Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila Diddaa Gabrummaa

Bitoteessa 17, 2006 (Oromiyaa) - G/H/Lixaa keessatti FDG bifa haraayaan jabaate itti fufee jira. Uummanni gabaa dhaquu dhiisee jira. Tarkaanfin lukeewan wayyaanee irratti fudhatamus itti fufee jira.

Akka kanaan aana qunnii fi baddeessa, gabiibaa fi karra qurquraa iddoowwan adda addatti duulli gabaa lagachuu mul’achaa jira. Gabiibaa guutumatti gabaan kan dhabate yoo ta’u dukaanoleen cufamanii jiru. Kanatti kan rifatan wayyaannon hayama daldalaa irraa fudhachuun “cufameera” jedhanii sodaachisaa jiran. Kun nuuf haarayaa miti jechuun saboontonni qunnii fi bookee offiraa abaaraa jiran.

Gama biraatiin FDG aanaa bookee kessatti ratoota m/barumsa bookee xiqqoo keessatti uummata dabalatee mormii cimaa lukkewwan wayyaanee wajjiin godhaa jiran. Barattoonni bookee xiqqoo torbee darbe hiriira nagayaa bahuun alabaa ABO bakka lamatti kan fannisan yoga ta’u akkasumas guyyaa kaleessaa roobii 15/3/2006 hiriiraa bahuun poolisoota fi hidhatoota wajjiraa baasanii alabaa isaanii buusanii kan ABO dhaabanii oolan. Barattootaa fi uumattin qabsoo isaanii tan itti fufan ta’uu beeksisanii jiru. Haala kanaan poolisoonni wayyanee namootaa fi baratoota hidhuu ittii fufanii jiru.

Guyyaa har’a (16/3/2006) FDG magaalaa ciroo keessatti ganama irra sa’a lama irratti mana barumsa sad. 2ffa Carcar keessatti eegale koollejii qonna Ciroo fi hawaasa naannoo dabalatee amma mana barumsa sad.1ffaa jidu galesa lamaffaa lakk.3 dabalatee bifa adda ta’een adeemsifamaa ooleera. Akka kanaan baratoonni alaabaaa OPDO buusanii gubuudhaan kan A B O dhaabanii dhaadataa oolanii jiru. Poolisii fi hidhattoonni wayyanee lakkoofsi isaanii bayy’ee ta’an rasaasa akka roobatti baratoota irratti roobsanii m/barumsa fi naannoon sun dirree waraanna itti wal-dhawan ta’ee jira. Kana booda hawasanii diirmachuun godheen hawaasa naannoo fi poolisoota giddutti walitti bu’nsii ciimaan godhaamee jiraa. wallitti bu’nsa kanaratti raasasni bayeen dhaawamee jiraa. Boombiin tokkos human hin beekamneen darbamee poolisin Abdallaa je’amuu tokko du’a fi jireenyaa gidduu jiraa poollisoonni namni sagal akka malee dhaagaa fi uleen qonnaan bulaan magaala dhufanii fi hawasnii naannoo magaalaa Ciroo tumuun miidha cimaa irraan gahanii jiru.

Waayyaanee fi maxxantoonni OPDOn fincila uummataa dhaamsuuf waan dadhabaaniif baay’ee aarun namoota baay’ee fi barattoota hama namoota 300 makiinaa 4 n mana hidhatti guuranii jiru. Uleen akka malee tumuun jilbaan lafarra oofan. Hawasa naannoo mana barumsaa jiru namoota magaalaa dhufan mana namaa irraa demuun kan cufaa ta’e ulaa cabsanii sakata’uun isin ABOn ykn ABO baasa jedhanii akka malee doorsisaa jiru. Namoota dhukkubsatanii ciisanillee fuudhanii tumuun kan harkaa cabsan, kan mataa fottoksan kan tumuun gaggabsan lakkobsaan himamuun rakkisaadha.

Namoota haalan miidhaman keessaa: 1. Abraahim maahamd – barataa kutaa 10ffaa harkaa cabsanii jiru. 2. Aliyyii Abdoo – barattaa kuta 10ffaa miila dhoosanii jiru.  Namoorta hidhaman keessa: 1. Musxafaa Mahaamad 2. Juuwaar Aliyyii 3. Aliyyii Ahmaad 4. Aliyyii Ahmadee

Barattoota keessa: Aliya abdii – barattuu kutaa 10ffaa, 2. Mikaa’el Yuusuuf barataa kutaa 12ffaa 3. Badruu hassan kadiir qaasim, 4. Aliyyi abdulaa 5. Kubraa hassan 6. Awwal adam

Barattoota koolejjii keessa 1. Durrii , 2.Nuuree 3. Baqqalaa 4. Ahimad sammaan 5. Zakkoo maamad kan jedhaman keessatti argamu. Hawwaasin hidhaman guyyaa magalaa waan ta’eef namoota gurguraa fi bittaa hin geggessin akkasumas hojeetoota karaa deeman hedduu erga mana hidhaa geefatanii booda tumuun qorataa jiru. Firri akka hin laalle, nyaanni akka hin seeneef dhoorkamanii jiru.

