Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa


Bitoteessa 15, 2006 (Oromiyaa) - FDG godina shawa kabaatti jalqabame ture bifa haraan itti fufee jira. Akka kanaan Guyyaa kaleessa 14/03/2006 Anoole Kuyyu, Warra jarsoo, Hidhabu aboote, Aliidooroo, fi Anoole adda addaa kessatti Fincilii baraatoota fi ummata amatee ademaa oolu isa oddefannoo naga'e irra hubachuu ganda'e jira. Ka'umsii Fincila kana baraatotni hidhaman haa hikamaan kan jedhu fi Gaffilee mirgaa adda addaa kan ofi kessatti hamate ta'u isa beekameera. Haa ta'u malee gaffii kana deebii debisura humnaan fayyadamuun amalaa kan godhate motummaan Wayyaannee humna darbatamaaf humna federaalattiin godiina kana to'acha akka jiru beekame jira.

FDG Wara jarsoo kessatti adeema oleen foddaleen maneen barnoota fi Galma kuusa meshaa annaa sana barbadayeera. Akkasumasi basastooni wayyaannee lakkofsi isaani hin beekamne  akka malee mada'uun isaani beekameera. karan konkolataa Gojjamii gara Finfinnee geessu ummataa fi baraatotaan cufamee oole jira. Alabaan Adda Bilisumma Oromoo ifaan ifatti Dhabbatee kan oole yommuu ta'u baraatotni baay'eenis hidhamuf mada'uuni isan beekameera.

Baraatota akka malee mada'an kessaa

1. Baqqalaa tayyee

2. Safaraa jobiri

3. Kabbabushi Yasoo

Kan hidhaman kessaa

1. Kabbabushi Yasoo(akka malee kan madoftee)

2. Nigussuu Alamuu

3. Rataa Bojaa

Kanneen asi olii kun kan maqaan isaan nu qaqabe yoo ta'u kan hidhamaan kudhaani(10) oli ta'uuni isaani beekameera.

Annaa kana kessatti maneen barnootaa Fincilii kessatti adeema oole kessaa

1. MB Mojjoo sad 1ffaa

2. MB Gabaa Gubbaa sad 1ffaa

3. MB Walee cilloo sad 1ffaa

4. MB Jarsoo tutii sad 1ffaa fi 2ffaa ta'uun isaani beekameera.

Kana malees annaa Kuyutti baruumsii akkuma cufameeti kan jiru yeena ta'u kaddirooni OPDO wali ga'ii yamaaniin osoo hin milka'iini hafuun isaani beekameera.

Maneen barnootaa cufamaan

1. MB Qeeraa

2. MB lakkofsa 3

3. Mb qaree taa'a

4. MB Misiyoonii

5. Mb Garba Gurachaa sad 2ffaa

6. Mb somboo ceeka yoo ta'aani erga cufamaanii torbee sadi darbuun isa beekamee jira.Sababni isaani baruumsa dhisaniifis gaffiini kenya hanga nu debi'utti akkasumaas hiriyooni kenyaa gaaffii mirgaa gafataani hidhamaani hanga gadi lakifamaanitti hin baraanu kan jedhuudha.

Annaa dagamif Alii doorootiis fincilii wali fakkatuu akka adeemsifama yeena jiruu, Maneen barnoota sad 1ffaa fi 2ffaa Dagami fi MB sad 1ffaa Alii dooroo fincila cimaa adeemsiisa ooluun isa beekameera.

gabaasni hanga nugayeeti Fincilii itti fuufa akka jiru beekamee.

*****

FDG barattoota Oromoo sh/ kaabaatiin eegalame ammallee itti fufuun beekameera haaluma kanaan barattootni aanaa Dagam mana barumsaa dagam sad.2ffaa fi mana barumsaa Muka qulee gidduuu galeessa 2ffaa tti gaafa  wiitataa  eegalame hanga yoonaatti haala baay’ee rakkisaan adeemsifamaa jira.manni barumsaas guurtummaa guutuutti cufamee jira.poolisiin federaalaas barattoota mana isaanii irra deemuun qabee hidhaa jira guyyaa guutuu.har’a roobii hanga gaabaasaa kana qindaaheetti meeshaan waraanaa kilaashii hanga matarayyaasiitti magaalaa Muka Quleetii ummatatti dhuka’aa jira poolisii federaalaatiin namni du’e fi hidhame kan beekame yeroof hin baramne.

Barattoota mana barumsaa Dagam iirraa hidhaman muraasaa maqaan isaanii  nu qaqabe keessaa

  • Salamoon Irranaa kutaa 10
  • Biraanuu Mootii  kutaa 10
  • Tolashii Taammiruu (dhalaa)
  • Miliyoon Daadhii
  • Fiqaaduu Dachaasaa
  • Siyyum Naanneessaa yeroof kan maqaa isaanii arganne yommu ta’u kan hin beekamiin  baay’ee dha.dhiirri guutummaa guuttutti manatti argamnaan ni hidhama magaalaa Dagam keessatti.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

Injifannoon Ummata Oromoof!!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net