Ebla 14, 2005 (Oromiyaa) - FDG garbrummaa uummanni Oromoo itti jiru waan ishee yaaddesseef Wayyaaneen Barattoota Oromoo yakka tokko malee qabanii hidhuun hiraarsuun akka itti fufe hubatameera. Kana keessatti barattoota Oromoo umuriin ganna 18 gadii kan seera addunyaattuu harki irra qabamuu male ukkaamsuun hidhaa keessatti elektirikafaa fayyadamuun dararaa jirti. Kanneen keessaa garii kan maqaan nu qaqqabe:
1. Taammanaa Garbaa :Gimbii Ganda 04,Umurii 30, 2. Waaqee Tasfaa :Ganda Maarachee Wadaboo,Umurii 20, 3. Mahaammad Naasir:Ganda 04,Umurii ganna 14, 4. Bantii Waakkennee :Ganda 04,Umurii Ganna 14, 5. Daraaraa Taammanaa:Ganda 04,Umurii Ganna 14, 6. Gannat Birasaa Ganda 04,umurii 15, 7. Taammiraat Huumaa Ganda 04,umurii ganna 14 yoo ta’an barattootni kun gaafa 14-07-1998 ALH irraa eegalee dararamaa akka jiran dha.Sanii asittis baay’inni hidhamtootaa akka heddummaataa jiru beekameera.
Gara biraan Aanaa Gimbii kanatti Bulchiinsotni OPDO mootummaan kufuusaati jedhanii maallaqa hedduu balleessuun/nyaachuun isaanii waan saaxilameef kanneenuma dhiyeenya Filannoo 2005 asitti muudaman hojiirraa akka rarraasaa jiran hubatame jira. Haaluma kanaan:
-Immiruu Bultii bulchaa A/Gimbii ,
-Baahiruu Shifarraa Gorsaa B/A/Gimbii,
-Balaay Abbebee I/G/Qonnaa A/Gimbii,
-Kifiluu Jaallataa I/A/Bulchiinsa A/Gimbii fi namoonni kaan hojiirraa kaafamanii namni biraas otoo bakka hin bu’iin jiraachuun keessa beektota irraa hubatameera.
**********
Harargee bahaa fii lixa guutuu harargee keessatti wayyaanee fii barattoota fi ummata oromoo jiddutti fincilli uumame daran jabaatee itti fufaa jira.
Akka kanaan ona hara-maayaa ummata fii barattoota oromoo irratti duulle fincila dhaamsuu jedhamee waraana wayyaanee tii fiibarattoota tigreetiin baname hanga ammaatti finiinee jabaatee jira. barattoonni fii ummani oromoo jeenummaa qabaniin waraana wayyaanee fii barattoota tigree kan qawwee hidhatan dura dhagaa fii mancaan dhaabbachuun ufirraa ittisaa jiran.
arra barattoonni sadarkaa hundaa warra yuneversitii dabalatee guyyaa goototaa kabajuuf bakka barataan kanaan dura du'e itti awwaalametti odoo deemanii waraanni wayyaanee battala qabatee fii akka walitti bu'an barame garuu hanga ammaatti waan gahe adda baafachuu hin dandeenye.
harargee lixaatti fincilli daran babal'atee wayyaaneeniis humna guddaa itti fiddee ummataa fii barattoota hidhuu fii qa'ee arihuun jabaataa dhufe. akka kanaan naannoo hirnaa fii galamsoo ummata baadiyaa odoo hin hanbisin guyyaa goototaa kabajuuf deeman jechuun hidhaa mooroota waraanaatti guuraa jirti.
