Bitotessa 23, 2006 (Oromiyaa) - Gaafa 22/03/2006, Kofaletti Barattootni Oromoo hariira nagaa bahanii humni waraanaa Wayyaanee barattoota hiriira bahan hedduu ukkaamsuun bakka hin beekamnetti dararaa jira. Uummanni naannoos hiriira kanatti makamuuf sochii cimaa godhee waraanni uummataa fi barattoota addaan kutuun barattoota jahaa ol battalumatti yoo ukkaamsan kaan ammo miidhaa adda addaa irra geessisaniiru. Uummanni guyyaa Gabaa Kofalee kanatti FDG gaaffii mirgaa gaafatuuf socho’e humnaan ukkaammsuu kanatti goddoo hadheeffatuun akka roorroo fi dararama irra gahuun duubatti hin deebine ibsatee jira. Har’a dura dhaabbatamus daran akka FDG itti cimsanis qunqunfachuun sabboontotni naannoo ibsatu.
**********
Torbaan darbe egalee FDG Annaa Gidaa Ayyaana, Kiramuu, Ebaantu, Amuruu fi Jarteeti ciminaan gegeefama jira. Kesuma bitootessa 19-2006 FDG Annaa Amuruuti gegeefame Baratoon lamaa bataluumati yeroo wareegaman Baratoon sadeeti immoo mada'ani waldhaanamaa jiru, Baratoota sadeetan keessa barataan kutaa sadeeteffaa baratuu barataa Fiqaduu jedhamu Hospitala Naqamteeti waldhaanamaa jira.
************
Godina Kibba Lixa shawaa Magaalaa Tullu Boolloo Mani baruumsa Hibrat Firee sad. 2ffaa kaleessa 22/3/2006 ganama kaasee baratoonni FDG taasisuun hiriira nagaa ba`an , baratoonni kun hiriira kana irratti “dhaadannoo barame” hunda gaggeessaa kan oolan yoo ta`u, magaalli Tullu Boolloo dhukaasan jeeqamaa akka turte namoonni ijaan argan gabaasani jiru.
Hiriirra baratootaa poolisoonni dhukaasa banuun kan bittineessan yoo ta`u baratoonni heddu uleen reebamanii kan miidhaman yoo ta`u kan qabamanii hidhaman akka hin beekkamne isanii jiru. K aleessan kaasee magaalan Tullu Boolloo Poolisoota wayyaanetii kan Guutamte yoo ta`u baratoota heddu qabuuf akka barbaadaa jiran barame .
Haaluma kanaan baratoonni mana Baruusa Hibrat Firee Ibsa ijjannoo armaan gadii baafatanii jiru.
- Amma kaayyon abogalam ga`utti wareegama lubbuu hin kaffalla
- Hidhamtoonni oromoo hundi hatattamaan hidhaa haaba`an
- Baratroota oromoo kan asjjeesan murteef haadhiyaatan, ta`uu baanan dhiiga dhiigan deebifna.
- Barsiisota fii baratoota fakkaatanii mana baruumsaa keessatti baratoota basaasun FDG baratoonni taasisaa jiran irratti gufuu ta`uun ijoollee kan hiisisan basaastota 64 keessa kan akka barataa Rattaa kabbadaa hojii isaan irraa yoo of qusachuu baatan ta`e tarkaafii irra deebii hinqabne akka irratti fudhatamu haabekan
- Poolisoonni dhiigan Oromoo ta`anii gocha garajabumaa baratoota oromoo irratti raawwatan hojii isaanii irraa of qusachuun FDG baratoonni taasisanitti yaamakaman
- Waldaan Macaaf Tuulamaa atattamaan banamee ooggantoonni isaas akka hiikaman.
- OPDO fii poolisoonni oromoo garaa isaanif bitamanii qabsoo bilisummaa oromoo irratti gufuu ta`aa jiran seenan akka isaan gaafatu beekanii ,ABO cina akka hiriiran. Ta`uu baanan warra rakkoo akkasii uumaa jiran irratti ifaanis ta`ee dhoksaan tarkaanfin fudhatanu oromiyaa maraatuu cimsee itti haafufu.
- Ijjannoo ABO haalan deeggarra
- Amma oromiyaan bilisoomtutti qabsoo cimsinee itti fufna.
