Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Dhaamsa Sabboonota Oromoo 

I. Baha Shawaa

Yeroo ammaa kana mootummaan wayyaanee karumaa hundaan digamaa waan jirtuuf qalbii namaa rakkoo biraan qabamee umuriin ishee akka dheeratuuf karaa isheefii dandahameen lukkeewwan ishee waliin yaalii adda addaa gochaa jirti. Haaluma kanaan yeroo ammaa kana kan isheen gochaa jirtu keessaa

1.            Nama amantiitiin walitti naquu. Kunis ABOn saba amantii keessan jibbuu fi balleessuuf balaaleffatu saba(saba Amaaraa) waliin hidhata uummatee amantii keessan balleessuuf jedha jechuudhaan musiliima Oromoo warra haala kana hin hubannetti olola oofaatti jira.

2.            Sabaa fi saba Walitti naquu, Ijaaramuun TBD kun guddaa isa yaadeessee waan jiruuf saboonni akka walii hin galle taasisaa jira. Akka gama keenyaan hubachaa jirruutti sabni Amaaraa fi sabaa fi sablammoonni tokko tokko ijaaramuu TBD kana kan beekanii fi kan hubatan nutti fakkaachaa hin jiru. Kanaaf wayyaaneenis saboota akkasii qabattee socho’uuf tataaffii gochaa jirti. Waa’ee kanaa ilaalchisee waan gochuu qabdan jennu

a.              Dhaabonni miseensa TBD ta’an uummata isaanii irratti waa’ee TBD bal’inaan akka hojjetaan taasisuu.

b.              Maas midiyyaan isaaniif mijawaa yoo ta’uu baate illee namoota dhaabota isaanii keessatti beekamoo fi saba isaanii biratti fudhatama qabaatan karaa SBO yeroo adda addaa dhiheessitanii akka saba isaanii kakaasanii fi akeeka TBD akka ibsan taasisuu.

c.              Karaa biyya keessaas karaa ijaarsa saanii kana irratti akka hojjetan jajjabeessuu fi kakaasuu. Miseensonni TBD hundi isaanii gahee isaanii akka bahanii fi dhimma dhaaba tokkoo godhanii akka hin ilaalle fi dirqama galan akka raawwachuu qaban wal jajjabeessuu.

 

II. Baha Wallaggaa irraa nu qaqqabe

 

1.            Loltoota  “Adimaa Bettany” jedhamanii Wallagga bahaa keessatti argaman keessaa Uummata koo irratti hin hojjedhu jedhee loltuun Abbubakar Urgeessaa jedhamu hidhannoo isaa gurgurachuun loltuu keessaa ganee baduun isaa beekamee jira.

2.            Loltuu Dhidheessa keessaa kan tureef uummata Arjoo gidirsiisaa kan ture  loltuu ajajaa shantamaa Gabree Izgii kan jedhamu irratti tarkaanfiin keessa deebii hin qabne fudhatamee jira.

3.            Poolisoota godina wallagaa keessaa warra FDG dura dhaabbachaa turanii fi sabbontota Oromoo warraa reebaa fi hidhaa turan keessaa poolisoota soddomaa fi badhaasni dhoksaadhaan kan kenname ta’uu isaa oduun naannoo sanaa nu qaqqabe ni addeessa. Haaluma kanaan faraa FDG kan qindeessaa fi hogganaa turanii fi badhaasa kan argatan keessaa maqaan nama afurii akka armaan gadiitti ni ibsama

a.              Shaalaqaa Iyyaasuu Angaasuu

b.              Shaambal Mohaammad abbubakar

c.              Shaambal Gannanawu Xibabee

d.              Shaambal Ibiraahim Tussii keessatti argamu.

4.           

Erga B.J Kamaal Galchuu Wayyaanee lagatee WBOti makamee poolisoonni Oromoo ta’an magaala Naqamtee hidhannoo waan hikkachiisamaniif hattoonnii fi saamtonni tarii wayyaaneen bobbaafaman jedhamanii uummataan shakaman uummata rakkisaa akka jiran oduun naannoo sanaa nu qaqqabe ni addeessa.

********

Dhaamsa Hidhamtoota Oromoo Mana Hidha Qaallitti!

Dursa Nagaa dhaaman. Itti Aansuun Ergaa Keenyi Kan Armaan Gadiiti!

 saboontota Oromoo Qaallittii keessaa murtii du`aa qaban. 

        a. Ahimad Ismaeél Mudda

       b. Jamal Musxafa

       c. Fisaha Biraasaa

       d. Aslii Mohaamed

        e. Bayyan Ahimad (Araarsoo A/Humnaa )

        f. Amaan kaliil ( Moosisaa Daadhii) 

  1. Saboontota Oromoo Mana hidhaa Finfinnee keessatti lubbuun darban( wareegaman) 
    1. Mak onnin Zawude bara 2000 keessa
    2. Zalaalem Baayisaa  bara 2001
    3. Nugusuu Boojaraa  bara 2002
    4. Alamaayyoo Ittafaa  2005
    5. Morkataa Iddoosaa  2005
    6. Alamaayyoo garbaa  2005
    7. Mohaamed Xayib  2006
    8. Gaadisaa Hirphaasaa   2006
    9.  Haaji Mohaamed Muusaa   2006 

4 Sabbontota Oromoo murtii umrii guutuu qaban

 a.  Shek Usman Abdalla Ali,  b. Ibraahim Mohaamed Ibraahim,  c. Hamza Mohaamed Ahemed

 d. Muktaar Umar Yusuuf,  e. Yahiya Maame,  f.  Mahamed Saani,  g.  Bultii Dilbo

 h   Feyzal Abdurahiman,  I   Abdulaziz tasammaa,  j.  Tolosaa Dhinaa,  k   Abdala Ahimad Ali

 l.  Mohamed Bultum, m   Ahimednur Yusuf, n. Brehanu Abara, o. Asafa Quse

5        Namoota waggaa ja haa ol murtii malee hidhaa turan keessaa namoota murtaa`an bilisa jettee gadi lakkiftee jirti. Kan warra kaanii calluma jette. Mee irratti hojjedhaa kan jedhuudha dhaamsi kun.

