Hagayya 23, 2006 (Oromiyaa) - Wayyaaneen Hojjettoota Baankii Itiyoophiyaa ta'an mana kondiiniyeemii kennuufiif ariifachiisaan akka foormii guutan ajaja dabarse.
Kana dura Mana jaarriin Baankii Itiyoophiyaa kan ta'eef gaaffiin kun dhiyaateefii Manneetii ijaramanii jiran dura mahaandisiin Baankii Itiyoophiyaa ta'een ilaalchisee manni ijaaramee jiru mana hundee hin
qabne waan tahe eerga hubataniin booda akka hin taane hojjettootatti himanii hafuun isaa ni beekama.. Amma garuu Mana jaarrii Baankii kana ta'ee kan jiru OPDO waan ta'eef dirqamaan foormii kana hojjettoonni akka guutaa jiran ta'ee jira . maallaqni kanaaf ba'u hojjettoonni miindaa isaaniirra hanga waggaa 15 Baankiif akka kaffalan ta'eetu isaan maallaqa kana fudhatanii baduuf qophii gochaa jiranidha, waan ta'eef hojjettoonni Baankii kana kan ta'an foormii kana guutanii baasii bara baraa kana irraa akka of qusatan .
Kana duras Manajaarriin Baankii kanaa sababa kanaan hidhataa hin beekamneen du'uunsaa ni beekama
kanaaf irraa akka of qusatan ni gaafnna jedhan hojjattoonni.
********
Ona aqaaqiitti itti gaafatama Beeksisaafii sab'qunnamtii kan ta'e namni Tumsee jedhamu dargaggoo
Ona kanaafii barattoota mana barumsa Dukem miseensa OPDO taatan malee jirachuu hin dandeessan
jedhe dargaggootaaf barattoota Ona kanaa rakkisaa jiraacchuun barameera. namni kun obboleessa isaa
waliin dhalatanillee miseensa taatu malee jedhee morma hudhee qabatee namoonni naannaa jiran irraa
baasaniiru. obboleessi isaas sodaa tokko malee ati saree yoo taate ani sare ta'uu hin danda'u jedhee
ummata dhaabbatanii jiran gidduutti itti himeera.
Barattoonni mana barumsa dukem gaaffiilleen ergamtoota wayyaanee dura dhaabbannaan kun gaaffii
ABOti isa sammuunsaa totoreeti yoo jedhan gootonni barattoota oromoo ifaan ifatti osoo hin sodaatiin
isin immoo warra garaan tortoredha jedhanii achumatti deebisaniif, kanaan kan aare ergamtuun wayyaane kun barattoota kana bakka argetti sababa uumee reebaa jira.
Dargagoonni oromoo naannaa kana jiraatan lolaan Aadaa oromoo kan ta'e Odaa Nabee hidda isaa
baasaa waan jiruuf dhagafii biyyoo itti guurree lolaan akka hin goksine goona jennaan dhoorkamuun isaanii beekkame.
Hidhattoota Ona kanaa ta'anii kan amantaa irraa hin qabne meesha hiiksisuuf xaaraa
jiraachuunis beekamee jira.
*****************
Gidiraan hidhamtoota Oromoo irratti gahaa jiru itti fufee jira.
Gidiraan Mana hidhaa wayyaanee keessatti ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru jabaatee itti fufee jira. Haala kanaan sabboontuun Oromoo Feruuzaa Amdee jedhamtu dukkana keessatti erga hidhanii midhaan osoo hin nyaattiin ha'ra guyyaa afur(4) harkaaf milla ishee walitti hidhanii jiruu bayyee rakkina guddaa irra akka jirtu maddeen odeessa mana adabaa wayyaanneettii keessaa ni ibsu.
Wayyaanooti gochaa gara jabinaa ummata irraan gahaa jiran irraan kan ka´e kana dura Ahimad xayib, Alamayyoo Garbaa, Gaaddisaa Hirphasaa, Morkataa Iddoosaa miidhaa wayyaanonni irraan gahaniin ajjeefamuun isaanii waan yeroo gabaabaa asiiti.
******
Barattoonni mana barumsa Buraayyuu tekinikaafii
ogummaa haala yeroo ilaalchisee walitti dhufanii marii bal'aa erga godhataniin booda ibsa ejjennoo
qabxii 5 /shan /of keessaa qabu baafatanii jiru .
1, moottummaan wayyaanee galma Aadaafii Turizimii Aadaa ummata oromoo keessatti mul'atu
ijaaruuf jira jedhee naannaa Laga Haariitti hundee ganneerra jedhee biyya goyyomsaa ture, hanga
har'aatti waan tokkollee waan hin jalqabamneef goyyomsaan isaa kun ifaa ifatti tuffii saba oromoof qabu waan agarsiisuuf nimormina, duraas dhaabbannee mirga keenyaaf ni falmanna.
