Adooleessa 26, 2006 (Oromiyaa) - Gootonni Barattoonni Oromoo Gaarba Gurrachaa Walgahii Wayyaanee didan!
Wayyaanee OPDO yeroo ammaa Oromiyaa mara keessatti barattoota sadarkaa lammaffaa walitti qabdee waan isheenu hin beeknee fi hin galleef barattoota fi barsiisota barseeisa jettee xibaaraa jirtu irratti barattoti sadarkaa lammafaa gabra gurrachaa mana baruumsaa sadarkaa lammaffaa gaarba gurrachaa gaafa 17/11/1998 a.l.h bakka wal gahichaatti diddaa isaanii muldhaisanii juru.
Haala kanaan gootonni barattoonni Oromoo Gabra Gurrachaa walga'iicha dhiitanii bahanii jiru. Diddaa isaan muldhisaniis wayyanonni jeequmsatti jijjiiranii jiru. Barattoonni Oromoo kun dhaadannoo yeroo ammaa adda addaa dhageechisiisaa gara mana mana isaanitti galan.
Haala biraan naannoo dhuma kanatti kaampiin huumina darbatamma abiddan guubatu dhagahame jira.
*****
Gaafa 22/07/06: Konbolcha itti aanaa abbaa araddaa yuussuf Abdusamad kan ja'amu akka nuti jannu didda ja'anii goowwa ajjees itti erganii isa manaa dhabnaan jaartii isaa Aadde kariima Alii shariif cafaqanii maallaqa qarshii 50,000 saamanii isiis hamma oduun tun dabartu kanatti achi buuteen isiitiis hin beekkamne.guyyuma kana Bakar iissaa kan ja'amu feeddaganii qabeenya qarshii 20,000 tti shalagamuu saamanii isaas mana hidhaatti darban.haalli kun bifa haaraya naannoo suuniitti wayyaaneen karoorfattee jirtu tahuus baramee jira.
Gara birootin warri naannoo kombolchaa dhimmuma tokkoofillee wayyaanee fi jala deemtutti haajamuu dhiisuun biiroon qullaa ykn dowwaa oolti, tanaaf nutti haajamaa ja'anii nama rakkisan.ummannniis wanni ju'u,harree deeyma ba'attee qushaashaa fii udaan nyaattu itti hin haajamnuu hamma rabbi nurraa guysuttti ja'an.Baatii amaaraa tana guyyaa 5 nii waraanni gubbaa gad fe'an nam 10 hidhannoo walin waan badanii kaambii GARBA AS ja'amturraa keellaalee haadhuu guddisan. kun ammoo waan qabatamaa dhaa kanneen biraas akkasumattii badaa jiran bakkayurraa.
******
Godina Kibba Lixa shawaa Ona Sabbataa hawaasa magaalaa Sabbataa keessatti guyyaa kaleessaa ykn 24/07/2006 barattoonni kutaa 9-12 fi Teeknikii barattoonni 1070 ( kuma tokkoo fi Torbaatama) ta’an guyyaa kaleessaa wal-gayii wayyaaneen magaalaa Sabbaataa kessatti waamtee godhame kana sagalee tokkoon wal-gayicha dhiitanii bahanii jiru. Sababni isaas nuti isin waliin warra gumaati, nu saamaa, nu ajjeesaa, biyyaa nu aryataa fi nu hidhaa kan maal walgayii nu waamtan ? Hin qaanoftanu ? Ittiin jechuun dhiitanii yaa´aniiru.
Akkasumas barattoota 100 ol-ta’an sababa siyaasaan akka isaan wal-gayii kanarratti hin hirmaanne gootanii jirtu. Egaa nu waliin ammoo gochuun maaliif barbaachise ? Jechuun wal-gayii kana sagalee tokkoon dhiitanii yaa’anii jiru; dabalatas namni tokko galma kana keessatti hin hafne. Ummata magaalaa Sabbaataallee tarkaanfiin barattoonni sagalee tokkoon harra fudhatan kana heddu kan dinqisiisee fi gammachiise ta’u isaallee maddeen oduu naannoo sanaa nuuf insanii jiru.
Kanarraa kan ka’een yaroo ammaa kana Poolisoonni Ona kanaa barattoota baayyee hidhuuf kan adamsaa irra jiran ta’uu dabalanii eeranii jiru.