6        Waa`ee walga`ii barattootaa yeroo amma ilaalchisee wantoota wayyaneen ittiin sossobdee misensa godhachuuf yaalaa jirtu keessaa:-

      a.  Durgoo guyyuun 20 kennuufii

b. Carraa barnootaa biyya keessaa fi biyya alaa kennuufi

      c. Barattoota ciccimoo ofitti dhiheessuun qarshii kennuufi

       d. Wantoota adda addaa mana barumsaatti hojjechuun ofitti hawachuu

e.  Barttoota kollejjii galan kootaan ramaduu fi Oromiyaa alatti erguuf

            f.  Warra qabxii xixiqqaa fidee hojii xixxiqqaatti ramaduun jaallatama argachuu

g. Barattoota barumsa itti fufuu hin dandeenye horii liqaa kennuufiin, waldaan ijaaruunlafa kennuufi ofitti hawachuu

h. Warra miseensummaa didu rakkisuu, hidhuu ajjeesuu, biyyaa baasuu, bultii fi jireenya dhorkachuu kan jedhu ofkeessaa qaba.

Durbee Feruuzaa Abdii eddii Addoolessa 25/98 akka lak. Abashaatti hanga har`aa bultii 25 harka hidhamtee dukkana keessa waan jirtuuf midhaan nyaata lagattee jirti. Yeroo kanatti manni murtii hinjiru, lafi itti iyyatan hinjiru. Gidiraa ilma dhiiraarra hin geenye irraan gahaa jiru. Yeroo dhiwoo asitti Asli Mohamed akkana gochuun isaanii ni yaadatama.

  ********

Ibsa Ejjennoo Maandhee Riqicha Bilisummaa 

Ibsa mandhee Riqicha Bilisummaa Walgayii/mariiw ayyaaneen barattootaaf adooleessa 2006 qopheessite ilaalchisee Akkuma beekamu ergamtuun diinaa  OPDO’n mataa wayyaanee Mallas irraa fuute bakkaan ga’uuf adoolessa 24, hagayya 5/2006 barattoota hiraarsaa, afaan faajjeessa fi oduu sobaatiin gurra duuchaa turaniiru. kaayyoon isaaniis barattoota dirqisiisanii miseensaafi deeggaraa isaanii taasisuuf ture. Akkuma yaaddatanii ka’anitti baratoota heddu dirqiidhaan kanneen hafan immoo gara kutannoo dhaan diddaa isaanii fiixaan  baafataniiru. kanneen dirqisiifamanii miseensa ta’anis maqaaf malee dhuguma isaan deeggaruuf

miti. ergamtoonni gaafii ciccimoo gafataman garii isaa sobaan haguuganii deebisuuf yaalan illee garii isaa ammo human kenyaa ol waan ta’eef  qaama ol aanu gaafanna. akkasumas gaafilee hafan callisanii bira darban. Kuni hunda keenyaafuu waanti ifa ta’uu qabu, ergamtuun ergaa itti kenname geessitee yommuu inni dhume kan biraa deebitee fuudhuu malee waanta tokko kalaqxee{uumtee}hin dandeessu. kanarra kan hubannu OPDO’n  gingilchaa, ujummoo, raadiyoo, sagalee guddiftuurimoot kontiroolii wayyaneetiin sochootuu dha. Waaqayyoon gara nagaatti isaan haadeebisu jenna.

  1. Tumsa bilissummaa fi dimokiraasii{TBD}, ABO’n durfamu uummata Oromootiif abdiidha. Akkuma armaan olitti ibsamuuf yaalametti hundeeffamuu TBD  baay’ee nu gammachiise. TBD hundeeffamuun umrii TPLF nigababsa, yaaddoo keessa isaan galcha, mataa isaanii adoocha, muka mixii isaan qabachiisa abdii isaan kutachiisa. Haata’u malee  adeemsi kun adeemsa tooftaa fi haxxummaan guutame ta’uu qaba.
  2. Tarkaanfii Birgaader Generaal Kamaal Galchuu fi Konoleel Abbabaa Garasuu fudhatan haalaan ka deeggaramuudha. Gootonnii armaan olitti maqaan isaani caqafaman ijjannoo akkanaa fudhachuun isaanii ummata Oromoo kanneen haqaan qabsaa’aniif  injifannoo bonsaa fi gammachiisaa yoo ta’u diinaaf ammo qaanii {salphina}kun kan hagarsiisu sirn wayyanee ammam akka jibbamaa fi jibbisiisa ta’uu nuttii mullisa.
  3. Humnoonni waraanaa wayyaanee keessatti aangoo qabaniif tarkaanfii wal fakkaataa akka fudhatan dhaamsa lammummaa isaaniif dabarsina.egaan  B/G/K/G  fi K/A/G seenaa gootota duraanii qabsoo irra turan haromsa jechuudha. Keessumattuu gochaa hammeenyaa   Minaasee fi Meejar Generaal Baacaa Dabalee irratti ibsa B/G/K/G kennan hunda caalaa kan nu gammachiisee fi wayee namoota kanaa caalatti akka hubannu nu taasisee jira.

Nutis namoota gara qabsoo bilisummaa Oromootti deebihanii kana galanni isaanii bilisummaa haa ta´u jenna.

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net