Site Name

subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Barattoonni Oromoo Xalayaa Ragaa Dhoorkaman

Barattooti Oromoo yuniversity maqaleetti barachaa turan ragaa isaanii akka dhorkamaniin harka duwwaa gara biyya isaanitti galaa jiran dhagahame.

Barattooti Oromoo yuniversity maqalee biyya otoo qabanii hireen barnootaan biyya halagaa isaan geesse. Bakka itti ramadamanitti barnoota isaanii jabinaan hordofuun qabxii gahaa ta´e galmeessaa turan. Haata´uti wayyaanonni shira adda addaa irratti xaxuun akka hamlee caban, barnoota irraa dhiisanii deeman doorsisan, reeban, hidhan, boombiis itti darbatan illee, gootonn barattooti Oromoo yuniversity maqalee rakkoo hunda dandahanii irra aanuun barnoota isaanii xumrataniyyu wayyaanonni biraa hafuu hin dandeenye. Namni baradhe ofiin jedhu Dr. Mitikku jedhamu mana barnoota sana keessaa hojjetu dhimmi keessan waan seeraan ilaalamu dha, isin ragaa maalii asii qabdu, nurraa galaa jedhee barattoota ragaa barnootaa umurii isaanii guutu itti dhama´an dhorkatee biyyatti isaan deebisa akka jiru maddeen gabaasan.

Silaa ragaan barnootaa fi dhimmi seeraa ykn siyaasaa waan wal qabatu miti. Manni bakka itti barnoota baratanii warri gahumaan xumuratan mirga ragaa isaanii argachuu qaban dha. Manni barnootaa bakka yaada ofii bilisaan itti ibsataniis ture. Manni barnootaa bakka hamlee barattootaa jabeessanii akka biyya bulchanii fi qajeelchan irratti hojjetamu ture. Maal godhu, bara wayyaanee kun galagaltoo ta´ee Oromoo biyya isaafi fi mirga isaaf falmatu hamlee cabsuuf jecha qofaa, mana barnootaa arihuu, ragaa barnootaa dhorkachuu fi hojii dhabsiisuu karaa ilmaan Oromoo itti doorsisanii fi of jalatti galchan yaadanii hojjechuun abjootu. Shirri isaan hojjetan guyyaa tokko isaan xaxaa akka isaan kuffisu hubachuu dhabuun isaanii wallaalummaa isaaniti.

Guyyaa hardhaa hagayya 1, 2006 barattooti Oromoo yuniversity maqalee ragaa isaanii dhorkataman, akkuma ragaa isaanii dhorkamaniin, waan baroota dheeraa itti dhama´an wayyaanotaan mulqamani, harka qullaa akka gara biyya isaanitti socho´uu eegalan himame. Dhimma kana irratti qaamni hawaasa Oromoo fi kan addunyaa mirga dhala namaaf dhaabbadhe jedhu marti, rakkoo Oromoon keessa jiru hubatee, dhiibbaan saba tokko irratti, akkas dabaan hojjetamu akka dura dhaabbatu bakka jirutti wal ijaaruuni fi sochoosuun furmaata siyaasaa isa dhumaa biyyittii fi gaanfa Afrikaa hiikuun gidiraa keenyaaf xumura itti goodhuu fi goonu waamicha keenya dhaammanna.

Barattoota Oromoo irraa!

Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net