Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa

Ebla 14, 2005 (Oromiyaa) - Godina Kibba Lixa Shawaa keessatti Manni Baruumsaa Gutumaan dhaabbatee Jira Hardha Manni baruumsaa Sadarkaa Lammafaa "Tajii" Fincilaa kaasanii baratoonni heddu qabamanii hidhamuu isaanii oduun achii ba`e ibsee jira. Oduun kun akka ibsetti  Magaalan poolisoota Federaalatiin kan guutamte yoo ta`u baadiyyaa keessa galuun barattoota qabaa akka turan barame. Haaluma kanaan Manni baruusa sadarkaa Lammafaa "Hibrat Firee" Sadarkaa Tokkoffaa Fitawraarii Abbaamachaa Tullu Boolloo  keessatti argamu  Torban darbeen kaasee kan dhaabbate yoo ta`u. Gaafin keenya deebi`u malee hin barannu jechuun barattoonni ijjannoo isaanii cimsanii jiru. Kaleessa galggala Bulchiisni Magaalaa Tullu Boolloo  Uummanni akka walga`ii ba`uuf magaalaa keessa deemun kan waaman yoo ta`u, uummanni walga`ii baanan, Baratoota Nagaa booressan 17 irratti tarkaanfii fudhanna  isaan hafa gorsaatii hardhaan kaasee yaabaratan  jennaa, uummanni dallanuun ijoollee eenyuu irratti Tarkaanfii fudhattu??? jechuun walga`ii isaanii  dhiitanii ba`an. Walumaa Galatti Manni baruumsaa cufame Sabataa Tajii, Tullu Boolloo Ta`uun beekkame.

**********

Haalli baratoota yuunvarsitii haromayaa keessatti uumameen walqabachiisee barattoonni tigree mana shaayii yunivarsitichaa cabsanii biiraa fi lallaafaa achi keessa jiru saaxina afur guutu fixanii jiran kana malees qarshii kuma kudha shan saamanii jiru, kaardii mobaayilii gurguraaf achi jirtu kan baayyee taate saamanii jiran. Yeroo isaan kana mara godhan. Waraanni tigre yeroo cal jedhanii laalan. Waraanni OPDO yeroo dhufee maaf kana gootan? jedhuun  isin maaltu isin galcha. qawwee nuti nuun eega jennee isin hidhachiifneen nu sodaachiftani jedhanii qaanessanii jennaan opdoniis ofitti aartee baratoota tumnaan warri tigree opdo  itti garagaluun iddoo sanirraa ari'anii jiran.

Kaleesa (Ebila 13-2006) galgala waraanni wayyaanee doormii ijoollee dhalaa seenanii dubartii Oromoo takka tan yeroof maqaan isii nu gehin takka odoo humaa hin balleessin tumuun harka cabsanii jiru.

Haraa (Ebila 14-2006) magaala haroomaayaa manni barnoota daandii boruu kan oolmaya daaimmanii irraa hanga kutaa jahaa qabu fincila diddaa gabrummaa itti fufaa oolan ijoolleen olmaya daa'immanii baratanilleen osoo hin hafin dhaadannoo ABO faarfatuu fi kan opdo abaaru qabatanii magaala keessa naannawaa oolan. Ijoollee umriin isaanii waggaa kudhan hin geeyne kanatti poolisiin magaala harar irrallee osoo hin hafin itti bobbaatee jirti.

**********

G odina Jimmaa Ona Saqqaa Coqorsaatti guyyaan kaleessaa jechuun gaafa guyyaa 13/04/2006 ayyaana OPDO ture. Akka kanaan ayyaanni kun gootota barattoota Oromootiin gara hiriiraatti jijjiramee oole. Alaabaa OPDO buusanii kukkutanii dhaadannoo ayyana jaraarratti jarri qopheeffatan A B O arrabsu fi abaaru kukkutanii gataniiru. Kan baayyee nama dinqu!!! Alaabaa OPDO buusanii erga ka’anii Saree guddaa tokkotti hidhanii gadhiifnaan guyyaa guutuu Sareen kun magaalaa keessa fudhatee olii gad- fiigaa oole. Sirba ejoolleen kun magaalaa keessa olii gad fiiganii sirbaa oolan keessa inni duraa Eebbisaa Addunyaa, kan Oromiyaa bulchu ABO dha.

OPDO’n ummata Oromoo bakka hin bu’u A B On Nu haa bulchu fi kkf sirbaa olaniiru. Egaa akkuma walii galaatti tarkaanfii maadheen Huursaa Gibee guyyaa kaleessaa magaalaa Saqqaa keessatti fudhachiise baayyee baayyee kan nama gammachisu dha. Poolisoonni haala kana dhaamsuuf yaalanuuyyuu itti hin milkoofne. Gara biraan guyyaa kaleessaa fincilli mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Jireen keessatti ka’ee ooleera; guyyaa kaleessaatii qabee haalli baruu fi barsiisuu dhaabbatee jira. Guyyaa harraa barattoonni kuma sadii ol ta’an walgayii bulchiinsa godinaa fi dabballoota wayyaanee waliin mooraa mana barumsichaa keessatti taa’amaa jira. Mooraan mana barumsichaa poolisaan marfamee oolee harrallee akkuma sanatti jira. Tarkaanfiin kun mana barumsichaa keessatti akka fudhatamu kan godhanii fi qindeessan miseensota maadheleeti. Ona Qarsaa keessatti namoota qabanii hidhaa jiru; akka kanaan Hayidar Mahammad- hasan A/Bulguu fi Abdallaa A/Garoo jedhamanu yaroo ammaa waajjra Poolisa ona Qarsaatti hidhamanii jiru. Namoonni baayyeen ammo qabamuu dhaaf barbaadamaa jiru. Injifannoon Ummata Oromoof! Dadaan gadaa bilisummaa ti!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net