Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Odeessa biyyaa

Bitootessa 6, 2006 (Oromiyaa) - Gaafa 05-3-2006 ayyani Arraaffaa jedhamu Oromoo Gujii naannoo wandoo jiraatanin kabajamee ooleera. Nutis barattooni yuniversitii kibbaa awwaasaa fi wandoo gannati ayyana kanarati argamnee qoda fudhanee ture. Ayyana kana irrati keessumoota hedduutu argamee ture isaanis abbaa gadaa booranaa, arsii, baalee, qaamota mootummaa Oromiyaa, kibbaa, kkf turan. Barattootin yuniversiitii kibbaas alaabaa ABO qabachuudhaan ayyaanicha irrati dhiyaataniiruu. Barattootni fi dargagooni naannoo sanaa yeroo kana argan alaabaa OPDOn itti kennite lafa kaa’anii barattoota yuniversiitii faana bu’anii jiru. waan nama gadisiisu keessaa akka maangudoonni tokko tokko nuuf himaniti ummatni Oromoo naannoo sana jiraatu baayyini issaa ganda 13 dha haata’u malee ummatni kun

  1. moottummaa kibbaa jalatti dirqiin akka bulaa jiru.
  2. waaggaa 14 keessati ijjooleen isaanii reefuu kutaa 4 gahuu isaanii.
  3. qubeen afaan Oromoo reefu bardheengaddaa egaluu isaafi lafti kun kan keessan mitii kan kibbaati jedhamanii akka isaan gaafii mirgaa hin gaafanne doorsifamuu isaanii hadheeffatanii dubbachuun isaanii baayyee nu gadisiseeraa.

Sagaantaan kunis OPDOn waltajii qabattee holola gaggeefachuu jalqabdee jennaan addan citee darggaagooni fi barattootni naanichaa sirba mataa isaani naanna’anii sirbaa oolaniiruu. Sirboota kessaa:

1. yaa Oromiyaa yaa oromiyaa qaata siif gale abbaan biyyaa.

2. iyyoole leenci bosonaa asi oole ijoollee ABOn dhufee asi oolee fi kkf. sirbaa oolanii.

Barattootni yunivarsiitii Awwaasaas konkolaataa isaaniiti alaaba ABO fannisanii sirbaa magaalaa shaashamaannee keessa naana’anii gara mooraa isaaniiti nagaan galaniiruu. Guyyuma kana wayyaaneen barattoota miseensota ishee ta’an waliti qabdee turtee. wal-ga’ii kanarratis isin mootummaa waliin oddoo jirtanii maaliif qolee buuftuu warri deegarttoota ABO iyyuu qoma dhiibanii mooraa keessa socha’uu ittiin jeetteeti. dhummarratis durgoo hin qabnuu nagaan galaa ittin jennaan barattootni kun aaranii teessuma jijigsanii ba’aniiruu. kuni kan mul’isu moottumaan kun durgoo kafaluu dadhabuu isaati kuni ammoo bu’aa ummati keenya kaaraa diddaa gabrummaa galmeesisaa jiru dha jennee ammanaa.

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net