Mannen barumsaa fi koollejjii qonna Ciroo guutumatti barumsi dhaabatee jira. Sabboontonnii fi barattoonni Oromoo hamma abbaan biyyummaa Oromoo mirkanaa’utti tarkaanffiin gabroofataa fudhatu kamiyyu of duuba nun deebisu, barumsi bilisumma booda jechuun murannoon diina naasisaanii abdii kutachiisanii jiru. Gama biraatiin uummanni Oromoo fincila duula gaba lagachuun diina buqqisaa waan jiruuf akka itti fufan walti dirmachuun aadaa akka godhatan waamicha dabarsanii jiru.

Haaluma kana aanaa Mi’eso magaala mi’eessoo keessatti mana barumsa sad/1ffaa barattoonni hiriira bahuun poolisootaan waltti bu’anii jiru. Osoo barattoonni hin bahin itti gaafatamaa biiroo barnoota aanaa mi’eessoo Masaay qana’aa dhufee ijjoolee baalagee shoororkeesitan wajjin taatee biyya jeeqa jirti nuti nama dubbate ni dhoofina jedhee sodaachisee booda turee hawaasinni biyyaa bahuun mee ijoolee teenya tuqaa jedhanii mormii cimaa godhaniin ijoollen diina jalaa baraaranii jiru. Poolisoonni gandaa Oromoo keessa deemun ijoolle waltti guuranii hidhuu itti fufanii jiru.

Godiiina H\L aanaa ciroo ganda madhichoo lack. 9 jedhamuu keessatti gaafa guyyaa 15/3/2006 galgala lukkee waayyaanee kan ummataa fi barattoota hiraarsaa ture, dura ta’aa hidhatoota gandaa nama aliyyii Adam jedhamurratti namoota hin beekamneen tarkaanfin keessa deebii hin qabne irratti fudhatamtee jiti. haala kanatti kan rifatan M.Y Oromoota qulququluu namoota shan sobaan hidhee dararaa jira. Isaniis: 1.    Ahmad Adamishoo 2.    M aasir haamidoo 3.   H usseen Ahdamshoo fi 4. Mahammad hussee kan jedhamanii dha.

Aanaa mi’eessoo magaalaa bordoddee keessatti namoota kudha lama ABO degartan jechudhaan hidhani doorsisaa jiru. namoota hidhan keessaa: 1.     Amee Mammaa. 2.     dinaa Zakariyyaa 3.     Mammad Nure 4.     Turkee Mahammad fi haadha mana isaa. Lukkeewwani fi basaasoota magaala bordooddee keessaa ummata hidhaa fi doorsisaa jiran: Ahmad Bayaan bulchinsa magaala kan ta’e , 2. Adam Mussaa 3. Mahammad Abdullaa kan jedhaman yoo ta’u namoonni kun gochaa isaani kanarra hattamaan akka deebi’an sabboontootni akkeekachisani jiru.

 

FDG Godina kaaba shawaa bifa haaraan ittti fufeera haalumm kanaan magaalaa ejeree mana Barumsaawwan 1, M /B/ sadarkaa 2ffaa,ejeree M/B/ sadarkaa 1ffaa Alamganaa fi sadarkaa 1ffaa Amaaraa Afxiin keessatti Barattoota gootoota salaaleen gaafa 14-03-2006 ganama sa’aa 4:00 irraa jalqabee FDG bifa qinda’aan Ona kana keessatti mana barumsaale hedduu keessa Alaabaan kitillayyootaa buusani guubun kan ABO sa’aa dheeraaf faniifame oleera, poliisonni 1,Gazaahany dhalataa Amaaraa 2,Taaraqany 3,Taaddassaa fi hidhataan gandaa tokko tarkaanfii Uummatni fudhafeen caccabni hojii ala taasifamaniiru kana malees sochiin FDG Ona Dagam, M/B/Alii doroo fi maneetti barnnootaa kan birootti Daran jabaate itti fufun isaa beekameera haaluma kanaan fincili Uummataa kan isaan sodaachise wayyaanoonni Uummata nagaa fi barattoota gaaffii mirga isaani gaafatan irratti warraana Agaaziin jedhamu bobbaasun barattoota torba /7/ Rasaassaan madessaniiru Barattonni 2./lama midhaan isaan irra ga’ee lubbuu isaaniif waan sadaachisuf yaalamuf gara magaalaa finfinnee geeffamaniiru isaanis:-

1.Barataa Tasfaaye Tolchaa mila irra kan rasaassa diinaan rukuutamee B/kutaa 10ffaa 2.Barataa Boojaa Katamaa rasaassaan madaa’ee sadafiin ammo ilkaan isaa sagal kan dhabee B/ kutaa 9ffaa yeroo ammaa hosphitaala X/Ambasaatti argamu, akkasumas, 3.Barreessaa Lammaa rasaassaan gatetti isaa rukuutame kutaa 9ffaa 4.Kafyaala Katamaa dugda isaa kan rukuutame yommuu taa’aan yaalamuf gara magaalaa Ficheeti geeffamaniiru, kana malees warraani Agaazii barattootaaf Uummata Ona kanaa hedduu isaanii reebicha sukkannesaan miidhaa guddaa irraan ga’e mana hidhaatti darbachaa jira, akkasumaas warraana Agaaziin konkolaata lammaa ol Ona kanatti bobbaase jira.Haaluma kanaan Qootee buulaa, Daldaalaa, barataa osoo hin jedhiin tokkumman FDG dhaadannolee baraman qabachuun daran finiinsaa akka jiran oduu nu ga’eeraa hubaneera.