********
Shira wayyaaneen sabaaf sablammoota walitti buusuuf xaxxu!
Wallaga Baha ona A/ coomaan magalaa Finca’atii gafa 15/07/06 galgala keesaa sa´a 2:00 tii shirii wayyanottan qindeefamee dho’insa bombi ta’en yeroo lubbun nama tokko daru, dubaarti tokko madeese qabeenya dhunfa barbdesuun isaa dhagahameera.
Dho’insii kun kan gageefame hoteela Xiqir anbasaa, mana daldala Nugusee, Ababee fi Suqii nama Hayiluu jedhamuu irratii akka ta’e gabafameera. Kayoon dho’insa kana Sabafi sablamoota nannoo sana jiraan Oromoo irrati akka kakasuuf ta’e saxilamee jira.
Gocha kana kan rawachisees Itti gafatama Dhima Milisha aanaa sana kan ta’e lukee wayyanee Shimalis Balay jedhamu akka ta’es beekameera. Namtichii kun duraan dursee gocha kana qindeesuun akka irratti hin baramneef na dhukuba jedhee gara Finfinee deemuun isaas irratti dammaqamee jira.
Yeroo amma kana wayyanoonis matii qabeenyi issanii barbada’e watii qabuun kan shakitaan basaa jechuun saboontoota Oromoo maglaa sana hidhaatii naquuf akka hadamsaa jirachuun sababaa sirri isaanii irratti dammaqame kana dhoksuuf tattaafachuu irra waan darbu miti. Jareen kun (lukkeeleen) uumatinii akka wal irratii ka’uuf amma illee cimanii akka hojecha jiraan beekameera.
*******
Walgahii fi diddaa barsiisotaa Iluu Abbaa Booraa - Godina Iluutti walgayiin barsiisotaa itti fufee jira. Bifa kanaan Barsiisota Ona Daarimuu, Algee Faachii, Noophaa, Bachoo fi Hurrumuu magaalaa Mattuurratti deemsifamaa jira. Akkasumas kan Ona Goree, Shaallee Noonnoo, Diiduu, Aallee Diiduu, Halluu Buree fi Buree ammoo magaalaa Goreetti deemsifamaa jira. Egaa gaaffiin barsiisonni bakka lamatti walgayanii mariirra jiran kun kaasaa jiran akka waliigalaatti kana fakkaata.
- ABOn biyya kana yoo bulche malee nageenyi yoomuu argamuu hin danda’u.
- Gaaffiin Ummata Oromoo gaaffii ABO ti.
- Ummanni waan hubannaa siyaasaatiin isin dura bu’ee(isin dursee) waan jiruuf waan isin dhiyeessitan kana ummanni nu harkaa hin fudhatu; fudhaatus hin qabu.
- Miseensa ta’uun keenya isin fayyadamoo barsiisota fayyada ?
- Siyaasni barsiisotaa fi barattoo akkamitti hirmaachisuu danda’e ? Yoo ta’es waajjira hundaa maaf miseensa hin taasifne ? Barsiisotaa fi barattoota qofarratti maaf xiyyeeffannoon addaa godhame ? fi kkfn gaafachuun dabballota deebii dhorkanii jiru.
Walgahichis Boru akka xumuramu maddeen Iluu abaa boraa nuuf dhaamu.
********
Diddaa Barattoota Oromoo Walisoo! - Godina Kibba Lixa shawaa magaalaa walisoorratti barattoonni guyyaa kaleessaa ykn 24/07/2006 barattoonni kutaa 9-12 fi Teeknikii wal-gayiif walitti qabamanii walgayicha dhiitanii yaa’anii jiru. Akka kanaan barattoonni baayyinni isaanii 1000 ol-ta’anii dha. Sababani isaan dhiitanii bahaniifis:-
- Walgayiin kun nu hin illaallatu.
- Barattoonni baayyeen maaf keessaa qoodamanii hafan ?
- Nu isin waliin teenyee haa sa’uu jechuun dhiiga obboleettii keenyaa fi obboleessa keenyaatti qoosuu dha.
- Isin diina ummata Oromoo sadrkaa tokkoffaa keessatti seenaan isin beekuu dha. Fi kkfniin itti kaasuun namni tokko kan hin hafin dhiisanii tamsa’aniiru. Kanarraa kan ka’eenis jeequmsi magaalattii keessa akka jiru maddeen keenya dabalanii eeraniiru.
