dhiichisaa oolan bakki ganda Roobaa bakka ja'amtuudhatti kan barataankuni dhalatee achiittiis awwaalan. kan isa ajjeesee sun yeruma sun ummanni mancaan cicciree ture, maqaan isaa Mahammad Abdullee hidhataa ganda Jilooti.

Haala kanarraa kan ka'e arraas eega ganamaa jalqaban guutuu ona haramaayaa keessatti fincilli hammana hin ja'amne itti fufaa jira. barattoonni uneversitii haramaayaatiis guyyaa arraa fincila itti jiran, alaabaa ABO fannifatanii jalatti dhiichisaa jiran.

2, Ona Konbolchaatiis barattoonni fii ummanni fincila guyyaa arraa itti fufaati jiran.

3, Dirree-dhawaa magaalaa fii baadiyattiis fincilli diddaa gabrummaa itti fufeeti jira.

wayyaaneen barattoota oromoo fii kan tigrootaa kan walolee ture,barattoota oromoo mana barnootaa irraa arii'uuf yeroo murteeffatte, warri OPDO keessa jiran fincilaatu nutti jabaataa hin ariitan jechuun wal dura dhaabbachaa akka jiran gabaafame.

4, Magaalaa Harar ittiis barattoonni fincila arra godheen alaabaa ABO fannifatanii dhiichisaa oolan.

5, Adeellee, Calanqo kalee kaasee hanga ammaatti ummanni fii barattoonni gamtaan fincila gaggeessaa jiran.

6, Dadar, Qarsaa, Hirna, Badeessaa, Galamso magaalaa fii baadiyaan,akkasumatti Ciroos dabalatee naannoon isii hundi fincila akkuma itti fufanitti jiran.

 *********

Naannoo walootti wayyaanoonni ummata amantii walitti naqaati jiran. Gama tokkoon warra islaamaa fii kiristaanaa, gama birootiin warruma kiristaanaa biintee fii ortoduksii jechuun walitti buusaa jiran, haala kanarraa kan ka'e ummanni gochaa wayyaanee kana ni baleeleeffanna, amantiiniis wal hin dhabnu jechuun sagalee tokkoon murmaa jiran. haala kana akka ummanni hundi hunbatee dammaqinaan ufirraa eegu dhaammatanii jiran jiraattoonni naannoo kaabaa.

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net