Bitoteessa 15, 2006 (Oromiyaa) - 1/ Guyyaa 13/3/2006 FDGn godina lixa shawa aanaa xuqur hincinnii baadiyyaa dabalatee cimee itti fufee jira. Manneen barumsa sad 1ffaa; Winee, tokkee, dabbalee, naannoo, jedhaman keessatti barattonni barachaa jiran baadiyyaa keessa deddebi’uun FDG adeemsisaa jiru.
Haaluma kanaan duulaa gabaa labsamee jiru hojii irra oolchuuf lafa gabaa KMISII ROGGEE jedhamtu deemuun kanaan booda qabeenyaan keessan akka argetti gabaa irra ooluu hin qabu jechuun uummatatti labsaa olanii jiru. Jala deemtuu wayyaanee imoo gabaa keessa ari’uun mi’a jalaa baballeessani jiru. Kana malees barattonni manna barumsa winee darktteera obb.Alamuu Abdiisaa fi bulchiinsa gandaa OBB. Daandanaa Jifaaraa mana isaanii reebuun wanta isaan nyaatan ilee erga jalaa bleesan booda kana booda FDG fuuldura dhaabbattu taanan lubuu keessanyu darba jechuun akeekkachiisaniiru
2/ Gaafuma guyyaa 13/3/2006 kana m/b sad. 2ffaa Gudar jeequmsa kaasun konkolaataa lama kan mootummaa caccbsuu hojiin ala taasisani jiru. Kanuma irraa ka’uun polisiin federaalaa dorgomaa OBKO kan ta’e obb. Dhugaasaa kan jedhaman situ akkas godha jechuun akka malee reebuun lubbuun isaa gaaga’amtee hospitaala ambootti yaallamaa jira.
3/ Wayyaaneen barattoota m/b ambootiin warra keessan fiddan malee hin barattan jedhee barataan akka mana barumsaa hin deemne gochaa jira . baratoonis nuti warra keenya hin finnu barumsis yoo hafe FDGn hin afu jechuun murannoo isaanii diinaaf ifa taasisaniiru
4/ Godina kibba lixa shawaa Ona Ammayyaa ganda Dirree Arroojjii keessa kan jiraatu dabballee wayyaanee yaroof maqaan isaa hin baramin tarkaanfii keessa debi hin qabne qabeenyaa isaa mana, midhaan, horii walumaa galatti qabeenyaa isaa waliin manni gubatee badeera. Akkasumas ganduma kana keessatti basaastota wayyaanee irratti reebicha cimaan, rukutamanii caccabfamanii qaamaa hirratanuuru. Tarkaanfiin kun kan fudhatamee raawwatame halkan kamisa darbe bitotessa 9-2006 dha.
Gara biraan ammoo achuma ona Ammayyaa magaalaa Ammayyaa keessa jiraata lammummaan isaa Amaara kan ta’e Taaddasaa Baqqalaa jedhamu dabballoota wayyaanee waliin ta’ee ummata magaalaa sanaa baayyee rakkisaa jira; dabballoota wayyaanee kana konkolaataa isaatiin olii gad deddeebisaa jira.
Dimshaashumatti onni Ammayyaa yaroo ammaa kana humna Agaazii jedhamuun marfamtee jirti. Dabalatas humni Agaazii kun magaalaa Walisootti Ooraalii 3 itti duulee barattoota ol fi gad bahuu dhorkatee jira; baayyees gidirsaa jira. Akklasumas poolisii Zawduu fi qaama bulchiisaa kanta’e Guutaa Dagguu jedhaman baratota walgahii waamanii yoo isin fincila tokko kaaftan rasaasa qaaruu ykn maggaaggaa keessan keessa baafna jedhanii itti dhaaddataa olaniiru. Wayyaanonni gaaffii Oromoof irree isaanii ummata dirqiin gabrummaa keessatti hambisuuf tattaafachuun waan yeroo ammaa kana addunyaa irra hin jirre waan ta`eef qabsoo keenya bifa adda addaa jalqabne jabinaan kan itti fufun finiinsuu malee fala biraa hin qabnu jedhu.
Garaan Gadaa Bilisummaa ti!
Injifannoo Ummata Oromoof!!