Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Adooleessa 8, 2006 (Oromiyaa) - Zoonii Arsii lixaa Ona Shaashamanee irraatti Haati manaa Mallas Zeeawii Azeeb Masfin maqaa HIV /AIDS jedhuun Ummata Zoonii Arsii keessaa walitti qabanis Haalli isaan yaadan Ummataan harkaatti fashalaayuun dhagahame. Lukkeewwa Diinaa kan akka Bakar Shaalee Bulchaan Arsii Lixaa jedhamu keessatti Uffannaa Aadaa Arsii Bookee itti uffisuu isaatiin Ummata biraa Balaaleffannaa Guddaa akka isa mudatees dhagahame. Ummannim Zoonii Arsii keessaa walitti qabame akkuma Isiin Dhimma Dhufteef dhiistee ergaa Abbaa warraa ishii Galmaan gayuuf akkuma oduu jalqabdeen ummani Galma Magaalaa Shaashamanee gadi dhiisee biraa yaa’uuis dhagahame.

Zoonii Arsii Ona Siraaroo  Ganda Shaashoo Golgee jedhamu keessatti Tarkaanfiin Lukkeewwan diinaa irratti fudhatamu jabaatee itti fufee jira. Guyyaa 3/07/2006 tti Ummanni ganda Shaashee golgee Saa´aa 10:00 hanga Saa´aa 2:00 Waraana Wayyaanee waliin Dhukaasa erga walitti bane booda Hidhattoota gandaa lama Ajjeesanii jiru. Hidhataa gandaa Ummata Rakkisaa ture battalumatti kan ajjeessan.

Hidhataa Gandaa tokko irraallee Qawwee Kilaasha Hiikkatanii Qaama Isaa Rasaasaan Caccabsuun dhagahame. Ganduma kanatti Manneen lukkeewwan Diinaa ta’an irrattis Adabbii Ibiddaa irratti fudhatanii jiru. Adabbiin kuni manoota shan irratti fudhatame. Huumni ummataa kuni yeroo amma akka malee Ona Siraaroo keessatti kan socho’aa jiru yemmuu ta’u amoota Gochaa Farrummaa kana Irraa hin deebine hunda irratti kan Tarkaanfii fudhatu ta’uu hubachiisee jira. Lukkeewwan diinaa tarkaanfii Ona kana keessatti jabaataa Dhufe kanatti akka malee rifatan naannoo gadi dhiisanii Baqataa jiraachuun idsaanii dhagahame.

*******

 

Oromoon bakka argetti hidhamuu fi ukkamamuun itti fufee jira. Haala kanaan nama Mahaaddi Usmaan Umar jedhamu badii tokko malee Oromummaa isaan yakkamee buufata xiyaaraa Finfinnee irraa qabamee bakka buuteen isaa wallaalamuu hubatame.

********

Yeroon ammaa wayyaaneen yeroo itti uummata Oromoo (sabboontota) Oromoo walitti dhufeenya isaanii nan hanqisa wal irraa isaan fageessa jedhuun halkanii fi guyyaa hojjechaa jirti. Kanaaf ilmaan Oromoo irratti duula shiraa fi tika itti bobbaasuun basaasuu itti fuftee jirti. Kun amala ishee bara dheeraa ture. Ammas kanumatti jirti. Keessaatuu erga tumsi Bilisummaa fi Demokrasii ijaaramee kaasee namoota sobaa warra ani ABOdha jedhan ijaaruun sabboontota Oromoo basaasuu itti fuftee jirti.

Maadhee ABO isa sirnaa bira ga'uuf waan isheen itti hin dhamaane hin jiru. Argachuun garuu isheef hin dandahamiin jira. Fakkenyaaf : Wallagga Dhihaa Ona A\Gullisoo fi naannoo Gimbii irra socho'aa jirti. Haala kanaan gaafa 08\06\06 odeeffannoo dharaa basaasoti ishee garaaf bulanii irraa argataniin mana sabboontota Oromoo nagaan jiraatan galanii qabeenya saamuun isaanii hubatamera.  

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net