Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Oduu karaa Radiyoo SBO ttin ummata keenyaa fi guraa diinaa ga’u qabuu

Farra Qabsoo Oromoo

Akkuma beekkamu qabsoon ummata Oromoo yeroo dha gara yerootti guddachaa dhuufuun yeroo ammaa sadarkaa haara’a irra gayeera. Ummatni keenya ifatti Wayyaanee mormuun Fincila Diddaa Gabrumma gaggeesaa jira. Kana malees qabsoo keenyaaf tumsa horachuuf ABOn dhaabbolee Wayyaaneen falman wajjin walgaltee uumuun Tumsa Bilisummaa fi Dimokraasii ijaareera.

Sadarkaan qabsoo Oromoo amma irra gaye mootummaa Wayyaanee heddu sodaachiseera; rifachiisees jira. Kannarraa kan ka’e yeroo ammaa kana qabsoo ummata Oromoo laaffisuuf mootummaan wayyaannee karoora har’a kan toftaa adda addaa off keessa qabuu baafatee hojiirra olchuuf carraaqaa akka jiru bira gayameea. Kanaafu ummani kenya adeemsa farra qabsoo kana damaqinsaan jala bu’ee saxiluudhaan meeshaa diinaa ta’u irraa akka off eeguu tasiisuun dirqama ta’a.

Toftaan wayyaaneen qabsoo Oromoo laafisuuf irratti hojjachaa jiru keessaa:

  1. Ummani Oromoo biyaa ambaa jiru biyyaa isa Oromiya keessatti lafa mana irrati ijaarratu ni kennamaaf jechuudhan ummatatti dhiyaatee karaa qabsoo irraa miliqsuu,
  2. Ummani Oromoo biyyaa ambaa jiru rakkoo tokkoo malee biyyaa Oromiyaa keessatti maallaqa isaa hojii irra oolchuu ni danda’a jechuudhaan kiyoo keessa galchaani qarshi isaa irraa funaanachuun akka bilisaan qabsoo hin deggare taasiisuu,
  3. Ummata Oromoo biyya ambaa jiru waldaa adda addaa keessatti ijaarudhan wan faayidaa keennuuf fakkeessee dhimma offi barbaade itti ba’udhan ummata qabsoo irraa fageessuu,
  4. Oromoo sabboonaa ta’e maqaa xureessuudhaan yakka adda addaa irra ka’ani hamilee isaa xuqudhaan akka qabsoo dukaa hin buune taasiisuu fi kkf. Dhaa.

Toftaa arman olitti baafatan kana hojiirraa olchuudhaaf motuuman wayyaanee Qarshii heduu fi humnaa nama heddu ramadee bobaasee jira. Biyyaa Ameerikaa kaabaa keessa naannoo ummani Oromoo baayyinaan qubatee kan akka DC, Atilaantaa, Miniisootaa, Si’atilii fi O’hayoo keessatti lukkeewwan wayyaanee Oromoo fakkatanii Oromooti dhiyaachuudhaan sagantaa wayyaanee hojachaa akka jiran bira gayameera. Oromoonni hojii wayyaanee hojjachaa jiran kun eenyuu akka ta’an beekkamaani jiru. Ammatti namooni farra qabsoo Oromoo ta’anii hojii wayyaanee hojjachaa jiran adeemsa isaani akka sirreessan ni akeekkachiifana.

Dinni sagantaa akkana baafatee yoo nurraatti hojjachaa jiru ummanii Oromoo adeemsa wayyaanee kana agam quba qabaatee to’anaa wayaanee irraa off eggaa jira kan jedhuu gafii ta’e ummani Oromoo adeemsa wayyaanee hubatee meeshaa diinaa akka hin taanee off eeggannoo cimmaa akka godhuu ibsina. Ummanii Oromoo lafa abaaa isaa maaliif diinaarraa bita? Biyyaa isaa bilisa baasee itti galuu osoo danda’u.

IUO

DC Irraa

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net