*********
Godina Sh. Bahaa Magaalaa Baatuu( Ziwaayi)ti Baratoonni mana baruumsa sad.2 ffaa Baatuu basaastota OPDOn leenjiftee Baratoota jidduutti gadi lakkifte irraa akka of eeggatan keessa beektonni hubachiisanii jiru.Keessa beektonni akka ibsanittiOPDOn baratoota keessa filanii basaasummaan leenjisuun Ani ABO faa waliin walquunamtiin qaba,rakkoo keessan nan gabaasaa natti himaa.jechuun baratootini waan jedhan afaanii guurun dabarsee kan himu Barataa kutaa 11 kan ta`e Barataa Mahaamad Roobaa kan jedhamu irraa akka ofeegan hubachiisee jiru. Barataa kana asiin dura sochii bartootatiin kan walqabate hidhamee kan ture yoo ta`u. mana hidhaatti leenjisanii Mobilii bitaniifii kenuun bira ga`amee jira Kanaafuu Baratoonni Mana baruumsa Baatuu irratti dammaquun nama kanaafii warra kana fakkaatan irraa cimanii of eegun Fincila Diddaa garbuummaa jalqaban cimsanii akka itti fufan hubachiisanii jiru.
********
1, Akka kanaan ona haramaayaatti naannoo daammoota ja'amtutti barataa tokko ajjeesanii jennaan ummanni itti bahee kana barataa ajjeese sun mancaan cicciranii isaaniis ajjeesan, kan basaasee itti fidees manaafii qabeenya isaa guututti barbadeessan. sababa kanaan fincilli bal'atee magaalaa baatee, haramaayaa fii gandoottan qotee bultootaa hundatti hanga ammaatti gaggeeffamaa jira.wayyaaneeniis humna waraanaa guddaa fiddee ummataan akka walitti bu'aa jiran gabaafame.
2, Hirnatti arra wayyaaneen barattoota oromoo sadii sababa tokko malee mana barnootaatii bara tokkoo(1) hanga bara 3 tiif ariitee jennaan fincilli itti ka'ee mormii mootummaa tanaa qaban ibsachaa yeroo oolan,wayyaaneen immoo humna Agaasii makiinaa 4 fidee bakka wirtuu leenjii ja'amtu qubsiiftee jirti.
3, ona habrootti walitti bu'iinsi ummataa fii humna agaasii itti fufeeti jira, akka kanaan hanga ammaatti gara 300 ol qabanii kan hidhan yoo tahu, ammallee warra baadiyaa kan karaa makiinaarratti argan hunda akka qabaanii ukkaamsaa jiran gabaafame.
***********
FDG godina harargee lixaa bakka hundumatti itti fufee jira. Akka kanaan guyyaa 21/3/2006 magaalaa baddeessaa keessatti barattoonni mana barumsa sad.2ffaa Baddeessaa hiriira bahanii jiru. Hiriira kanarattis alabaa gabroonfata OPDO buusuun gubanii jiru. Dhaadannoolee Oromoo fi ABO faarsu kan akka
- ABOn wabii uummata oromootti
- Oromiyaan dhiiga ilmaan isheetiin ni bilisoomtti
- Hidhamtoonni siyaasa oromummaa isaanitiin yakkamanii hidhaman atamtamaan yaagadhiifama
- OPDOn nun bulchu, ABOn nu yaabulchu! Fi KKF keessaatti argama.
Hiriira kana dhaamsuuf poolisoonni fi hidhattoonni baay’en kan itti bobbasan ta’ulee goottonni barattoota oromoo baddeessaa uummanni itti dabalamuun magaalaa keessa dhaadataa naanna’an. Kanaan dura barattoota lama rasaasan kan dhahan uummata itti hammeessee waan jiruuf sodaataanii jiru. Barattoota soddomaa(30) ol ta’an hidhanii jiru. Barattoonni garuu ulee fi doorsifinni gabroomfataa of duuba nun deebisu, amma abbaan biyyumma oromoo mirkanaa’utti qabsoo keenya itti fufinna jechuun ejjennoo qaban diinatti mul’isaa jiru. Kanatti rifachuun kan ka’e namoota yeroof lakkoofsi isaanii hin beekamine hiitee jirti. Isaan keessaa:
1. Ibsa ahmad 2. Idris Kamaal 3. Anwar yusuuf 4. Nureddiin Tarkii 5. K amala Umar 6. Abdii mohaamad 7. Abdii eliyaas 8. Najiib Mahaamad 9. Ziyaad Alii kan jedhaman keessatti argamu.
