Bitoteessa 16, 2006 (Oromiyaa) - FDG godina Lixa Shawaa aanaalee adda addaa keessatti kan itti fufe yoo tahu manneen barnootaa aanaa Giincii,Jaldu fi Gindabarati keessa jiran cufamanii jiru.
Bitootessa 15/2006 barattoonni mana barumsa sadarkaa 2ffaa Gindabaratii fii mana barumsaa jiddu galeessa sadarkaa 2ffaa Kaachisii akkasumas uummannii fi dargaggoonni magaala kaachisii guyyaa walakkaa sa'aa 6 irraa kaasanii hiriira bahuun magaala Kaachisii dhuunfatuun, haasxaa gabrummaa kan tahe alabaa Abashaa buusanii gubuun dhadannoo adda addaa barreeffama gugguddaa haalluu diimaaf magariisaan barreeffame qabachuun magaalaa dhuunfatanii hanga dukkaanaa'utti sirbaa fi dhaadachaa oolanii jiru. Dhadannoolee qabatanii ba'an keessaa muraasni:-
1. Abbaan Biyyaa Oromoodha, Oromoon Kan buluun ABO dha!
2. ABOn kallacha qabsoo Oromooti!!
3. Oromoon lamuu diinaaf hin jilbeeffatu!
4. Abbaani Duulaa nu hin bulchu!!
5. Dhiiga keenyan Mirga keenya kabachiifna!!
6. Mootummaa nu ajjeesaa jiruuf akka inni meeshaa ittiin nu fixu bitatuuf horii fi qabeenyaa keenya Gibira hin kafalu!
7. Dargaggoota Oromoo waraana isa hin ilaallannetti oofuun haa dhaabbatu!
8. Oromoon kan duuluu qabu saba isaaf malee saba isaatti ta'uu hin qabu!!
9. Mirgi ofii kabachiifachuuf Oromoon bakka maraa haa socho'u!!
10. Yakkamtoonni Oromoo ajjeesaniif ajjeesaa turan seeratti haa dhihaatan!!
11. Diroo Baqqalaa kan barattoota Oromoo Gindabarat 5 bakka tokkotti fixe seeratti haa dhiyaatu!
Dhadanooleen barattoonni qabatanii bahan, kan gaaffii Oromoo of keessa qabu 50 ol akka tahan beekkameera.
Fincilli kun guyyaa guutuu kan itti oole yoo tahu, poolisonni fi hojjettoonni OPDO waajira gadhiisanii kan baqatan yoo tahuu barattoonni alaabaa ABO waajiraalee adda addaa keessatti fannisanii faaruu Oromiyaa faarfatanii jiru.
Fincila uummataa kanaan kan rifatte Wayyaaneen waraana Agaazii Ooralii 2 itti fe'uun barattoota heddu qabdee hidhaa jirti. Waraana kana jala deemee kan faana agarsiisaa jiru nafxanyicha Itti gaafatamaa waajira barnootaa kan ta'e Taklawald baqqalaa jedhamu tahuun isaa beekkamee jira. Nafxanyichi kun gochaa isaa kana irraa hin deebi'u taanan tarkaanfiin sirreesaa fi keessa deebii hin qabne kan irratti fudhatamu ta'uu isaa sabboontonni ni akkeekkachiisu.
Ficilli kun baadiyaalee Gindabarat keessas qindaawee kan itti fufe jiru tahuun beekkamee jira. Gootonni barattoota Gindabaratis gaffii nu kaasaa jirruuf uummati waan qabuun nu waliin ka`ee lukkeelee diinaa irratti tarkaanfii sirreessaa fi kan keessa debii hin qabne akka fudhatu dhaammatan. Diina qe'ee itti dhalanne keessa nu yaatee roorristu, gufuu qabsoo Oromoo kan tahan hunda irratti yeroon itti tarkaanfii fudhatan amma jechuun ummatatti iyyatan.
Yaroon itti gufuun Qabsoo oromoo Hundeen Buqqaatu Amma!!
********
Namni taadasaa dotii jedhamu itti gaafatamaan misooma aanaa shaashamannee basaastuu cimmaa wayyaanee ta`uun waan beekameef gocha kanarraa akka of qusatu sabboontonni naannoo dhaamaniiru yoo of hin qusanne ta`e immoo tarkaanfiin akka irratti fudhatamu beeksisaniiru.
********
Naannoo karrayyuu ona fantaallee keessatti sabboonaan Oromoo naanno sanaa kan jiloo tulluu jedhmu poolisiin federaalaa rasaasa jahaan rukutee akka hin yaalamne sirri irratti dalagamee hanga ammaa madaan isaa raamaahee akka rakkaachaaru sabboontonni naannoo kanaa himan. akkasumas ijoolleen bayyeen ilaalcha ABO qabdan jedhamanii adamsamfanii biyyaa baqachuun gabaafame. akka jedhamutti nannoo kanaa namnummaan gocha suukaneessaa irratti dalagmee jira namticha gocha kana rawwachiisaa jirus aqaan isaa Umar Ahmad jedhama.