Hagayya 17, 2006 (Oromiyaa) Wayyaaneen ajajoota waraana fii loltoota isaanii irratti qorannoo marii jechuun if rakkisanii waraanaas akka rakkisaa jiran barameera.
akka kanaan Magaalaa Harar keessatti ergamtuun wayyaanee kan tahe Generaal Baacaan waraana walgahii marii jedhee guyyaa sadihiif walitti qabee maaltu isin rakkisee akka waraana keessaa baqattan isin godha jechuun gaaffii yoo waraana gaafatu, namtokkolleen odoo deebi'ii hin laatiniif guyyaa sadeenuu akkuma nama duudaatti waanuma inni jedhu dhageeffachuun akka fixan barame, sababa kanaan Baacaan rifatee maaf ostan yeroo jedhuus deebi'ii waan dhabeef ifii isaatiifuu akka shoorarkaa keessa seene ibsama.
************
Wallo - Ajajoonni wayyaanee ajajoota waraanaa warreen sadarkaa korneelaa olii kan saboota adda addaa Ona Dasee bakka Xiixaa jedhamtutti walitti qabanii waa'ee Generaal Kamaal kaasanii yeroo isaan balaaleeffannaa fii dadhabina isaa ibsuu yaalan, ajajoonni achitti argaman wanni isaan deebisaa itti deebisan, duraan isin kanaan dura nama kana jeeynummaa isaa fii jabina isaa nuu odeessaa turtan, arra immoo inni deeme jechuuf waan akkanaa nutti himtanii jechuun jeequmsi guddaan ka'ee wal gahiin yeroo facaatee achii mooraa keessatti manarraa gadi bahan, mooraan paanfileetii ABOn haa lalisu wayyaaneen haa dhabamtu kan jedhu guutamuu arganii naasuu suniis warri achi dhaqe baqatanii, ijoollee immoo yeroo suniif mooraa sun waardiyaa eegaa turte akka hatattamaan achii jijjiiran ibsameera.bakki ona Dasee mooraa Xiixaa keessatti tahamte.
Yeroo ammaa kittillaayyoonni wayyaanee OPDOn ummata oromoo finfinnee keessa jiraatan mangudootaafii dargaggoota suusiidhaan qabamanii jiran walitti qabanii nuti cunqurfamoo ilmaan oromoo kan ta'an kan akka Ibsaa Guutamaafaa kitaabarratti suura isaanii maxxansuudhaan walii gallee jirra waliin hajjechaa jira jedhanii goyyomsaa jiru garuu kan warren walgahii kana irratti hirmaatan isin warra ilmaan oromoo qalaa turtanidha warra akka walisaa Eebbisaa Addunyaafaa, Gaaddissaa Hirphasaafa maaliif ajjeestan jedhanii gaafannaan isaan kan du'an waraana ABO waan ta'aniif waranaa godhame irratti du'an malee nuti hin ajjeesne jedhanii deebisuuf yaalanillee ummanni kun gaaffiin dura dhaabbatee jira. Namoota gaaffii kana gaafatan immoo maqaa isaanii qabatanii jiru maaliif maqaa Keenya qabdu jennaan gaaffiin keessan dhuga qabeessa waan ta'eef abbaa duulaa isin qunnamsiifna jenneetu jedhanii deebii kennaniif.
Dabalataas immoo kitaaba isaan qopheessanii jiran irratti suura Leencoo Baatiifii Leencoo Lataafaas maxxansanii warri kun ummata Itiyoophiyaa addaan qooduuf kan bobba'an ta'uu beekaa jedhanii pilaasmaadhaan agarsiisaa jiru isaan ilmaan Baalabbataati ilmaan adaariiti , ummata kiristaannummaan beekamtu Islaama gochuufidha, kiristaannummaa kan balleessan ,alqaa'idaa waliin kan hiriiranidha fii KKF jechuudhaan kitaaba maxxansanii jiru.
Bulti arfan kana keessa wayyaaneen konkolaataa volvoo harkifamaa 40 meeshaa waraanaafii nyaata waraantotaaf ta'u fe'aa gara bahaatti guuraa jiraachuuun beekameera.