-------------------//-------------------------
Aanaa Ciroo fi Mi’eessoo keessatti erga guyyaa 16/3/2006 irra eegalee nageenyi uummata boora’ee jira. Barumsi guutuman guututti kan dhaabate yoo ta’u maneen hidhaa hidhamtoota oromootiin guutanii hidhamtoonni bakka oolanii fi bulan dhabanii jiru. Hidhamtoonis mana hidhaa wayyanee keessatti dararama guddaatu irra ga’Addis ababa jira. Innis halkan halkan tumuuu fi jilbaani dhakaarra oofudhaan isin ABO dha, nama jeequmsaaf isin kakaasu himaa, fi kkf jechuudhaan sodaachisaa fi doorsisaa jiru. Manneen hidhaa magaalaa Ciroo keessaa waan guuteef barattoota Mi’eessoodhaa dhufanii asitti baratan gara mana hidhaa mi’eessotti dabarsanii jiru.
Karaa biraatin dhimmuma FDG kanaan wal qabateen hawaasa magaalaa ciroo gaafa guyya 19/3/2006 araddaa araddaatti walga’ii baasuun ijoollee keessan gorfadhaa, ABOn biyya seenee jira waan ta’eef saaxilaa, ijoollee dubbii qabdu tan mana keessan kireefattee fi jiraachaa jirtu baasaa, jechuun hawaasicha doorsisaa oolan. Lukkeeewan hawaasa fakkaatanii yaada faallaa hawaasa ta’e kennuuf yaalan hawaasichi itti iyyuun calisiisanii jiru.
Dabballeen wayyaanee namni ahimad Huseen jedhamu tokko kanaan dura ABO jedhanii isaanuu cinqaa turan har’a angoo arganaan deebi’ee barattoota doorsisaa jira. Walga’ii kana irratti jechi inni jedhe tokko akka malee kan uumata gadisiise ture. Kunis:
1/ Barattoonni keessan barnoota dhiisanii jeequmsa kaasuun qabeenya mana barumsaa barbadeessan. 2/ Ijoollen Dawiid Ibsaa loosaanjalasitti (Los Angelus) baratti. Yeroo ilmaan keessan kun Alaabaa ABO isin wallaaloon kana achii dhufaanii bulchuuf olola sobaa ofaa jiran jedhe.
Akkasumas ajajaa poolisii magaala ciroo kan ta’e naminni Ibraahiim jedhamu wal ga’ii kanaratti barattoota keessan kanan booda yoo kan jeequmsa kaasan ta’e rasaasan dhoofina, obsi mootummaa dhumee jira jechuudhan uumata sodaachisuuf yaale jira.
---------------//----------------------
Guyyaa 16-3-06fd bifaa haaraan jaliqaabe iraa eegalee barattoota kolleejjii qonnaa ciroo baraatan juumlaan manneen isaan kireeftanii jiraatan cabsuun ukkamsan fuudhuun reebichaafi midhaa hamanna hinjedhamne irraan ga’uu itti fufani jiru. Haala kannaan barattoota mana hidhaa keessatti fi yeruma qaban san miidhaalee garagara kenneen akkamataa buruqsu ,ija keessaa rukkutuu kale irra dhaauu harkaa fimiila cabasuu fi miiduaalee qaama keessaa bayee irraan ga’anii osoo mana yaala geesani taajaajjiila fayyaa hin arkatin mana hidhaa keessatti rakkachaa jiran kan hidhaaman nama 75 ol ta’u kennen keessa kan midha cimaan irran ga’an keessa:
- Hamad samman –ijaafi kale irra sanjaan waraanan ,harkas cabsaan
- Zakkoo mahamad –sammuutu buruqe 3. Kadiir Abdallaa –mataa buruqe hrka cabe 4. Muummee Ahmad –mataa burqe ,harke cabe 5.Hawaasoo Balchaa mara buruqe , fuularaa midhamee 6. Xibbabuu Toloosaa –matafi harka midhame.
Barattooni univarsitti halamayaa dipaartimanti qonnaa baratan piraktisii dhaaf kan gara kolojjii ciroo dhufani barsisaa jiran isinittu ijoollee kakkaase jechuudhaan baayee isaani hidhani dararaa jiran isaan keessaa
- Mahammad Abdii 2. Mahammad Rudwaan –haalan midhame jiran dha.
*************
Barattootni mooraa yuniivarsiitii Baar Daar keessatti gochaa diinummaa fi qoqqooddii barattoota Oromoo keessatti adeemsisuuf yaalan Saaxilaman
Barattootni maqaan isaanii armaan gaditti caqasaman kun mooraa Yunivarsiiti Baar Daar keessatti gochaa Farrummaa kan diinnii barattoota Oromoo addaan qooduuf itti kennatte osoo bahuuf yaalanii bira gahamaniiruu. Barattootni kun Barattoota Oromoo yeroo adda addaatti lagan fi amantiin qoqqooduuf yaalii godhaa turani jiru.
