Bitoteessa 14, 2006 (Oromiyaa) - 1.Haalli FDG Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru ka duraa caalaa daran itti fufe jira kanumaan gaafa 13-03-2006 sa'aa 2:00 irraa eegalee Go/li/shawaa Aanaa Amboo M/B/sadarkaa 2ffaa Amboo, akkasumas gaafuma kana Aanaa Caliiyaa M/B/sadarkaa 2ffaa Gubayaa keessatti haalla ho'aa ta'een gaggeeffame jira.
Gootonni baratoota M/Barumsaalee lameenuu Uummataafii darggagoota nannoo isaani waliin ta'uu dhaan dhaadannoole adda addaa dhageessisaa olaniiru. kana malees FDG Aanaa Dandii Magaalaa Ginciitti jalqabamees qotee buulaaf Uummata dabalate daran cimee itti fufeera. Sochii Uummataan kan rifate wayyaaneen Uummata nagaa irratti rebicha sukkanneesaa raawachaa jirti.diree konkolaataa irra cibsani Darggagootaaf Barattoota heduu rebani gara mana hiidhaatti darbataniiru. kana keessaa Barataa Waaqumaa Margaa Ona Amboo irraa miidhaan cimaan irra ga'ee haala lubuu isaaf sodaachisu keessatti mana hiidhaatti darbatameera.
2.Akkasumas,Go/kaaba shawaa Ona kuyyuu keessatti FDG gaafa 13-03-2006 sa'aa 4:00 irraa jalqabee Barattoonni M/B/sadarkaa 2ffaa Garba Gurachaa fi M/barumsaawwan Ona Kuyyuutti argaman hundii Uummata waliin ta'uun warraana wayyaanee wajjiin walitti bu'uunsa guddaan uumamee akka ture fi namootni baay'ee hiidhamuun isaani beekameera.
3.Godina walloo magaalaa dasee M/B/Sadarkaa 2ffaa Inxooxxoo fi xoosaa jedhamu keessatti gaafa guyyaa 9fi 10nii Barattoonni FDG cimaa gaggeessaa olanii Barattoonni hedduunis mana hidhaatti guuramanii hedduun immoo reebichaan qaama isaani hir'ataniiru. akkasumas ka lubuun drabees ni jirraa jedhama, gaafa kana magaalaan Dasee dhukaasa wayyaannotaan diree lolaa fakkaate turuun isaa beekameera.
4. Godina harargee bakkoota adda addaatti anaa daaroo labuu, magaalaa harar, bakkoota hedduutti FDG finiinee itti fufuu isaa maddeen odeessaa bakka sanaa ni ibsu. Haala kana waliin wal wayyaanoonni barattootaa fi jiraattota Oromoo ta`an hedduu mana hidhaatti guuruu fi miidhuu fi dararuu kan itti fufan ta`uu hubatameera.
5. Gabaasa FDG Ona Gincii gaafa 10-03-2006 haala sukkanneesaan Barattoonni sagal rasaassa wayyaaneen madaa'uu isaani isiniif gabaasun keenya ni yaadatama. garu hanga ammatti qilleensa irratti hin olee jedhamee koomii Ona Gincii irraa waan nuuf eergameef akka nuuf darbu isiin yaadachisna. galatomaa.
6. Godina lixa shawaa Ona caliiyaa Magaalaa Geedoo keessatti gaafa 12-03-2006 galgala sa'aa 3:15 irratti nama Maamuyyee Fiqaaduu I/G/D/Milishaa Ona caliiyaa kan ta'e dhalataa haabashaa, kanaan dura 1991 A.L.H irraa eegalee hanga 1997tii basaastu ta'e namoota hedduu hissisaa,ajjechisaa rebsisaa ka ture yommuu ta'u goochaa isaan angoo kan argate,kana malees yeroo dheraaf midhaa saba keenya irratti geessisu akka dhaabu akeekachiisni laatameef ture,garu sabboonttota Ona caliiyaa waan tufateefii guyyaa kana tarkaanfi keessa deebii hin qabneen ajjeefameera.
7. Godina shawaa bahaa keessatti keessumaa lammii tigiree kan ta’anii yeroo dheeraa uummata kana keessa kan jiraachaa turan eenyu eenyu akka ta’e waan keessa beekaniif namoota nagaa fakkaachuudhaan uummata keessa deddeebi’aa sabbontota Oromoo dabarsanii kennaa akka jiran beekame.
Haaluma kanaan tigirtichi H/maariyaam jedhamu jiraataa magaala Baatuu kan ta’e magaala maqii irraa hanga shaashamanneeti itti gaafatamummaa fudhatee nama nagaa fakkachuudhaan sabbontota Oromoo dabarsee kenna akka jiru uummatni naanno itti dammaqee jira. Innis kana baree mucaa tokko qabu turban darbe keessa maqaleetti baqachiisee jira.
Kanaafuu jedhu sabbontonni Oromoo naannoo kanaa, namichi kun gocha isaa kana irraa yoo of qusachuudhaabaate akkuma lammoota isaa magaala baatuu kessatti ajjeefamanii tarkaanfii keessa deebii hin qabne kan fudhannu ta’uu keenya nu beeksisaa jedhaniiru.
8. Fincila diddaa gabrummaa bifa adda addaan akka itti fufamuuf gabaa lagachuun labsamuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan facaasaa darbe gabaan baatuu qullaa akka turte fi namni bituu fi namni gurguru badaa akka hin jirre guyya sana gabaa keessa naannahun warra hubatan irraa oduun ni qaqqabe ni ibsa. Kanaafuu namni hundinuu jiraataan aanaa kana kana baree waamichas dhagahee fincila diddaa gabrummaa gabaa hafuu kana akka jajjabeessu gurra uummataan nu gahaa jedhanii sobbontotni oromoo naannoo kanaa waamicha isaanii dabarsaniiru.
9. Wayyaanee fi lukkeewwan umurii dheereffachuuf saboota sababaa fi bakka adda addaatti walitti naquu itti fuftee jirti.
Haaluma kanaan godina shawaa bahaa magaala baatuu keessatti saboonni biraa saba Oromoo xuxxuqanii akka gooliin umamu taasisaa jiru. Dubartiin mana shayee qabdu tokko maqaan tan Kubbaayyee jedhamtu dargaggoota Oromoo magaala kanaa fi eenyummaa isaaniitti warra boonan filachuudhaan akka isaan dubbii kaasaniif “ Innzii Gaallochi Ahunis Xaggabuu”ittiin jetti. Dargaggoonni kanaan aaran torbee kana keessa walkoratanii mana isheetti galanii reebanii miha caccabsanii jiru. Haata’u malee, duruu kan barbaadamu kana waanta’eef poolisoonni yeroo ijoolleen arabsamtu afuura hin baafanne amma garuu sababa kanaan isin ABO dha sochii ABO magaala kanaa kan qindeessu isini jechuudhaan dargaggoota Oromoo magaala keessa warra sabboontota ta’an hadamsanii hidhaa jiru. Haluma kanaan, yeroof Oromoota hidhaman keessaa maqaa isaanii kan arganne
1. Addunyaa Deksiisoo
2. Duuressaa Deksiisoo ta’uun barame jira.
Dargaggoonni Oromoo waan kanatti baayyee mufatanii hidhamuu fi arihatamuun akkasumas reebamuun yoo bayyataeyyuu mirga keenya kabachiifachuuf gochi isaanii kun caalmaatti nu kakaasa jedhaniiru.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!