*******
Diddaa Barsiisotaa fi Barattoota Oromoo Godina Kibba Bahaa - Godina Kibba Bahaa (Zoonii Arsii) onoota Shaashamannee fi Arsii Nageellee keessatti Leenjiin OPDOn Barsiisotaaf kennaa turte Jalqabaa hanga dhumaatti mormii dhaan kan xumurame ta’uun dhagahame. Walgayiin kuni gara xumuraa irratti mata dureewwan tokko tokko irratti Mormiin guddaan akka isaan muuddate dhagahamee jira. Mata dureewwan osoo irratti walii hingaliin keessa
1) Tarsiimoo baadiyyaa
2) Waa’ee Imaammata barnootaa
3) Waa’ee nageenya Biyyaa ilaalchisee
Akkasumas Dimokraasii irratti walmormiin cimaan isaan muuddatuun dhagahamee jira. Barsiisonni kuni mata dureewwan kana irratti Gaaffii hedduu kaasanis Deebii tokkollee osoo hin’argatin bira dabranii jiru. Dhuma irrattis Fedhii barsiisotaatiin alatti akka waan barsisonni ibsa ijjannoo baafatanii ibsii isaan baasan Nun hin ilaalu jechuudhaan mormatanii jiru.
Gama biraan ibsa ijjannootti aansuudhaan Dirqamaan akka Unkaa Guutan yemmuu godhan barsiisonnis Unkaan nuti guunnu kuni Maali? jechuudhaan yemmuu gaafatan Armaan dura dhaaba kana keessa namni barate waan hin jirreef amma Nu keessatti miseensa haa tataniifi jechuudhaan Yeroo deebisan batsiisonnis Yeroo Hayyoota yaadattan hardhaa miti! Hayyoonni Hardha isin barbaaddan kanuma armaan dura Biyyaa Ari’aa, Hidhaa, Ajjeesisaa turtani jechuu dhaan ifaan ifatti itti himanii jiru. Kanas ta’ee amma warri marii kana irraa Qooda fudhattan hunduu miseensummaa ni guuttu jechuudhaan dorsisanii Unkaa Guchisiisanis barsiisonni kuni ammas Nuti duruu Oromoo Hardha humnaan waraqaan Oromummaa hin bitannu jechuudhaan Suuraa kennaa jedhaman dhooggatanii bahun isaanii dhagahame.
Gama biraatiin Haaluma kanaan kan walfakkaatu kolleeji barsiisoa roobee keessatti Marii OPDOn Barattoota Kolleejichaa waliin Godhuuf Saganteeffatte Jalqabumarraa mormiin cimaan kan isa muuddate yemuu ta’u guyyaa jalqabaa Hanga kitaabni Seenaa saba keenyaa Xureessu kuni gubatutti marii tokkollee isin waliin hin goonu jechuudhaan galma gadii dhiisanii bahuun ni beekkama kana booda Waraqaa Ragaa isinii hin kenninu jechuudhaan gara Waltajjii Seensisanii jiru. Ta’us barattoonni kuni erga marii OPDO seenanis gaaffiii Ciccimoo itti dhiyeessun Lukkeewwan wayyaanee Dhamaasaa turanii jiru. Dhumarrattis guyyaa Walgayiin kuni itti xumuramu Walaloo barataan Kolleejichaa barana ebbifame Nageessoo Tusuu jedhamu Waltajjii irratti dhiyeesseen Ifaajeen Guyyaa hedduuf OPDOn tattaafataa turte bu’aa dhabuu itti agarsiise Walaloon barataan kuni Dhiyeesse Mata Dureen isaa Oromiyaa kan jedhu yemmuu ta’u yeroo walaloon kuni dhiyaatu OPDOnni waltajjii irratti mataa olqabatuu dadhabanii hafuun isaanii dhagahame.