Haa ta’u malee gochaan isaanii kun sirri akka hintaanee fi irraa deebi’anii gara qabsoo uummata isaanitti akka deebi’aniif irra deddebi’amee gorsi obbolummaa kennamuu fi irra darbee iyyuu kaayyoon OPDO maal akka ta’ee fi Uummatni maaliif akka balaaleffatu itti himamaa tureera. Kaayyoon OPDO fi mootummaa wayyaanee barattoota fi dargaggoota Oromoo walrukuchiisuun qabsoo gabrummaa amma godhamaa jiru.
Kana boodatti harkisuun Umrii aangoo isaanii dheereffachuu akka ta’ee yeroo adda addaa itti himamee, gochaa farrumaa fi Faashistummaa Mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuun qabsoo uummata ofii galmaan gahuun itti gaafatamummaa ilmaan oromoo maraa akka ta’ee hubannuu akka argataniif yaaliin godhama ture xiqqaa miti. Haa ta’u malee jarree kun gochaa badiisa amma eegalan kana irra ofduubatti deebi’uu waan dadhabaniif akeekkachiifni isa dhuma barattootaa fi Hawwaasa Oromoo Naannoo magaala Baar Daar irra itti kennamee jira. Barattootni Kanneenis:
- Mammad usheetuu (barataa ingliffaa waggaa 4ffa ) 2. Hayiluu Kabbee
- Milkiyaas Hiikaa 4. Gabbitee Ganamoo 5. Baraa Seefuu jedhamuu fi barataa Imaaduu jedhan of keessatti qabata.
Akkasumas Namni lammiin Amaara ta’e bara dheengaddaa muummee fiiziksii irraa eebbifame Miliyoon namni jedhamu amma bakka bu’aa OPDO ta’uun barattoota Oromoo basaasee doorsiisuu irratti argama. Namni kun lammiin Amaaraa kan ta’e bara darbes gochaa walfakkataa raawwachaa kan ture yeroo ta’u yeroo filannoon gahu ammoo Qindoominaaf amanamaa ta’ee barattoota Oromoo dhoksaan akka isaan Qindoomina filaniif tattaaffi gochaa tureera.
Kanaaf jarreen kun gochaa isaanii kana irra hindeebi'an taanan tarkaanfiin keessa deebi hinqabne akka irratti fudhatamu dhaamna. Badiisa isaanm irra gahuufis itti gaafatamummaa kan fudhatu isaanuma mata isaanii ta'uu akka qabu ibsina.
************
1. Fincilli diddaa gabrummaa barattootaan magaala Maqiitti gaggeeffamaa jiru ammas itti fufee jira. Haluma kanaan, barattoota tasgabbeessuuf dabballoonni godinaa fi aanaa irraa walitti qabanii gaafa 07/07/98 (ALE) walitti qabnaan yadaan walii galuu dadhabnaan barattootni walgahicha dhiitanii bahaniru. Guyyaa har’attis irra deebi’anii barattoota waamnaan walgahii keessan irratti hin hirmaannu jechuudhaa wal gahii irraa hafanaan dabballoonni eegaa oolanii qaanitiin gara mana isaaniitti deebi’ani jiru.
2. Guyyaa fincilaa barattoota Oromoo kanas dabballoonni wayyaanee sabaa fi sablammoota magaala maqii keessa jiraniif Barattoota oromoo akka rukutaniif dhoksaadhaan gajamoo akka hiraa turan oduun keessa beektota irraa nu qaqqabe ni addeessa.
3. Guyyaa fincilaa kanas Barattootni oromoo Miishinii Kaatolikii hirmaachuuf kutaa keessaa bahuuf yammuu yaalanitti itti aanaan daalikteera mana barumsichaa Galiilaa jedhamu barattoota gaafa ittisu reebanii mataa isaa baqaqsuudhaan cabsanii bahuu isaaniis ibsanii, Namoonni akka galiilaa fincila diddaa gabrummaa barattoota oromootiin gaggeeffamu itti warri danqaraa taatan akka of eeggatan akeekkachiisaa yoo diddan garuu tarkaanfiin kana caalu kan fudhatamu ta’uu isaa sabboontonni oromoo akeekkachiisaniiru.
4. Guyyaa 07/07/98 ALA asuma godina shawaa magaala baatuutti barattoonni fincila diddaa gabrummaa gaggeessuuf qophiitti osoo jiranii, Wayyaanonni Poolisoota federaalaa erguudhaan namni tokko illee akka hin sochoone magalittii keessa nam’anii kan dhorkan yammuu ta’u magaalli baatuu hanga ammaatti to’annoo poolisii federaalaa jala akka jirtu beekameera.
IUOf
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!