Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa

Bitootessa 8, 2006 (Oromiyaa) - Godina arsii dhihaa aanaa siraarootti barattoonni Oromoo manneen baruumsa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa wal gahii mootummaan waame dhiitanii bahuun jibba mootummaa irraa qaban argisiisuun beekame.

Kun kan ta`e bittoottessa 2/2006 wayta dabballeen mootummaa wayyaanee barattoota maneen barnootaa sadarkaa lammaffaa ajjee, sadarkaa tokkoffaa fi giddu galeessa sadarkaa lammaffaa abburee, sanbatee siinqellee fi sanbatee shaallaa walitti qabanii haala siyaasa yeroo kan biyyatti irratti mari`aachiisuuf yaalanitti barattoonni nuuf isin wal hin beeknu, isin mootummaa keenyaa miti diina keenya, badii tokko malee Oromoo ajeesisaa hiisisaa nu waliin dubbachuu hin dandeettan jechuun dhiitanii yaa`aniiru. Addatti immoo guyyama sana lukkeewwan diinaa Ilmaa Kadaa fi Abdii Shaafii jedhaman wayta barattoota mana barnoota sadarkaa 1ffaa fi G/G SADARKAA 2FFAA ABBUREE Haasofsiisuuf yaalii godhanitti barattoonni mana baruumsichaa arrabsuun obsi harreefuu wamaa hin goone jechuun salphisanii ofirraa deebisaniiru.

Gama biraatiin immoo barattoonni mana baruumsa sadarkaa lammaffaa kofalee 1/2/2006 mootummaa irratti mormii cimaa dhageessisaa ooluun isaanii gabaafameera.

Oduu gara birootiin immoo ummanni Oromoo gujii wondoo bitoottessa 5/2/2006 wayta ayyaana afraasaa kabajataa tiretti gaafilee hin yaadamin kaasuun mootummaa wayyaanee yaada keessa seensisuun gabaafameera. gaafileen ka`an immoo Mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu Oromoota gujii wondootiif haa kabajamu nut nannoo kibbaa jalatti osoo hin taane Oromiyaa jalatti buluu barbaana. afaan keenyaan barachuu barbaanna. kanaafuu ummanni Oromoo gujii wandoo ona gujii wondoo jedhamuun Oromiyaa jalatti haa bulu. addatti immoo mootummaan wayyaanee ofii nu miidhaa ummata sidaamaattu isin miidhaara jedhaa sidaamaan walitti nu buusuu haa dhaabuu kan nu miidhaa jiru sidaama osoo hin taane wayyaanee mataa isaati jechuun ifatti komii isaanii ibsaa oolaniiru. ayyaanichi walaloowwaan garaa garaatiin kan miidhage yoo ta`u haalichi kan naasise bulchaan ona Awaasaa Maatiyoos Daani`eel jedhamu bakkaa dheessuun dhagahameera. Ummanni kun gandoota 29 yoo ta`u ummanni naannoo hoogisoo ganda 9 ta`u waggootii 14f mirga affaan ofiitiin barachuu dhabee kibba jalatti bulaa kan ture yoo ta`u yerroo ummanni sidaamaa naannoo ta`uuf gaafii kaasaa jirutti ummanni kun gara Oromiyaa deebi`uuf gaafii kaasuun isaanii wayyaaneef qormaata gudaa dha jecguun taajabdoonni siyaasaa raga bahani jiru. Waamsi gabaa lagachuu aanaa kokkossaa, hooggisoo fi waabee keessatti haala cimaan itti fufee jira.  

*******

Magaalaa Gimbiitti Walgahii OPDO gaafa 04-03-2006 eegalee guyyaa shaniif kan turu kaabinootaa fi miseensota Zoonicha keessa jiran hunda walitti qabuun gaggeeffamaa jira. Matadureewwan walgahichaas:

1. 'Jeequmsa' Naannoo kanatti babal'ate, maal gochuu qabna?

2. Kanuma waliin walqabatee Gumaacha SBOn darbu naannoo kanaa hordofuun tohachuu,

3, 'Hojiirratti' dadhabbina agarsiisan warra jedhan gaafatamarraa buusuu kkf ta'uun beekamee jira.

Hojjetootaa fi gaafatamtota Zoonichaa kanneen kanaan dura akka ariihaman/rarraafaman saaxillee turre martuu akkuma gaabaasne sanatti hojiirraa ka'anii jiru. Baasii walgahi kaabinoonni fi kan barsiisotaa yaroo darbee durgoo isaanii fi kkf gargaarsa/fund HIV dhukkubsatootaaf manni haa ijaaramu jedhamee kan kenname irraa kanaafi gargaarsa ummataaf dhufeen wayyaanooti dhimma siyaasaa aangoo isaanii tikfachuuf itti dhimma bahaa jiru.

Yaroo darbe faranjoonni gargaarsa kana kennan hojiirra oolmaa maallaqa kanaa ilaaluuf dhufnaan kan kanaan dura ijaaramaa ture 'masaraa' Gimbii itti agarsiisuun horiin HIV dhukkubsatootaaf mana ijaaraa jettan kunooti, kan ofduraas nuuf gadhiisaa jechuun gowwomsuu yaalani jiru. 

