Caamsaa 14, 2006 (Oromiyaa) - Barataa Oromoo yuniversity maqalee keessatti murini gita bittuu wayyaanee boombii itti darbattee madeessite balaan guddaa irra gahee jira. Barataan balaa saniin miidhame gara hospitaala fudhatamee osoo haftii dhuka'aa lamaa qaama isaa keessa jiraachuu isaa dooktaroonni dubbataa jiranii, qalanii luka isaa keessaa basuun osoo irra jiruu batanii gara waajira poolisii geessanii ammaan kana hidhaatti jira.
Barattoonni kaleessa 5/12/2006 illee afoo yuniversity management tti wal gahanii iyyaa turan. Garu, mucaan maaliif hidhama jechuun? Poolisiin qulqulleessaa jira jedhan. Akkuman walii dhaamaa turre akka waan inni osoo baatee deemuu harkatti dhuka'e fakkeessuu yaaluutti jiru. Mucaan keenya library dha isa duukaa bahe ni ture, inni illee dhuka'aan huccuu isaa ciree darbe. Isa mataa isa ni qabu jedhamee shakama. kan isaan soqaa jiran barattoota foonaa keessatti socho'an addaan baasuun qabanii hiraarsuu dha. Akeeki isaanii sochii barattoota Oromoo jiru dhaabuu fi balleessuu dha. Shakkii ijoollee gidduuttis umuuf hojjechaa jiru.
Har'a 5/13/2006 student council wabii ta'ee mucaa jiraaf du'aa gidduu jiru akka baasu iyyina. Vise president yunversitychaa Dr. Muluu Bahiree jedhamu, hanga poolisiin ragaa ta'aa nuun jedhutti hin gadhiisnu, isin iyyitaniif miti. Yakkamaa to'achuun hojii keenya jedhe. Wanti si ajaa'ibu garuu, yakkamaan kam iyyuu madaa akkasii baatee hidhamuun akka fair hin taane itti himnee Oromoo ta'uu isaatiifis dhimmi kun akka jabaatu wan itti yaadamee hojjetame dha.
************
Yeroo ammaa kana Wayyaneeni humna waraanaa heeduu gara bahaa kanatti guuraa jirachuunshii beekamaa dha, konkolaataa heedutu gidduu kana dirqamaaf Finfinne
irra gara Dirree Dawwaa kana humna waranaa deddebisaa jirachuu beekame isa argeera, gama xiyaaratiinis sochiin jiraachuun isa kan muldhisu ganama ganama leenjiidhaf eguu balali'an ni argama. Odeeffannoon jirumoo humna waraanaa gara 50,000 kan ta'u gara baha kanatti bobaasuuf akka qopha'a jirtu dhagahama.
Kanuman walqabatee, torbaan kana wayaaneen, hoggontoota/dabballee Dirree Dawwaa jiran hunda saanii gara Finfinneetti walga'idhaaf waamteetu jirti, hardhalee D/Dawaa hin jiraan. Akka natti fakkaatutti kanumarratti mari'achuuf natti fakkaata.
FDG Dirree Dawwaa kana keessati jabaachaa jira, keesumaayuu bakka Oromoon heduu jiratanif, mana barnootaati, guyyaa guyyaatti ijooleen polisiiti dhagaa ni darbatti, keesa keesaa qabdee hitee hin gadhiisti kun itti fufaa jira. Kun otoo kanaan jiruu, wayyaaneen FDG kana bifa isa jijjirudhaaf jecha Ummata Oromoof Somalee walitti buusuu dhaaf yalii goteeti.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!