Akkasumatti mi'eessoo fii Asabootiis arra hidhaan itti jalqabdeeti jirti.ummanni fii barattoonniis wayyaanee fii warra jala fiigaa jiru hunda dura dhaabbachuuf qophii tahanii akka jiran dhaaman.
haalli yeroo ammaa kan gara baha oromiyaa jiru hedduu hammaachaa jira.
yeroo ummanni keenya silaa waa qotachuuf fiigaa jirutti beeleessuuf wayyaaneen mana hidhaatti guuraa jirti. Yuneversitii kibbaattiis arra barattoonni guyyaa goottotaa kabajachaa ooluun isaanii barame. odeessa akkana dhaamsa keenya kan boodaa irratti bal'ifnee isinii dhaamna.
**********
Godina Arsii Ona Siraaroo magaalaa Ajjee keessatti barattoonni mana baruumsa sad.1ffaa Ajjee guyyaa 12-04-2006 ti Alaabaa Gabroonfataa buusuu dhaan gubanii jiru barattoonni kun Alaabaa kana kan guban saa`aa barattoonni mana baruumsa gadi lakkisaniitti Hirira baasanii Faaruu Alaabaa gabroonfataa akka Farfatan waan gaafatamaniif battalumatti Alaabicha buusuudhaan Gubanii jiru gochaa barattootaa kanatti kan rifatan barsiisonni ergaa diinaa qaban tokko tokko barattoota walitti qabanii gorsuu yaalinis osoo hin milkaayin hafanii jiru. Achuma Onuma Siraaroo kana keessatti uummanni ona Siraaroo Ayyaana guyyaa 13-04-2006 O.P.D.On waamte irratti argamuu diduu dhaan salphisanii jiru Ayyaana kana irratti osoo namni tokkollee hin argamin Qophi dhuma isaaniillee osoo hin kabajatiin addaan galanii jiru. Ona kana keessatti sabboontonni hedduu mana hidhaa keessatti dararamaa jiru yeroo ammaa barattoonni 30 oli ta`an mana hidhaa magaalaa Ajjee keessatti argamu kanniin keessaa barattoonni lamaa kan guyyaa fincilaa rasaasaan rukutaman keessatti argamu. Onuma kana keessatti warroonni uummata Hidhuu fi Hiisisuun rakkisaa jiran:
- Waarituu Hamdee bulchaa magaalaa Ajjee kan ta`e , 2. Amaan Araarsoo Bulchaa ona Siraaroo kan ta`e 3. Tashoomaa Hamdaa, 4. Sanbatoo Huseen, 5. Salamoon Kaasayee
- Boonsoo Huseen, 7. Quufaa Gaaddisoo 8. Shukrii Leellisoo
Jedhamu lukkeewwan kunniin namoota yeroo ammaa kan uummata keenya akka malee miidhaa jiran waan ta`anii gochaa isaanii farrummaa kana irraa haatantaman yoo hin deebine miidhaa isaan irra gayuuf itta gaafatamaan matuma isaani ta`uun sabboontonni Ona Siraaroo hubachiisanii jiru. gama biraatiinis Godinuma Arsii kana keessatti Hidhaa fi tumaan uummata Oromoo irra gayaa jiru jabaatee itti fufee jira. Ona Kokosaa keessattis namoota nagayaa hidhanii akka dararaa jiran dhagahame.
Obboo Xilahuun gammadaa kan jedhaman Dorgomaa W.F.D.O kan ta`an yeroo ammaa mana hidhaa ona kokosaa keessatti akka malee dararamaa jiru. Manuma hidhaa kana keessatti Daldalaa kan ta`an obboo Abbiyyoo Seeyfuu, barataa Muhaammad Arsee fi barataa Burqaa Isheetuu kan jedhaman manuma hidhaa kana keessatti dararamaa jiru. Ona Shaashamannee keessattis Dargaggoo Isaa Juullaa, Fiqaaduu Bariisoo fi Muusaa Huseen kan jedhaman mana hidhaa keessatti akka dararamaa jiran keessattu mabbaan Dargaggoo Huseen Muusaa ilma kee fidi jedhamee akka malee Polisootaan tumaamee jiraachuun dhagahame.
Injifannoo Ummata Oromoo!
Gadaan gadaa bilisummaa ti!!