Bitootessa 10, 2006 (Oromiyaa) - FDG Oromoiyaa bakkoota adda addaatti babal'atee itti fufaa jira.
Haaluma kanaan naannoo Magaalaa Baatuutti uummatni Oromoo sochii bal'aa gochaa jiraachuu fi tarkaanfii lukkeewwanii fi diinota qabsoo Oromoo kanneen ta'anirratti tarkaanfii sirreessaa fudhataa turuu ibsinee turre. Dhiyeenya kana Tigirticha miseensa poolisii federaalaa kan ta'e tokko humni hin beekamne morma kutee gatuu hubatamee jira.
Gaafa 08-03-2006 ammoo barattootni M/B Baatuu gaaffii reclaim/Taappeellaan mana barumsichaa Afaan Amaaraan kan barreeffamu akka jijjiiramu gaafatnaan daarikteerri mana barumsichaa Mabiraatee jedhamu nuyi maallaqa hin qabnu yoo qabaattan jijjiiraa jedhee itti qoosuun deebiseefii!
Barattootnis qalamaa fi biruushii bitatanii jijjiiruuf isa A/Amaaraa balleessanii yoo Afaan Oromoon barreessuu eegalan barattoota irratti jeequmsa kaasuun barattootatu jeeqe jechuun mana hidhaatti guuranii dargaggootaa fi barattoota manneen barnootaa Aanaa Adaamii Tulluu-Giddoo Kombolchaa (naannoo magaa laa Baatuu fi baadiyyaa isaa) irraa kan lakkoofsaan hangana jedhaniin tilmaamuun nama dhibu hidhaatti guuranii jiru!Loltuun biyyittii naannoo baadiyyaa fi magaalaa Baatuu bal'inaan bobba'anii dargaggootaa fi barattoota Oromoo adamsanii hidhaatti guuraa jiru!
Gara biraan ammoo lukkee fi I/G OPDO Aanaa kanaa kan ta'e tokkorratti tarkaanfiin humna hin beekamneen fudhatamee reeffi isaa lama bulee argamuun hubatameera. Kan biraa tokkos madaahee Mana Yaalaa Finfinneetti fudhatamuun beekamee jira.
Sabboontonni naannoo kanaa gochaan jimlaan uummataa fi barattoota akkasumas dargaggoota Oromoo ukkaamsanii hidhaatti guuruu kun haalicha daran kan hammeessuu fi qabsoo bilisummaa keenyaa kan nu jabeessuu fi nu xiiqessu ta'uu ibsuun lukkeewwanii fi farroottan qabsoo Oromoo kanneen dura bu'anii uummaticha hiraarsaa jiran gochaa akkasii irraa yoo hin dhaabanne tarkaanfiin sirreessaa keessa deebii hin qabne akka fudhatamu akeekkachiisaniiru!!
Injifannoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Injifannoo Ummata Oromoof!
|