FDG Godina lixa wallaggaa Aanota adda addaa keessatti haaluma waamicha koreen qindeessituu FDG dabarsiteen uummanni gabaa baasee gurguratuu lagataa akka jiru hubatamee jira. Aanota kanneen keessaa A/Gimbii (bakka Hoomaa fi Sootalloo jedhamu), A/Laaloo Assaabii(bakkoota Waanjoo, Kellyii fi Dongoro  jedhaman) tti uummanni buna gabaa baasee gurguratuu lagatee jira.

Haa ta'u malee guyyaa waamicha kanaa kaasee poolisoonni naannoo magaalaa fi gabaa akkasumas manneen barnootaatti eeggittii cimaa akka gochaa jiranii fi barattootni sochii kaasu jedhanii eegaa akka jiran hubatameera.Walumaa gala uummanni Oromoo naannoo kanaa haalaan hoggansa ABO hordofee qajeelfamaa fi waamicha kennamuufii yaroon akka bahaa jiru hubatameera.

******* Poolisoonni Magaalaa Finfinee jalaa hanga gubbatti qoratamaa jru.  Komaandara poolisii magaalaa Finfinee kan ta`eefii poolisoota akka malee rakkisaa kan ture akka warri hojjatoota poolisii waamanitti “Girmaa Kaasaa Ya abaalochi Abasaa” jedhamee kan waamamu ammasi aangoo kenaniifii ol hiiqsanii muuduf qophii irra akka jiran keessa beektonni kun ibsanii jiru. Oduun poolisoota fi federaala keessa ba`e kun akka ibsutti, jeequmsa yeeroo darbe Finfinee keessatti taasifame uummanni poolisii federaalaa ajeesun, madeessun niyaadatama. Amma qoranna gochaa jiran kana irratti  Fiilmii yeeroo sanaa tarkaanfii uummanni magaalaa finfinnee poolisoota irratti fudhachaa ture agarsiisun  qorachaa kan jiran yoo ta`u, isin amanamoo miti ,uummanni isin dhiisee poolisii federaalaa qofa maalif reeba, maalif ajjeesa, isin jeequmsa keessaa harkka qabdu, jechaa qorachaa akka jiran oduun achi keessa ba`e ni ibsa. Sababuma kanaan namoota amanamoo  6000 ta`n leenjii kan  galche yoo ta`u  warra shake fii amantaa irraa dhabe hunda  isaanii hari`uu hin oolu jedhamee shakkama. Haata`u malee poolisoonni heddu uummanni nu jibbe jechuun  hojii gadi dhiisuf iyyata galfaqchaa akka turan asiin dura ibsamee ture. Kun kanaan otoo jiruu  Naannoo Oromiyaa irraayyis Poolisoota irraa amantaa waan dhabeef  Warra amanu heddun isaanii Leenjisaa akka jiru  fii oromiyaa keessa gadi lakkisuuf qophii irra akka jiru dubbatama. Shawaa Bahaa Aanaa Kuyyuu keessatti Baruumsi Gutumaan guututti dhaabachuun beekkame. oduun kun akka ibsutti baratoonni jeequmsa kaasuu hin oolan shakkii jedhu irraa kan ka`e  Bulchiisumti Aanaa Kuyyuu baruusi akka dhaabbatu ajajuun beekkame. Sababbin baruumsa dhaabuu kun  Namoota shakku hunda qabee hidhuuf malee waan biraatifii miti jechuun sabbootonni Aanaa kuyyuu dubbachaa jiru. Uummannis ijoollee isaa mana baruumsaa hin dhaqne jedhee dhowwaa akka jiru dubbatama. Yeeroo kana Aanaa kanatti OPDOn akka malee sodaachaa kan jiran yoo ta`u uummannis cimina isaa hojiin akka itti agarsiisaa jiru barame.

 

**********

Guraandhala 27,1998 ALH wal-ga`iin OPDOn paartilee Mormitootaa waaman firii tokko malee bittina`uun dhaga`ame. Afaya`ii caffee Oromiyaa Muhamad Hasaniiff hojjataa seeraf haqa Oromiyaa kan ta`e ob. Dawwaanoo Kadirrin kan durfamu wal-ga`iin kun biiroo pirezedaantii Oromiyaatti kan adeemsifame yoo ta`u Partii Qindoominaa dabalatee paartoleen wamaman hundi kan argaman yoo ta`u, kayyon wal-ga`ichaa  mormitoota sossobanii miseensa taasifachuuf yoo ta`u; Mormitoonni kun deebii issaan qaanefachiisu afaan tokkon deebisaniif jedha oduun caffee Oromiyaatii ba`e.

Mormitoonni akka deebisaniifitti: Uummanni nufilate kun isinis, Nu`is hinbarbaadu   kan uummanni barbaadu ABO dha kanaaf ragaan kunoo edda filannootii as Oromiyaa keessa nagan hin jiru kan waan ta`eef rakkoo uummata irraan ga`aa jirtan kanaf ammoo isintu itti gaafatama jechuun afaan tokkon dubbatanii jiru OPDOn naasuu irraa kan ka`an waan dubbatan wallaalanii mukti afaanitti cabee oolun beekkame. Adeemsi wal-ga`ii kanaas miidiyaa(sab-hubachiis) biyyattiitin TV, raadiyoon otoo hindabarsin hafaniiru  jechuun namoonni walga`ii irratti qooda fudhatan saaxilanii jiru. Dhimma kana yoo sab-hubachiis biyyittiitti ibsan fafi isaanii daran qullaa bahee ummanni hubannoo jabeeffatee diddaan nutti jabaaata jedhanii sodaatanii akka ta`e hubatamee jira.

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net