Gaafa 03-06-2006 galgala barattootni Oromoo Yunveristii Maqalee doormii doormiitti ittifamanii doorsosa kana hin jedhamne jala buluun isaanii dhagahame.
Kanaan dura barataa Oromoo Tarrafee Simee Maqaleetti ajjeesanii gatuun,dhiyeenya kana ammoo sababa maqaa saba Oromoo xureessuu yaaluu barsiisaa isaaniin barattootni Oromoo mormannaan Barataa Isheetuu Nugusee irratti boombii dhoosanii isaa madaahee jiru isumatu akkas godhe jechuun madoon otoo hin yaalamne hidhaatti dararaa turanii falmii meeqaan booda mirga wabii maallaqa callaa Qr2000.00(kuma lamaan) gadhiisani.
Amma ammoo gaafa –06-2006 Wayyaanonni ilmaan Tigiree barataa dhalootaan Tigiree tokko barumsa itti milkaahuu dhabee (‘under’ ta’ee) Adaamaatti of ajjeesnaan barataa Oromootu ajjeese jechuun poolisii federaalaa fi waraanni akkasumas qe’ee isaaniitti uummatni Tigiree illee otoo hin hafne mooraa Yunveristiitti seensisuun barattoota Oromoo hedduu miidhuun isaanii duraan gabaafamee jira. Kanneen qaamaan miidhaan irra gahe keessaa maqaan kan argame gara nama kudhanii gahee jira;barattootni waan walitti hin deemneef malee sanii ol ta’uun ifaadha.
Gaafa 03-06-2006 galgala barattootni Oromoo Yunveristii Maqalee doormii doormiitti ittifamanii doorsosa kana hin jedhamne jala buluun isaanii dhagahame. Sababni amma jiru kun sochii barattoota Oromoo isaan yaaddesse kana dhaamsuuf barattoota Oromoo warra isaanii irraa fageeffamanii birmannaa hin qabne kana doorsisuun warrii fi Oromoon Oromiyaa jiru yaaddahee akka sochii dhaabuu fi barattootni achi jiran ammoo akka rifatan gochuuf ta’uun hubatameera.
Haala kanaan galgala darbe kana barattootni ilmaan Tigiree qofti walgahii godhachuun battalumatti isaan hin dhiisnu murtii doormiin sakatta’amuu qaba jedhu dabarsuum waraanaa fi poolisa waammachuun ‘doormii barattoota Oromoo ni sakattaana Meeshaa dhuka’utu mooraa galeera’ jechuun halkan akkasitti doormiirra naannahuun doorsisaa bulaniiru. Barattootni keenyi doormii irraa bahuun haala hin dandeenye keessa jiru,ammamoo amma dhufu jechuun barattootni hirriba malee (garii dabareen rafaa ) akka bulanii fi haalli jiru akka malee yaaddessaa ta’uu isaa hubatameera.
Kanaaf barattootni Oromoo “ lubbuun keenyi balaa jala jirti daqiiqaa itti baatu hin beeknu kanneen dhimmi Oromoo nu galcha jettan hundi akka nuuf birmattan “ jechuun qaama adda addaatti dhaamsa isaanii dhaammataa jiru. “Oromoo qe’ee isaaniitti nu geessanii akka saree balbala isaaniitti nu ciniinaa jiru maaf nurraa haftu” jechuun aarii fi yaaddoo isaanii himatu barattootni Oromoo!
Haala akkas yaaddessaa fi balfamaa kan aadaa uummataa hin taane ‘Saree malee ilmoon namaa qe’ee isaatti namatti hin roorrisu” kana uummatni Oromoo akkasumas uummatni biyyittii dhiitamuun mirga dhala namaa kan isaan yaaddessu cufti akka birmatanii fi sagalee isaanii kana addunyaatti akka dhageessisaniifii dhaammanna.
Injifannoo Uummata Oromoof!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
|