Qabiyyee walaloo kana keessa Hidhamuu, ajjeefamuu, biyyaa ari’amuu ummata Oromoo bal’inaan kan ibsu yemmuu ta’u gama biraan kitaaba irratti mari’ataa turan keessaa Ummanni Oromoo Dhiphoo dha, Ummanni Tigree Sammuu Bal’ata , Ummanni Amaaraa Uftuulaaa dha kan jedhu waan jiruuf isa kanas barataan kuni walaloo isaa keessatti Dhiphoon Ummata Oromoo osoo hin taane Namoota Kitaaba kana Qopheessanii fi namoota Kitaaba kana barreessan ta’uu itti hime. Kana booda barattonni Galma keessa jiraan osoo Namni tokkollee Teessoo irratti hin hafin bakka taa’anii ka’uudhaan gammachuu fi Deggarsa walaloo kanaaf qaban barataa Nageessoo Tusuu waltajjii irraa Baatanii buusuudhaan Kuun Badhaasuun kuun Mataa Gubbatti baatuun Deeggarsa isaanii itti Mul’isanii jiru.
Yeroma kama kana OPDOnni Sochii barattootaa kanatti akka malee Rifatan yeroo nageessoo Tusii walaloo isaa xumuree Waltajjii irraa barattootaan marfamee gadi bu’u Barruu inni Walaloo irraa Dubbisu akka isaaniif kennu gaafatanis Gootummaadhaan afoo dhaabbatee waan feetan Dubbatuun mirga keessani waan nuun jettanif Barreessee Dubbisuun kiyya mirga koo waan ta’eef Hin kennu jechuudhaan Dhooggatee Galma gadi dhhiisee bahuun isaa dhagahame. Kana booda barattoonnis isuma waliin galama gadi dhiisanii kan bahan yemmuu ta’u barattoonni kuni osoo bulchaan Godina Baalee Galma keessa jiru Yeroo akkasitti Deeggarsa isaan Nageessoo Tusuu tiif agarsiisan argu akka malee Aaruun Barattoonni isin Waggaa sadi guutuu Baruumsa gayaa kennineefii Kaayyoo Kenya Hubachiifnee amansiifne jirra jettan kan namni tokkollee teessoo irratti hafuu didee Mucaa kana Galmaa kessan fiigan kanaa? jechuu dhaan Ariidhaan galma gadi dhiisee bahuun isaa dhagahame. Kana boodas barattoonni kuni waraqaa ragaa Waggaa sadi’if itti ifaajaa turan yemmuu kennamuuf Nageessoo Tusiitiif Kennuu didanii Hidhuudhaaf yeroo barbaadan kolleejicha gadi dhiisee Baqatee jira.
Godinuma kana keessatti ona Dodolaa keessatti Kitaabni OPDOn Barattoota Oromootiif Qopheessite mormiin Cimaan akka isa muuddate Dhagahame. Gootonni barattoota dodolaa fi Adaabbaa Jalqabuma irraa Mormii guddaa dhageessisaa turanii jiru. Haa ta’uutii Guyyaa Wiixataa Mormii isaanii Cimsuudhaan Kitaabni isin nutti fiddan kuni kan Seenaa saba keenyaa xureessu kan Seenaa Warra Gooftolii keessanii Leellisu waan ta’eef Haalan mormina jedhanii jiru. Kitaaba kana irratti mari’atuu irra Gallee Maatii keenyaa Hojjatuu nuuf wayya jechuu dhaan itti himanii jiru. Isin Qarshii 10.00 nu sobuu barbaaddu nuti garuu qarshhii 10 miti qarshii 1000.00 osoo nuuf kennitanii Saba keenya Xiqqeessu irratti hin mari’annu jedhaniinii jiru barattoonni kuni itti Ansuunis isin kan sodaattan ABOti kana nutis ni beekna. Isinis ni beektu. Kana irratti wanti beekuu qabdan garuu ABO Kaayyoon isaa Kaayyoo Abbaa Biyyummaa ta’uu isin barsiisuu feena jechuu dhaan ifaan ifatti itti himanii jiru. Kana boodas jalattaniis jibbitanis Bilisoomuun Ummata Oromoo hin hafu! kanaaf Osoo nurraa teettanii jechuu dhaan tarkaanfii biraatti Dabranii jiru.
