Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila Diddaa Gabrummaa

Bitoteessa 22, 2006 (Oromiyaa) - Guyyaa dilbataa 19 03 2006 yuniiversitii Kibbaa kolleejii qonnaa awaasaatti bandii mirga uummata Oromoo tuquu barbaade tokkorratti tarkaanfiin fudhatame. guyyaa kana jarreen gocha kana hojjachuu yaalan gootoowwan barattoota yuuniivarsiitii kanaan tarkaaffii cimaa irratti fudhataniin erga dallaa keessaa ari`amanii booda jarreen kunniin poolisii federaalaa qabatanii dallaatti deebihanii Oromticha tokko qabatanii osoo bahaa jiran barattoonni qaqqabanii harkaa buufatani jiru.

Kanatti kan qaana`an federaalonni ngaan araaramaa homaa gochuu hin dandeenuu jedhanii of irraa deebihani jiru.  

******

Godina kaaba Oromiyaa keessatti FDG haala cimaa ta’een itti fufeera haaluma kanaan Ona Fichee magaalaa Ficheetti gaafa 20/03/2006 sa’aa 4:00 irratti Barattoonni M/B/sadarkaa 2ffaa Abdisaa Agaa fincila guddaa gaggeessaniiru.haaluma kanaan Alaabaa kitillayyoota buusani guubuun  kan ABO sa’aa dheeraaf fanisani jiru.

Akkasumas dhaadannoole baraman dhaggeesisani jiru. Gochaa kanatti kan rifatan lukkeewwan wayyaanee barattoota gaaffii mirgaa gaafatan irratti rasaassa robsuun baratoota sadii madeessaniiru isaanis: 1.Barataa Kuubaa Tashoomaa, 2.Barataa Roobaa Qacaa fi 3.Barataa Katamaa Gaarii jedhamu. Baratoonni kuniis magaalaa Ficheetti yaalamaa akka jiran beekamee jira.

Fincila kana irratti qaama hin beekamne irraa bonbiin harkaa lama darbatame jira. Poliison sadiis gar malee madaa’uun isaani beekameera, wayyaaneen barattoota hidhuus gochaa ishee guyyaa guyyaa ta’eera haaluma kanaan Ona fiichee irraa barattoonni hidhaman 30 ol akka ta’ee oduu nuga’eerraa hubaneera.

Kana malees fincilichii Onoota godinicha keessatti argaman Kuyyuu, Dagam, Warra Jaarsoo, Hidhabuu Aboote fi kan birootti bifa jabaan itti fufuun isaa beekame jira.  

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net