Bitoteessa 22, 2006 (Oromiyaa) - Mana hidhaa Qaallitii keessattis rakkoon hammaachaa akka jiru oduun achi keessa ba`e ibse. hidhaamtoon yoo dhukkubsatan mana yaalaa deemanii yaalamuu kan hin dandeenye yoo ta`u , " Mahaamad Qayaahar" kan jedhamu dhukkubni isaa akka malee itti jabaanan akka hospitaala deemuf hidhamtoonni gaafatanii , Hospitaala hin geeffamu jenaan Hidhamtoonni Oromoo Nyaata akka dhaaban ibsamee jira, sababuma kanaan hidhamtoonni heddu dhukkubsachaa akka jiran oduun achi keessa ba`e ibsee jira.
Mahaamad Qayaahar edda ofdadhabee hidhamtoonni hospitaala deemuu qaba jedhanii nyaata dhaabanii hospitaala kan geeffame yoo ta`u yaalii dhabee hospitaala Raas Dastaatti Lubbun isaa dabarte. Hardha Ganama reenfa isaa gara Hospitaala Minilktti qorannaf akka geessan keessa beektonni ibsanii jiru. Haalli mana hidhaa yoom iyyuu caala cimaa kandhufe yoo ta`u, hidhamtoonni yoo dhukkubsatan amma of dadhabanitti hospitaala akka hin geeffamne dubbatanii jiru.
Hidhamtooti Oromoo zewayii irraa mana hidhaatti geeffaman otuma dhukkubsatanii of dadhabanii qaamn isaanii laafee fi lamshahee jiranii mana hidhaatti deebisuun akka wayyanoonni beekaa rakkoo lubbuu isaaniif balaa keessa galchaa jiran Oduun bakka sanaa nu qaqabe ibsa.
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
|