Barattoonni kuni Mormii isaanii kan afaanii qofatti osoo hin dhiisin Lukkeewwan diinaa Waltajjii gaggeessaa turan tokko tokkoo isaanii maqaa dhayuu dhaan amma isin nama Waa’ee Ummata Keenyaa nutti himuu jechuu dhaan Ergamaa Diinaa kan ta’e barataa Kolleejii barsiisota roobee Keessa Dhufee waltajjii gaggeessa ture ati teetiifuu barataa dhaa nurraa bahi jechuu dhaan Waltajjii Gubbaa buusanii gara alaa ari’anii jiru isaan hafanis Barsiisaa kolleejii Open 2020 jedhamu barsiisus Jibriil nama jedhamu battalumatti ufirraa baasanii jiru. Itti fufunis barattoonni kuni Ergamaa Diinaa Qaadiroo Jaaraa jedhamus Ari’anii erga waltajjii Dhuunfatanii booda Barattoota armaan dura isaan basaasaa turan lamas isaan waliin gara alaatti Gadi’ari´anii jiru. Sana booda Galama itti mari’ataa turan keessan cufatuu dhaan Barattoota keessa nama Waltajjii gaggeessu filatanii Guyyaa guutuuf Marii isaanii waa’ee Qabsoo Oromoo yeroo ammaa ABOtiin Gaggeeffamaa jiru irratti bal’inaan mari’ataa Olanii jiru. Erga Marii isaanii Xumuratanis Nagayan gara mana isaanii Balbala uf jalaa banatanii gara mana isaanii galanii jiru.
*******
Odeessa diddaa Barattoota Oromoo Lixa Shawaa! - Har’dha adoolessa 25, 2007 goototni barattota Oromoo mana barums Amboo sadarkaa lammaffaa mana barumsa giincii sad. 2ffaa, xuqur hincinnii sad.2faa wali-ga’ii daballootni wayyaane barattota sadarkaa tokko hanga soddomi sagalii (39) qaban walii ga’iif hirmaachiisu gootota barattoota lixa shawaa Mormii ciimatiin osoo OPDO sanganta isaan hin jalqabni walitajjii dhitan ba’aniru.
Kanatti aansuun sababoonnittotni barattota Oromoo mana barumsa Amboo sad.2ffaa daballoota wayyaanee waliga’ii hirmaachiisu yaalan dhagaa dhaan bakka sana gadi lakkisiisani dhadannoo adda addaa dhageesisa osoo jiran humnootni hidhatoota wayyaanee kan poolisii naannoo fi federalaa waliin falmaa hadhawaa godhaa jiru. Akka kanaan konkolatan leenjii poolisota sanqalee tokko caccabsuun; akkasumas konkolata wajjira mootummaa tokko dubartii tokkotti butte madeesinan akka konkolatan kun garagaltu taasisan bollla keessatti akka kuftu taasisaniru.
Dhadannoo sab- boonnitoota barattota Amboo sadarkaa 2ffaa akka armaan gadi ta’a.
- Nuyi barattotni Oromoo waliga’ii wayyaanee ta’uuf sadarkaan addaan hin baanu!
- Barattonni mana hidhaa jiran hanga hiikamanii isaan waliin isin waliin rakkoo irratti marhanutti isin waliin qofa keenyaa hin teenyuu! Bakka gootonni barattoonni fi sabboontonni Oromoo marti hin hiikaminitti wal gahii keessan irratti hin hirmaannu!
- Nuti warra Qarshin bitamu akka hin taani firrii fi diinni illee akka hubatu ibsina!
- Finfinneen seeranis ta’e heeranis lafa Oromiyaa waan ta’eef wajjiri jiranif maqaan ishee Addis Ababa jedhu akka gara Finfinneeti jijiramu. Dantaan isheen Oromiyaaf kennitu seeraan mirkanaahu!
- Hogannoon fi miseesonni walda maccaafi Tullammaa akkasumas gazixeesitonni barattoonni sababa gaffii biyyummaa isaanitiif jecha hidhaman haa hiikaman!
- Gaffiin keenyaa hanga deebi argatutti, gaaffiin mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu fi fi gaaffiin bilisummaa deebbii argatutti qabsoon keenyaa har’adhas ta’ee borus itti fufa!
Walumaa galatti barattotni Oromiyaa keessa jirtan qarshii wayyaanee kanan kaayyoon keessan akka hin dagane wamichaa Lammummaa dabarsina. Qabsoo keenyaa immoo tokko taane bahaa dhihaatti, kabba kibbaatti, akka ciiminan itti fufnu ka’a! wal ijaaraa! Wal jabeessaa!