FDG Ona wara Jaarsoo Keessatti daran Jabaate itti fufe jira. Haaluma kanaa gaafa bitootesa 14-2006 ganama sa’aa 5:00 irraa jalqabe M/B/S 2ffaa Gohaa Tsiyoon Sadarkaa 1ttaa Tullu Milkii , Jaarsoo Tutii sadorka 1ffaa Qeeraa Jaarsoo Tutii sadarka 1ffaa Osee fi manneti barumsaa Ona kana keessatti argaman hundatti qotee bulaa fi uummata guutuu waliin ta’uun FDG Cimmaa ta’e gaggeeffameera, Alaabaa Kitillayyootaa buusani guubuun kan ABO sa’aa dheeraaf fanisani jiru.

Qabeenyi mana barumsaa sadii fi manii kuusaa xa’oo tokko barbadaa’eera, kana malees gootoonni barattoota Ona wara Joorsoo warnaana wayyaanee sochi isaani dhaamsuuf dhufee, irratti gootumaan fuldura dhaabatanii tooftaa adda ta’een sa’aa dheeraaf ofiirraa deebiisan, dhagaa simbira qanceedhan fayyadamuun poolisoota of irraa aranii poolisiiniis gochaa Uummataa fi barattoota M/B/ sadarkaa 2ffaa Gohaa Tsiyoon irratti Boonbii darbachuun sobaan himachuun barattoota hedduu mana hindhaatti guuraatti akka jirudha.Barattoota hidhaman keessaa:

1. Barataa Baqqalaa Taay’ee B/Kuutaa 10ffaa 2. B/Safaraa Joobiraa kutaa 12ffaa 3. Durbaa Kabbabuush yaazoo Kuutaa 10 ffaa 4. B/Nugusu Alamuu 5. B/Rataa Boojaa Kutaa 10 ffaa 6. Tolahaa Takaa wardiyaa Bulchinsa ona wara Jaarsaa yommu ta’aan Barattoonni 12 ammon hukaamsamani iddoo hin beekamneetti geeffamani jiru.

Akkasumas, bassastota Uummata hiraarsaa turan, guyyaa kan uulee fi dhagaadhaan kan caccaban keessaa: 1.Maati’yaas Haayiluu fi 2. Tasfaayyee Tooaan keessatti argamu.

Haala kanaan sochiin Ona kana keessa tti jalqabame haga mootummaan wayyaannee barbada`uutti FDG kan itti fufu ta’uu isaaf Uummatni Oromoo kaabaa kibba ,Bahaa Dhiiha osoo hin jedhiin tokkumman mirga isaaf yoomiyyuu caalaa akka ijaaramee qabsaa’u sabbootonni Ona wara Jaarsoo dhaadannooleeisaanii keessatti dhageesissaa turani jiru. 

Biyya Gooticha Oromoo J/ Taaddassaa Biruutti qabsoon salaaleetti jalqbamee ammas jabaatee itti fufeera Godina Kaaba shawaa keessatti gootota uummota salaaleen gaggeeffamaa jira haaluma kanaan caasaan OPDO Godinichaa digamaa akka jiru odeefannoo arganerra.  

Ona kuyyuu magaalaa Garba Guraachaa keessa kitillayyoota wayyaannee Uummata hiraarsaa turan ajajjaa I/G/Godina Kaaba showaa Aabaabuu Ordoofaa jedhamuu fi Minaasee W/Gorgisiin namootni 8 hojii irraa arii’amaniiru, sababiin isaan itti ai’aniis isin Godiinicha tasgabeesu hin dandeenye jechuun akka ta’ee beekameera.

 

Namoota ari’ataman Keessaa Muraasni 1. I/G/Dura/ taa’aa Bulchaa Ona kuyyu Siyum Raggaassaa 2. I/A/D/T/ Bulchaa Ona Kuyyuu Yohaanis Gabbisaa 3. A/Polisii/ Inispektara/ Ona Kuyyuu Adisuu Gabbisaa Abbaa Joollee 8tii / sadetii/ kan ta’e 4. I/G/Biroo Barnootaa Girmaa Kabbabuu 5. Haaylu Shifiraa I/G/Biiroo/ Qonaa fi 6. I/Gaaffatamtuu dhimma Dubartootaa Kan taatee Keessatti akka argaman beekameera. kana malees, poolisoonni Ona Kuyyuu keessatti argaman lamma gaafa 13-03-2006 irraa eegalanii gochaa mootummoota wayyaanotaa mormuun hidhannoo gisaanii guutuu waliin akka badan beekame jira.  

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net