Mootummaan Shororkeessituu Wayyaaneen Ummata Saamuuf Karoorfattee Hojjetti!
Waayyaaneen yeroo amma abdii kutachuu dhaan, ykn yoon ani hin jiraanne ´´biyyi hookkara keessa gala´´ jechuun of dhaaduuf jecha akkuma amala ishee waraana ishee uffata ummataa itti uffisuun akka ummata saaman gochuuf akka karoorfatte hubatame. Kun ´´anatu nagaa eega, nagaan ana malee hin jiru, Sababni Nageenyi kan boorahuufi saamtonni akka biyya rakkisa jiraniini.´´ jechuun fakkeessuuf akkuma kanaan duraa loltoota ishii saamicha irratti bobbaasuufi kan jedhu waan bali`naan ka`aa jiruuf Uummanni Oromoo qabeenya isaa dammaqinaan akka eeggatu haa ta´u. Yeroo sochii biyya irraa biyyatti godhus maallaqa isaa toftaa adda addaan daddabarfatuu malee maallaqa guddaa baatee akka hin sochoone akka Oromoof labsamu sabboontonni Oromoo dhaammatu.
***********
IBSA EJJENNOO MAADHEE GAFARSA KORMAA GODINA SHAWAA BAHA AANAA DUGDAA BOORAA
Nuti miseensotni maadhee Gafarsa Kormaa haala siyaasa yeroo amma irratti sadarkaa adda addaatti miseensota jiran waliin marii bal'aa erga adeemsifineen booda ibsa ejjennoo kana baasne jirra.
- Ummantin Oromoo marti barattoota , barsiisota, fi hojjettoota shira fi olola wayyaaneetiin osoo hin gowwoomini diina dura dhaabbachuudhaan kufaatii isaa akka saffisiisan
- Qaama qabsoo gootota barattoota Oromoo kan ta'e tarkaanfii barattootni Ona dugdaa booraa dhiheenya kana godhan dinqisiifachaa, barattootni fi ummatni Oromoo kana caalaa gurmaa'uudhaan qabsoo ABO dhan hoogganamu cina akka dhaabbatani waamicha ni goona.
- Adeemsa dhaabni keenya ABOn paartilee biraa waliin TUMSA BILISUMMAA FI DIMOKRAASII godhe dinqisiifachaa hojii karaa kanaan nutti kennamu mara dalaguuf qophaa'a dha.
- Tarkaanfii B.J Kamaal Galchuu fudhate dinqisiifachaa lammiwwan Oromoo mooraa wayyaanee keessatti hafanis tarkaanfii akkanaa akka fudhatan ni gaafanna.
- Gumaachaa deggersa dhaabaa keenyatiif Sabboontonni hojjetootni qarshii 1000, barattootni ammo qarshii 500 walittiqabaatti qarshii 1500 kan gumaachan ta'uu ni ibsina.
Haaluma wal fakkaatuun barattootni miseensota maadhee kana jalatti ijaaraman ibsa kana baafatanii jiru.
- Nuti barattootni mana barumsaa aanaa dugdaa booraa keessa jirru qarshii fi Olola OPDOn hin gowwoomsamnu.
- Qabsoon keenya hanga bilisummaa saba keenyaattii itti fufa.
- OPDOn ummata Oromoo bakka bu'uuf dandeetti hin qabdu. Kanaaf dhaaba keenya ABO cina hiriirree mirga ummata keenyaaf ni qabsoofna.
- Dirqama dhaabni keenya ABOn nutti kennu mara galmaan gahuuf qophoofneerra.
- Leenjii barattoota kan OPDOn qopheessite dhimma ummata keenya waan hin taaneef yaada isaanii karaa kamiin iyyuu ni balaalleffanna.
- Nuti barattootni Oromoo marti kan biyya keessaa fi alaatti argamnu qabsoo Ummatmi keenya itti jiru karaa maraan akka jajjabeessinu dhaamsa keenya n i dabarfanna.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!!