Hagayya 25, 2006 (Oromiyaa) - Walitti Bu´iinsa Barattootaa Yuniveristy Haramaayaatti dhalate yuniversity jimmatti illee babaldhate.
Yuniversitii Haaromayaa kesaati walitti buinsi dhalatuun hubatame. Barattoota irratti miidhaan guddaa akka gahe himama. Bulchiinsi federaalaa dalaa galeraa jedhamaa. Akkuma beekamu humni federaalaa barattoota tigree irraa aanee barattoota Oromoo akka hin miine yaaddoo qaban sabboontonni Oromoo yaaddoo isaanii ibsu.
Kaleessa, 24/09/2006 Guyya keessa sa'aa 4 hanga 9 University Haraamaya keessatti Ijooleen Oromo, Tigree fi Amaara wali tumaa olnii jiru. Ijooleen oromoo fi Amaraa ido tokko tokkoti walgargaraniiru jedham. Sababa kanaan ijoolleen 50 oli ta'an midhaman mana yaala galaniiru. Wara tigreetu irra midhame. Baratootin waliti bu'an kun baratoota warra pripaaratorii dha reef gara uuniversitichati galandha.
Kuni oso kanaan jiru Halkan hagayya 24, 2006 sa'aa 3:30 kasee eegalee Yuniversity Jimmaatis hali walfakaatan ture. Garu humni polisi dhamsuuf yaaleera yero murasa booda kan jedhamutu jira. Ganama kanamoo baratoon tokko tokko dalla dhiisanii baha jiru jedhama jira. Namni midhameef hangamtu akka midhame hanga isaa jala buunee isiniif dhaamna.
*******
Dubartiin Feruzaa Abdii jedhamtuu tokkoo kana duraa yeroo dheraaf hidhamtee kan turtee ta’uu ishee fi ammaa immoo eddaa torbaan lamaatii asii immoo mana dukkanaa kessaa jirachuu ishee kara nama biraa dhamnee ture jedhaniruu. Ammayuu dubartiin kun kan achumaa mana dukkanaa kana kessa jirtuu ta’uu isaa fi nammonni mirgaa namummaa kan akka fannoo dimaa faan akkaa deemanii gafataan haalii akkaa mija’uuf firoottanii fi sabboontonni Oromoo dhimmi ilaalu marti akka irratti hojjetani sabboontonni Oromoo iyyatu.
********
Ibsa ejjennoo Dargaggoota Oromoo Matakkaliif naannoo ishee
Dargaggoonni Oromoo naannoo matakkal walga'ii godhatanii baabooda ibsa ejjennoo armaan gadii baafataniru.
DHUGAAN QALLATTUYYU HIN CITTU
Yeroo ammaa kana mootummaan abbaa irree wayyaanee dhugaa fi namoota dhugaaf dhaabbattan dhabamsiisuuf oliifi gad jedhaa jirti. Haaluma kanaan ergamtoonni wayyaane wal ga’ii paawwiiti nu teesisanii turan.
Yerooma kanas gaaffiilee armaan gadii kana nuti barattoonni Oromoo yunbarsiiti addaa addaa gaaffi ummata keenyaa yeroo kana Oromiyaa bakka garaa garaa keessatti gaafatama jiru gaafachuu dhaan guyyaa lamaaf afuura baafachuu isaan dhorkinee turre. Gaaffiileen
keenyas. Oromiyaa keessatti maaliif ilmaan Oromoo haal duree tokko malee hidhamu, ajjeefamu, ukkaamfamu, biyyaa arihamu…?
Nuti ilmaan Oromoo naanno kana jirru, jechuunis matakkal fi naannoo isaa kan jirru maaliif afaan keenya afaan Oromootin hin barannu fi kkf ture. Ergamtoonni kanneen kun gaaffii keenyatti rifachuun yerooma sana waraan ishiitin nu marsitee isin
- Biyya asi hin qabdan
- Afaan keessan asitti barachuu hin dandeessan
- Deegertooa ABO ti nuun jechuudhan nu doorsisaa turaniru. Ammas haala nuti keessa jirru baay’ee sukkaneessa dha Haatahu malee, nuti Barattootni Oromoo yunbarsiiti addaa addaa erga walga’i ishiiraa baanee booda wal mar’achuun ibsa ejjennoo armaan gadii kana irratti
waliigalleera.
- Eessayyu yoo jiraanne Oromummaa keenyaan ni boonna
- Bilisummaa fi Walabummaa keenya kan mirkaneessu ABO qophaa dha.
- Qabsoo ABOtin gaggeefamaa jiru ni tumsina wareegama barbaachisu mara ni kafalla
- TBD dhiheenya kana ABO taasise ni deggerra
- Hidhamtoonni Oromoo manneen HIDHAA wayyaanee keessa jiran haa hikaman!
- Tarkaanfii B-J. Kamala Galchuu dhiheenya kana murna isaa waliin fudhate kan nama boonsu dha. Ilmaan Oromoo kanneenis qabsoo uummata isaaniiti haa makaman jenna.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Baratoota Oromoo Matakkaliifi naannoo isaa!
******
IBSA EJJENNOO maadhee biiftuu bilisummaa fi maadhee shanan galaan
Nuti bakkaa bu'oonii miseensonni maadhee biifttuu biliisumaa fi maadheen shanan gallan jalatti god/shawa dhihaa aanaa gindabarati fi aanaa jaalduti argamnu walitti dhufuun ibsa abbaa qabxii 6 kanaa, gummaachaa qarshii fi meshaa gumaachinee jira.
IBSA
- Taarkaanfii BG kaamaal Gaaltuu fi faakatooniissaa fudhataan dinqisifachaa ilmaan Oromoo kaneenhafanis taarkaafi boonssaa ta'ee kana akka fudhataanniabdanaa!
- Wamichaafii qajelfamaa ABO irraa nuf laatamu yeroo yeroon hoojjitii jijiruun dirqamaa kenyaa waan ta'eefi nutiis kaanaf qophii ta'uu keenyaa ni beeksifnaa!
- Dhaabni keenyi ABO waaligaaltee dhaabootaa mormitootaa Itiyoophiyaa waliin kaan goodhee kaan ta'uu qabu fi siyaassa jabanaa waliin kaan demu waan ta'eef gaamachun fudhaachu keenyaa ni beeksifnaa!
- FDG baaratooni Oromoo fi ummani Oromoo itti jiraan tumsaa barbachisa ta'e ni goona cinaas ni dhabanaa!
- Dhaabni dhugummaan ilmaan Oromoof dhabbate ABO akka ta'e ummata keenya gara kuteenyaan ni hubaachifna!
- Oromoo fi Oromiyaan halagaan bultu kana booda dhabamsiisuuf ejjennoo jabaadhaan niqabsofna!
************
Wa’een Jen.Kamaal immoo ummataa kenyaa bay’ee kan gammachisee dha. Jaratiin immoo wa’ee kanaan wal qabatee bay’ee rafamanii kessatuu warraa angoo irraa jiraan Oromoota hedduu asiif achii hunkuraa jiru waan ta’eef kun immoo hagaam akkaa rafaaman kan agarsisuu dha jechaa warren kanifillee dhamsii kun ykn wamichii kun godhamufii qaban jedha. Waan bay’ee nama jajabesu dha.
Gaddaan Gadaa Bilisummati !!
Injifannoon Uummata Oromoof !!