Bitoteessa 16, 2006 (Oromiyaa) - Wayyaaneen ammallee barattoota Oromoo yuniversity finfinnee sababa tokko malee ukkamsuu itti fuftee jirti. Akka Kanaan Barattoota Yuniversity finfinnee kiiloo-5 keessaa baratan barataa Gammachiis Haylee fi barataa Cimdii Dinqii guyyaa bitootessa 14-2006 ganama bakka isaan taa'anii nagaan shaayii dhugaa jiranitti humnaa wayyanootaan ukkaamsamanii bakka geeffaman hin beekamne. Ukkaamsi mootummaa abbaa irree kun barattoota Oromoo irratti geessisaa jiru waan kaleessas dalagaa ture dha, hardhas gochaa diinummaa isaa irraa osoo hin baranne barattoota nagaan barnoota isaanii baratanii fi qormaata irra jiran sababa barbaadee hidhuun barnoota isaanii irraa gufachiisuu itti fufee jira. Bara 2004 illee gochaa wal fakkaataa hojjete.
Yaroo ammaa kanatti barattoonni yuniversity finfinnee yeroo qormaataa irra jiranitti qabanii ka hidhan beekaa akka ilamaan Oromoo yeroon barnoota isaanii baratanii fixanii maatii fi firoottan isaanii, gargaaranii rakkoo isaanii keessa hin baasne karoorfatanii barattoota Oromoo adamsanii hidhu jabeessaniiru. Yeroo kanatti barattooni Oromoo yuniversity finfinnee jiran qormaata irraa ukkaamsuun rakkoo fi jeequmsa akka bara 2004 ni fida jedhamee sodaatamaa jira. Wayyaanonnis sababa uumanii fi barattoonni Oromoo yuniversity finfinnee akkuma bara 2004 dogoggoora seenaa dalaguuf waan akkeekkatan fakkaatu. Tarkaanfii akkasii yeroo qormaataa kanatti barattoota Oromoo kanarratti fudhachuun ijoolleen Oromoodhaa ka yuniversity keessatti barataan akka sammuun isaanii tasgabbii dhabee akka qormaata irraa gufatan ykn diddaa gabrummaa Oromiyaa keessatti deemaa jiru keessatti hirmaachaa jirtu jedhee fi sababa itti uumee barnoota isaanii irraa gufachiisuuf akka ta`e hubatameera.
Barattoonni Oromoo Yuniversity Finfinnee barattoonni sababa Oromoo ta`an qofaaf hidhaman kun akka hatattamaan gad-lakkifamnii qormaata irra jiran kanatti deebihan gaafachuun qormaata isaaniitti deebihanii hin qoraman taanaan tarkaanfii barbachisu akka fudhachuu dandayaan akeekkachiisniru. Nagaan akka mooraa keessaa fi alatti bu'u yoo wayyanonni barbaadan barattoota nagaan barnoota isaanii barachuuf barumsatti deebihan kana akka hatattamaan gadhiisan, gaaffii uummataas akka deebisan akkeekkachiisaniiru.
Kana godhuu baannan nu barattoonni Orommoo yuniversity finfinnee barnoota dhaabnee gara qabsoo uummataatti akka makamnu beeksifna jechuun ejjennaa isaanii ibsu. Barattoonni kun bara yeroo 2004, bara wayyaaneen barattoota Oromoo 350 ol barumsa irraa jimlaan ariite irraa kaassee kan gidiraan adda addaa irra gahee amma nagaan barnoota isaaniitti deebihanii kan barachaa turan yoo tahu, bara 2005nis barnoota irraa dhoorkamanii kan rakkoo adda addaa keessa turan dha. Barana sababa gaaffii Oromoon kaaseef kan barnootatti deebi'anis amma wayyaaneen barattoota Oromummaa ofiitti amanan duuchaatti shaakkuun, sodachuun itti karoorfattee barattoota kana qormaata irraa qabuun ishee waan qaama mootummaa dha ofiin jedhu irraa waan hin eeggamne dha.
Kanaaf, nu barattoonni Oromoo Yuniversity Finfinnee gochaan waayyaaneen nurraan gahaa jirtu waan dhala namaa irratti hin raawwatamne waan ta`eef callisnee ilaaluu hin dandeenyu. Callisnes dubbannees hidhaa fi ajjeechaan waan nu hin oolleef kana booda waan diina irraa eegnu tokkollee hin jiru, daba nurratti hojjetamaa jirus sammuu itti usnee ilaalluus hin qabnu. Waan ta'eefis barattoonni Oromoo impaayerattii keessa jirtan marti harka wal-qabannee guyyaan kaanu dhiyoo dha! Ummati keenyis sagalee qaroo ijoollee keenyaa dhageeffachuun diddaa gageessinu daranuu jabeessinee itti fufuu malee falli biraa hin jiru! Iyyaa keenyaaf dirmadhaa! Haa wal korannu! guyyaa walii beellamnee guyyaa tokko akka kaanu haa qophoofnu! Jabaannee sochoonee mirga keenya haa goonfannu!!
Injifannoo Ummata oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!
|