Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Hagayya 11, 2006 (Oromiyaa) - Haradha Jimaata ganama sa`aatii ja`a(6) kaasee magaalan Finfinnee Waraana Wayyaneetin guutamtee oolte.

Sababiin isaa  yeeroo darbe Nannoo kiiloo 4 jedhamuu masgiini  diigamuun walqabatee yoo ta`u, sababuma kanaan  uummanni isalaamaa sagadaaf  kiiloo 4 bakka masgiida diigan sanatti yeroo argaman dha. Gara masgiida Anniwaar yammu dhufan dhagaa darbatanii, yoo jequu jalqaban , bokkan roobee jeequmsa addan kute.

Wayyanonni helmeetii kaawwatan konkolaataa fii lafoo kan guutan yoo ta`u dhukaasn daddabalanii  yeeroo3 dhukaasun uummata sagadaaf Masgiida Anniwaar deeme bittineessani jiru.

Dhukaasa nis ta`ee reebicha Poolisootatiin hubaatiin qaqabe hanga ammaatti hin beekkamne. Akka warri masgiida jiran dubbatanitti yoo ta`e ammoo , namoonni hubamuu hin oolan jedhu.

Tajaajilli Geejibaa kiiloo 4 haga Markaatotti kan addaan cite yoo ta`u . Piyaassaa hanga Aniwaar masgiiditti hanga sa`aatii10:00 ti cufaa jira. Jeequmsa hardhaa bokkaa otoo addaan kutuu baate, qabeenya fii  lubbuun namoota hedduu hin gaaga`ama ture.

*********

Ibsa Ejjennoo Maadhee “Tamsaasaa Hookkoolee” “Tuuta Goototaa” fi “Buna Mudugaa” akka kanaa gadii ta’a.

Nuti miseensonni Maadhee “Tamsaasaa Hokkoolee”, “Tuuta Goototaa” fi “Buna Mudugaa” ibsa ejjennoo armaan gadii baafanne.

  1. Nuti miseensoti maadhee armaan olii jalatti ijaaramne kallacha qabsoo Oromoo kan ta’e ABO jala hiriirree waan qabsoon bilisummaa Oromoo nurraa barbaadu hunda bahachuuf kan yaroo kamii caalaatti qoophii ta’uu keenya hubachiifna.
  2. Ummanni Oromoo hunduu akka ABO jala hiriirun tokkummaa Oromoo tiksuun QBO bakkaan gahu maqaa Gootota qabsaa’ota Oromootiin gaafanna.
  3. Humna, dandeetti fi qabeenyaa qabnullee QBO irraa kan hin waakkanne ta’uu keenya waadaa seenna.
  4. Qabsoon ABOn hogganamaa jiru kun boqonnaa haaraa banee waan jiruuf bilisummaa Ummannin Oromoo waggaa dheeraa hawwaa fi dheebotaa ture kana yaroo gabaabaa keessa akka galma gahu shakkii tokko hin qabnu.
  5. TBD ABOn durfamuun ijaarame kana sagalee guutuun itti gammanneerra; bakkaanis ni geenya.
  6. ABO jabaadhaa; WBO jabaadhaa.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Gadaan gadaa bilisummaa ti

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net