Hagayya 18, 2006 (Oromiyaa) - Barsiisaa Abraham Barkeessaa Sabboonaa Oromoo godina dhiya Oromiyaa, Zoonii Wallagga lixaa keessatti otoo hojii barsisummaa irratti bobbahee lammii isaa tajaajilaa jiru, Wayyaaneen sababa tokko malee qabuun mana hidhaa federaalaatti dabarsuun ji´oottan darban 9 mana hidhaa ishee keessatti gidiraa argaa turee wareegamuu maddeen hubachiisan.
Reebicha fi gidiraa cimaa humna Tikaa fi qoranno wayyaaneen erga irra gahaa tureen booda, yeroo isaan harkatti laafu hagayya 16, 2006 Naqmte geessuun gatan. Barsiisaa Abraham gargaarsa hiriyyootaa fi sabboontota Oromoo erga gara Gimbiitti geeffamee booda kaleessa hagayya 17, 2006 wareega bilisummaa kan lubbuu gaafattu, dhugaa Oromoof jecha dabreera.
Sirna awwaalcha isaa irratti jiraattoonni fi dargaggoonni magaalaa Gimbee kumaan lakkaahaman bahuun akka irratti argaman maddi keenyi ibsanii, sirna awwaalcha isaa irratti dhaadannooleen akka:
- Kan dhiye ni bariha
- Namni awwaalamuus dhugaan awwaalamee hin hafu
- Oromoon haqa isaa argata, akka kanatti hin hafu fi kkf barreeffatanii bahuun dhagahameera.
Seenaan sabboonaa fi gaaffii Oromoo qabatanii bahanii irratti wareega qaqqaalii baasan, tarree gootota Oromootti galmaahu! Seenaan isaanii bara baraan ni yaadatama! Jechuun firoottan Maatii fi hiriyyoota fi walii gala ummanni Oromoo jabaatanii gumaa walii baasuuf qabsoo jalqabame itti fufan sabboontoti Oromoo dhaammatu.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
|