2. Gootonni ilmaan oromoo kan moottummaa wayyaanee tajaajilaa turan goottummaa ummata oromoo mirkaneessuudhaan gara qabsoo kalacha ummata oromoo ABOtti makamuun isaaniitti ni gammanna ni boonna, baga nagaanis galtan jenna.
3. Hidhamtoonni mana hidhaatti seeraan ala dararamaa jiran hatattamaan akka gad lakkifaman
ni gaafanna hayyoota oromoo, barattoota,qonnaan bultoota fii daldaltoota hidhuun ,ajjeesuun,dararuun ,haa dhaabbatu.
4. Oromoon yeroo ammaa Aadaa isaa akka hin agarsiifanne , hin beeksiffanne godhamee jira, kanaaf
dhaabbileen mormitootaa karaa nagaa oromoof falmina jedhanii moottummaa wayyaanee waliin walii galle jedhanii jiran yoo ummanni oromoo Aadaa isaa akka hin agarsiiffanne dhoorkaman maalif hin gaafatan.
5. Hanga mirgi hiree ufiin murteeffannoo oromoo mirkanaa'utti hanga wareegamaatti moottummaa
kana dura dhaabbannee falmachuuf wa'ada keenya ni haareffanna.
6. Birgeedaar Janaraal Kamaal Galchuufii gartoonni isaanii ejjennoon isaan fudhatan seenaa
barabaraan ummata oromoo birattii dagatamu waan hin taaneef guddaa isaan kabjna ni dinqisiiffanna
jabaadhaa jenna warri kaanis kallattii isaanii akka hordofan ni dhaamnaaf.
*********
Ibsa ejjenoo maadhee Deebistuu Gadaa fi Gumaa Baas Taaddasaa Birruu Zoonii jimmaa Ona Xiroo Afataa
1. Qabsoo bilisuummaa Oromoo hayyudurummaa A B O tiin gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachuudhaan dirqa Lammummaa keenyaa ni bahanna.
2. Tuumsa Bilisummaa fi Dimokrsii ABOn Paartoota garaagaraa waliin uumame haal duree tokko malee ni deeggarra.
3. Tarkaanfii General Kamaal Galchuu fi Loltootni isaa fudhate baga nagaan gara qabsoo saba keessaniitti dabalamtan jedhaa gammachuu keenya guddaa qabnu ibsanna.
4. Ummata keenya of cinaa hiriirsuudhaan fincila diddaa gabrummaatiif qabsoo bilisummaaf godhamu irratti ni hirmaanna.
5. Dhiibbaa OPDOn Saba Oromoorraan gahaa jiru ni mormina. Maqaa Onaa dhahamee haa darbuuf.
Gara biraan Maadheleen Zoonii Jimmaa Ona Saqqaa Coqorsaa ibsa ijjennoo baafataniiru. Ibsi ejjennoo jaraas kan harmaan oliitiin tokko waanta’eef haaluma kanaan qilleensarra haa’oolu. Maqaan maadhelee kanaas 1.Maadhee “Gumaabaas Jaagamaa Badhaanee Lakk.3 2.”Hamtuu Diinaa” 3.”Abdiisaa Sabaa” fi 4.”Leenca Michoossoo” ti. Egaa bifuma ibsa ijjennoo armaan oliinii fi maqaan Ona jaraa kanaan qilleensarra haa oolu.
Haaluma walqabateen godina jimmaa Ona Saqqaa Coqorsaatti Lukkee wayyaanee kan ta’e barataa Yaasin A/Garoo jiraataa magaalaa Saqqaa Coqorsaa kan ta’e kanarratti tarkaanfiin cimaan sab-boontota barattoota Oromoo Ona kanaatiin gaafa 13/12/98 A L Htti irratti fudhatameera. Tarkaanfiin irratti fudhatames Habilee ykn “Billaa”dhaan akka hamaa halkan gaafa kanaa waranamee yaroo ammaa kana Hospitaala Jimmaa ciisaa jira. Du’uu hin oolu jedhamee shakkama.
Sababni barataa kana akkanni waraanamu isa godhe walgayii barattoota Ona kanaa dhiheenya kana gaggeeffamerratti OPDOn guutamee walgayii kanarratti A B O farra Ummata Oromooti jedhee waltajjii kanarratti dubbachuu isaatini. Tarkaanfii kana kan fudhate barataa Suyyum Fiqiree jedhamuudha. Lamaansaaniituu jiraataa magaalaa Saqqaati.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!