Caamsaa 6, 2006, Oromiyaa) - Gaafa 4.4.2006 mootummaan Wayyaanee barreessaa Macaa fiTuulamaa kan ta`an obbo Mangistuu Dastaa hidhuun ishee oduun biyya irraa nu ga`e addeesse.
Humni tikaa wayyaanee fi poolisiin wal ta`uun mana jireenyaa obbo Mangistuu marsanii erga bulanii booda waraqaa mana murtii malee mana jireenya isaanii sakata`uun ,maatii guutuu akka hinsosoone iggituun waan mana isaanii keessatti argate hundumaa saamuun obbo Mangistuu mana hidhaa Maikalaawwiitti gadi darbattee jirti.
Meeshalee fi dokumentii waldaa Macaa fi Tuulama yeroo biiroo isaanii cuftee hogganoota isaa hiite mana kuusaa keessa ture amma gadi baaftee karaa irratti birrii tokko tokkoon gurgursiisaa akka jirtus beekamee jira.
Amma yeroo Oromiyaa guutuu keessatti ummati akka miseensoti WMT hiikamaniif iyyaa jiran keessatti tarkaanfii akkasii fudhachuun ishee abdii kutannaa irraa kan ka`e ta`uu agarsiisa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan gadaa Bilisummaa ti!!
|